1 Hisqeelii Raatticha 47:1; Zakkaariyaasii Raatticha 14:8; Iyyu'eelii Raatticha 3:18 Baadaa isi'ii jidduu teessoo Rabbiitiif teessoo Hoola'aa waan akka bilille'ee callanqisu laga bisaan jireennaa natti mudhise.
221:21; Hisqeelii Raatticha 47:7, 12; Seera Uumamaa 2:9; 3:22 Laga gamaa fi gamana ji'a ji'aan muka jireennaa daraaraa kudha lamaa kennutu jira. Baallii mukaa ka banniin itti fayye.
3Zakkaariyaasii Raatticha 14:11 Ammaa achi abaarsi sirrima hin ta'u, teessoon Rabbiitii fi Hoolaan Rabbii isii keessa ta'a. Garboonni isaa isa kaddaaman fuula isaa keessa laalan.
4Kitaaba Faarfanna'aa 17:15; Mat. 5:8; Mudh. Yoh. 3:12 Maqaan isaa kallacha isaanii irraa jira.
521:22-25; Isaayyaasii Raatticha 60:19; Daani'eelii Raatticha 7:18, 27 Amma achi hin halkanaawu. Waandhi Gooftaan waan isaanii ibsuuf ifaa fi ifti adu'uullee isaan hin barbaachisu; baraa haga bara baraa hin mooyan.
Deebi'ee Dhufuu Yesuusii6 21:5; 11:1; Daani'eelii Raatticha 2:28 Innillee, «Jechoonni kunniin amanama'aa fi ka dhuga'aati. Ayyaanni raattotaa, Waandhi Gooftaan keenna waan dafee ta'u'uuf ta'u garbootatti akka mudhisu, Maleekkaa erge.»
7 1:3 «Ani, dafee dhufa, ka raaga dubbii kitaaba kanaa eegu, eebbifama'a» naan jedhe.
8 1:4, 9; 19:10 Kanallee ka arge ana Yohaannis, hennaa dhagayee fi arge; hennaa kana natti mudhise, luka maleekka'aa afo'otti sagadu'uuf gad kufe.
9Innillee, «Akkas akka hin goone uf eegi! Anillee siif obboloota kee, raattota woliin namoota dubbii kitaabaa kana eegan woliin anillee garbichaa Rabbii sagadi» naan jedhe.
10 1:3; 10:4 Anaanillee, «Barri dhiyaateera, dubbii raagaa ka kitaabaa kana chaappa'aan hin cufin.
11Daani'eelii Raatticha 12:10 Hamaanillee hammeennuma ufii haa godhuu, battaayaanillee battummama ufii haa godhuu, qajeelaanillee qajeellummama ufii haa hojjatuu, woyyuunillee woyyummaa ufiitiin haa jabaatuu» jedhe.
12 2:23; Isaayyaasii Raatticha 40:10; 62:11; Kitaaba Faarfanna'aa 28:4; Ermiyaasii Raatticha 17:10; Rom. 2:6 «Ani dafee dhufa; isaan maraafuu akkuma hujii isaaniititti isaanii kennu'uuf gatiin isaanii na bira jirti.
131:8, 17; 2:8; Isaayyaasii Raatticha 44:6; 48:12 Aalfa'aa fi oomeegaa, ka duraatii fi ka maayessaa, ka jalqabaatii fi ka dhumaa ana.»
14 Seera Uumamaa 2:9; 3:22 Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachati'ii seenu'uuf worri uffata isaanii miicatan eebbifamtoota.
1521:8; Filph. 3:2; Qor. 1ffaa 6:9-10 Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolffamaa kaddaaman, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran.
16 1:1-2; 5:5; Isaayyaasii Raatticha 11:1, 10 «Ani Yesuus tokkummaa woldaa Kiristaanaatitti kana akka isinii ragu Maleekkaa kiyya erge. Ani hidda fiixaa Daawitii, urjii ganamaa ka ifu.»
17 21:6; Isaayyaasii Raatticha 55:1; Yoh. 4:14; 7:37 Ayyaanninii fi idaayyittiinillee «koottu!» jedhan. Ka dhagayullee «Koottu!» haa jedhuu ka dheebotellee haa dhufuu ka fedhe bisaan jireennaa akkanumaan haa fudhatuu.
18 Seera Keessa deebi'ii 4:2; 12:32 Raaga Kitaaba kana irratti barreffame kana ka dhagayu maraafuu ani hin raga. Eennullee kana irratti waan tokko yoo eda'e, Rabbi balaa kitaaba kana keessatti barreeffame maraa isarratti raawwata.
19Eennullee dubbii kitaaba raagaa kana keessaa yoo hanqise, hiree isaa muka jireennaa ka kitaaba kanatti barreeffamee, qachattii woyyittii Rabbii keessaa jalaa hanqisa.
20 Qor. 1ffaa 16:22 Ka kana ragu, «Ee, dafee dhufa» jedha.
Amiin! Gooftaa Yesuus, dafii koottu.
21 Rom. 16:24 Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haata'u; amiin!
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.