Ergaa Yohaannisii Ka 1ffaa 2 - WAADAA LAMMATAA

Kiristoos Wobii Keenna

1 Rom. 6:1-2; 8:34; Ibr. 7:24-25 Ijoollee tiyya, wonti kana isinii barreessuuf akka cubbuu hin hojjanneef, eennullee yoo cubbuu huje, Aabbaan biraa wobii qabna. Innillee Yesuus Kiristoosii qajeela'a.

24:10; Qol. 1:20 Inni woreega gumaa cubbuu keennaati. Kunillee nuu calla'aaf uduu hin ta'in cubbuu biyya lafaa maraaf.

3Nu yoo ajaja isaa eenne, akka isa beenne beenna.

4«Isa hin beeka» jedha'aa, ajaja isaa ka hin eenne, soba'a; dhugaanillee isaa keessa hin jirtu.

55:3; Yoh. 14:21, 23 Ka dubbii isaa eegu maruu jaalalli Rabbii isa keessatti dhugamaan raawwatameera. Isa keessa jiraachuu keenna kanaan beenna.

6Yoh. 13:15 Ka, «Isa keessa jiraadha» jedhu, akka inni jiraatutti haa jiraatuu.

Ajaja Haarawa

7 Yoh. 13:34; Yoh. 2ffaa 5 Obboleeyyan tiyya, ka isiniif barreessu ajajuma duraan jiru malee, ajaja haarawwa miti. Ajanyi moofaan dubbii dhageettan san.

8Yoh. 8:12; Rom. 13:12 Ammallee ajaja haarawa isinii barreessa. Wonti kunillee isaan isin keessatti dhuga'a.

9Dukkanti waan lufuuf ifti dhuga'aa amma ifa. «Ka ifa keessa jira» jedhu, ka ammoo obboleessa ufii jibbu, inni haga ammaa dukkana keessa jira.

10Obboleessa isaa ka jaalatu, ifa keessa jira, waan isa gufachiisullee hin qabu.

11Yoh. 12:35 Ka obboleessa ufii jibbu ammoo dukkana keessa jira, dukkana keessa jiraatalle'e, gara deemullee hin beeku. Waan dukkanti ija isaa jaamsiteertuuf.

12Ijoollee, waan cubbuun maqaa isaatiin isiniif dhiifame isinii barreessa.

131:1; Yoh. 1:1 Abbootii tiyya, waan ka dura jiru beettaniif isinii barreessa. Ka'imman, waan hamaa waan mooyattaniif isinii barreessa. Ijoollee, waan Aabbaan beettaniirtaniif isinii barreessa.

14Abboota, waan ka duraan jiru waan beettaniif isinii barreessa. Ka'imman, jajjaboota waan taataniif dubbiin Rabbii waan isin keessa jiruuf waan hamaa waan mooyattaniif isinii barreessa.

Adunyaa Hin Jaalatinaa'a

15 Yaq. 4:4 Adunyaa yookiin waan adunyaa keessa jiru hin jaalatinaa'a.

16Wonti adunyaa keessa jiru maruu: dharraa foonii, waan ija namaatitti bareedu, hori'iin boonuun waan adunya'aati malee, ka Aabba'aatii miti. Eennullee adunyaa tana yoo jaalate, jaalalti Rabbii isa keessa hin jiru.

17Adunyaaniif dharraan isi'ii hin lufti. Namni fedhii Rabbii raawwatu ammoo bara baraan jiraata.

Ka Kiristoosiin Mormu Irraa Uf Eegadhaa'a

18 Phex. 1ffaa 4:7; Mat. 24:5, 24; Yoh. 2ffaa 7 Ijoollee, sa'aatiin tun ta dhumaati, Ka waan Kiristoosii mormu akka dhufu dhageettaniirtan. Ammumaa worri waan Kiristoosii mormu hedduu dhufeera. Kanaaf akka sa'aatii dhumaa ta'e hin beenna.

19Hu. Er. 20:30; Qor. 1ffaa 11:19 Isaan nu biraa bayan malee worra keennaa miti. Uduu worra keenna ta'anii silaa nu woliin jiraatan. Haata'uu ammoo maruu akka worra keenna hin taane beessisu'uuf bayan.

20Isin ammoo Ayyaana Woyyuu waan argattaniirtaniif waa maraa beettan.

21Isin waan dhugaa beettaniif sobni maruu dhugaa akka hin taane waan beettaniif akka waan dhugaa hin beenneetitti isinii hin barreessu.

22Kiristoosii miti jedhee ka Yesuusiin ganu malee sobaan eennu ka Aabbaa fi Ilma isaa ganu, inni mormaa Kiristoosiiti.

234:15; Yoh. 5:23; Yoh. 2ffaa 9 Ka ilma Rabbii ganu maruu Aabbaan hin qabu. Ka ilma Rabbii heddatu Aabbaallee hin qaba.

24Isinillee wonti duraan dhageettan ijaaramee isin keessa haa jiraatuu. Ka duraa dhageettan sun yoo isin keessa jiraate, isinillee akkasuma, Aabba'aa fi ilma keessa jiraattani.

25Abdiin inni nuu kenne kunillee jireenna bara baraati.

26Waan worra isin dogoggorsaniitiif kana isinii barreesseera.

27Ermiyaasii Raatticha 31:34; Yoh. 14:26; 16:13 Dibanni isin Kiristoosiin irraa argattan isin irra jira. Eennullee isin barsiisuu hin barbaachisu. Haata'uu ammoo dibanni Ayyaanaa waa maraa akka isin barsiisu, dhugaa akka ta'eef soba akka hin taane akkuma isin barsiisan sanitti isaan jiraadhaa'a!

28Ammallee ijoolle, akka hennaa inni dhufe amantaa nuu ta'u akka hennaa dhufa isaa isa afo'otti hin saalfanne isa keessa jiraadhaa'a.

29Akka inni qajeelaa ta'e yoo beettan, namni qajeellummaa hojjatu maruu akka isarraa dhalate beekaa'a.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help