Ergaa Phaawuloos Gara Worra Rooma'aa Erge 10 - WAADAA LAMMATAA

1 9:1, 3 Obboleewwan tiyya mishummaan fedha garaa kiyyaa waan Israa'eliitiif kadhaan ani Rabbiin kadhadhu akka isaan fayyaniif.

2Hu. Er. 22:3 Beekumsa dhuga'aatiin waan hin taaneef malee, isaan Rabbiif hinaaffaa Ayyaanaa akka qaban anuu isaanii raga.

39:31-32 Karaa Rabbi itti qajeelaa nama taasisu wollaalu'uun hujii ufii qajeelaa faanaa deeman malee qajeellummaa Rabbii faanaa hin deemne.

4Mat. 5:17; Hu. Er. 13:39; Gal. 3:24-25; Ibr. 8:13 Worri amanan maruu akka qajeellota ta'aniif Kiristoos raawwii seeraati.

Fayyinni Nama Maraaf

5 Seera Leewwotaa 18:5; Gal. 3:12 Muuseen qajeellummaa seeraan ta'e, «Namni raawwatu isaan akka jireennaan jiraatan» barreesseera.

6Seera Keessa deebi'ii 30:12-14 Qajeellummaan amanta'aan ta'e ammoo akkana jedha, «Garaa kee keessatti, ‹Eentu gara sami'ii baya?› hin jedhin. Kun Kiristoosiin gadi buusu'uuf.

7Yookiin garaa kee keessatti, ‹Eentu gadi bu'a?› hin jedhin. Kunillee Kiristoosiin du'oota keessaa baasu'uuf.»

8Haata'uu ammoo maal jedha? Afaanii fi garaa kee keessa ta'ee dubbiin Rabbii si bira jira. Kunillee dubbii amanta'aa ka lallabnu.

9Mat. 10:32; Qor. 2ffaa 4:5 Yesuus Gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo ragaa baate, Rabbi du'oota keessaa akka isa kaase, garaa kee keessatti yoo amante hin fayyita.

10Namni gara'aan amanee qajeelaa ta'a. Afaaniinillee ragaa bayee fayya.

119:33; Isaayyaasii Raatticha 28:16 Kitaabni, «Ka isatti amanu maruu hin saalfatu» waan jedhuuf

121:16; Gal. 3:28; Qol. 3:11; Hu. Er. 10:34-35 Yihuudi'ii fi nama Giriikii jiddu'utti garaagarummaan hin jiru; Gooftaan tokkichi Gooftaa nama maraa waan ta'eef, worra isa waamatu maraafuu arja'a.

13Iyyu'eelii Raatticha 2:32 «Ka maqaa Goofta'aa waamu maruu hin fayya.»

14Eegasuu ka itti hin amanin attamitti waamuu danda'an? yoo hin dhageenne attamitti amanan? yoo lallabame malee attamitti dhagayan?

15Isaayyaasii Raatticha 52:7 Lutti worra oduu gammachu'uu mishaa himanii attamitti barreede jedhamee akkuma barreeffame, yoo hin ergamin attamitti lallaban?

16Isaayyaasii Raatticha 53:1 Haata'uu ammoo maruu dubbii gammachu'uutiif hin ajajamne. Isaayyaas, «Gooftaa keenna! Ragaa keenna eentu amane?» Waan jedhuuf.

17Yoh. 17:20; Tas. 1ffaa 2:13 Eegasuu amantaan dhagayu'uun, dhagayuunillee dubbii Rabbiiti.

18 Kitaaba Faarfanna'aa 19:4; Qol. 1:23 Haata'uu ammoo waan hin dhageenneefii? Dhugamaan,

«Laagaan isaanii biyya lafaa maraa irratti dhagayame;

dubbiin isaaniillee haga daangaa adunya'aa baye» jedha.

19 Seera Keessa deebi'ii 32:21; Rom. 11:11 Haata'uu ammoo Israa'el waan hin beenneef mo'o? jedha. Duraan dursee Muuseen,

«Ani banii isaa ka hin taaneen isin hinaafsisa;

banii qaabii hin qabneen isin aarsa» jedheera.

20Isaayyaasii Raatticha 65:1 Isaayyaasillee uggee,

«Worra na hin sondheef argame;

worra na hin gaafanneefillee mudhadhe» jedhe.

21 Isaayyaasii Raatticha 65:2 Waan Israa'eliitiif ammoo, «Guyyaa maraa gara worra naa hin ajajamnee fi gara banii naan mormuu harka kiyya hiixadhe» jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help