Gara Worra Rooma'aa 13 - Waadaa Haarawa

Namoota Mootumm'aa Ka Aangoo Qabaniif Ajajamuun Akka Malu

1Angoon kum'llee ka argamu fedhii Waaqaatiin waan ta'ee fi namoonni amma aangoo qaban'llee ka muudaman Waaqaan waan ta'eef, naminni marrinuu, aangoo qabeessa isaa oliitiif ajajamuu ni qaba.

2Kanaaf nama aangoo qabuun ka mormmuu marrinuu, ajaja Waaqaatiin ni mormma, ka hin ajajaminne marri'llee mataa isaa irratti, murtii adabbi'ii ni fida.

3Bulchitoonni ka sodaachisan hamaa raawwattoota malee, worra mishaa raawwatoota ta'aniifii miti, nama aangoo qabu akka hin sodaanneef ni barbaaddaa ree? Eegasuu waan mishaa ta'e raawwadhu, isaan irraa'llee galata ni argatta.

4Aangoo isaatiin waan mishaa akka si raawwatuuf ka muudame, tajaajilaa Waaqaati, ka aangoo qabu billaya ka hidhate tasaaf waan hin ta'iniif, hamaa raawwataa yoo taate ka aangoo qabu sodaadhu, inni hamaa raawwattoota adabu'uu fi haloo Waaqaa muldhisu'uun, Waaqa ni tajaajila.

5Kanaaf namoota Mootumma'aa ka aangoo qabaniif, ajajamuun isin irraa ni mala, ka ajajamittan'llee dheekkamssi Waaqaa waayee sodaachu'uu qofaaf uduu hin ta'in, waan sammuun keessan isin comatuuf ta'uu ni qaba.

6 Mat 22:21; Mar 12:17; Luq 20:25. Gibira ka kafalttan'llee kanaaf, worri aangoo qaban hujii kana irratti ka bobba'an, Waaqa tajaajilu'uuf.

7Eegaa nama aangoo qabu ka ol aanaa ta'eef raawwatamuu waan qabu maraa raawwdhaa, gibirri ka isaan maluuf gibira, ashuuraan ka isaan maluuf ashuuraa kafalaa, sodaachuun ka maluuf sodaachuu, ulfinni ka maluuf ulfinna kennaa.

Ufii Keenna Waayee Wol Jaalachu'uu

8Liqaan eennuutuu isin irra hin jiraatin, liqaan isin irra jiraachuun malu ufii keessan wol jaalachuu qofa haa ta'u, nama ka jaalatu seera ni raawwata.

9«Hin sagaagalin, hin ajjeessin, hin hatin, ka nama bira'aa ka ta'e woma kamiinuu hin hawwin!» ajajoota jedhanii fi ajajoota kaanniin mara'llee, «Nama akka mataa keetii taasisii jaaladhu» ka jedhu'llee, ajajuma tokko keessatti, wolitti qabamee ni argaman.

10Naminni ka jaalatu marrinuu ka jaalatu irratti waan hamaa hin raawwatu, kanaaf nama ka jaalatu seera maraa ni raawwata jechu'u.

11Eegaa hirribaa saa'aatiin itti dammaxxan amma gayuu isaa beekaa, duraan yeroo itti amanne irra amma guyyaan itti fayyinu caala'atti, gara keenna dhiyaatee jira.

12Halkan dabrra'aa jira, guyyaan'llee dhiyaatee jira, kanaaf hujii dukkanaan hojjatamu akka dhiisuuf, meeshaa woraanaa ka ifaa haa uffannuu.

13Gammachuu haga dhabeen, machi'iin, sagaagalaa fi wiriqachu'uun, wol mormiinssaa fi hinaaffa'aan uduu hin ta'in, akka namoota ifa guyya'aatiin jiraatanii titti, ufi toowanna'aan haa dedeebinuu.

14Kanaaf Gooftaa Yesus Kristosiin uffadhaanii malee, fedhii foon keessan guutu'uuf, hin yaadinaa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help