1 Yoh. 1:12 Ijoollee Rabii jedhamnnee akka waamamnu, Aabba jaalala guddaa attamiitiin akka nu jaalate laalaa'a, kanaaf nullee ijoollee isaati. Adunyaan isa waan hin beenneef nu hin beettu.
2Rom. 8:16-17; Filph. 3:21; Qol. 3:4 Goshoota tiyya, amma nu'u ijoollee Rabbiiti uf afoo maal akka taanu hin beekkamne. Haata'uu ammoo hennaa inni deebi'ee dhufu akkuma jiruun akka isa fakkaannu hin beenna.
3Ibr. 12:14 Namni Kiristoosiin abdii kana qabu maruu akkuma inni woyyuu ta'e uf woyyoomsa.
4Ka cubbuu hojjatu maruu waan hamaa hojjata. Cubbuun hammeena.
5Yoh. 1:29 Inni cubbuu baleessu'uuf akka dhufe hin beettan. Isa keessa cubbuun hin jiru.
6Rom. 6:14 Ka isa keessa jiru maruu cubbuu hin hojjatu. Ka cubbuu hojjatu maruu isa hin arginne hin beekuunille'e.
7Ijoollee tiyya ennullee akka isin hin dogogorsine akkuma inni qajeelaa ta'e, ka qajeellummaa hojjatu maruu qajeela'a.
8Yoh. 8:44 Daabiloos duruma irraa jalqabee cubbuu waan hujuuf, namni cubbuu hojjatu martuu ka daabiloosiiti.
9Kanaaf hujii daabiloosii diigu'uuf Ilmi Rabbii dhufeera. Namni Rabbiin irraa dhalate maruu cubbuu hin hojjatu. Waan sanyiin Rabbii isa keessa jiruuf, waan Rabbiin irraa dhalateef cubbuu hojjachuu hin danda'u.
10Ijoolleen Rabbiitii fi ijoolleen daabiloosii kanaan gargar bayan. Namni qajeellummaa hin hunyeef ka obboleessa ufii hin jaalanne maruu ka Rabbiitii miti.
Wol Jaaladhaa'a11 Yoh. 13:34 Dhaamsi duraa ta dhageettan ta wol haa jaalannu jettu tana waan taateef,
12Seera Uumamaa 4:8 Ta akka hammeennaan Qaayel obboleessa ufii ajjeeseetii miti. Maaf ajjeese? waan hujiin isaa hamaa ta'eef, ka obboleessa isaa ammoo waan qajeelaa ta'eef.
13 Yoh. 15:18-19 Obboleeyyan tiyya, adunyaan yoo isin jibbite hin maalalfatinaa'a!
14Yoh. 5:24 Nu worra obboleewwan keenna jaalatu waan taaneef kanaan du'aa gara jireennaa akka ceene beenna. Ka obboleessa ufii jibbu du'a keessa jira.
15Mat. 5:21-22 Obboleessa ufii ka jibbu maruu, namni nama ajjeesse maruu jireenni bara baraa isa keessa akka hin jirre hin beettan.
16Yoh. 15:13 Inni waan lubbuu ufii dabarsee nuu kenneeruuf, jaalalti maal akka taate kanaan beenna. Nullee waan obboleewwan teennaatiif lubbuu teennaa kennuu nu barbaachisa.
17Seera Keessa deebi'ii 15:7 Haata'uu ammoo qabeenna adunyaa tanaa uduu qabu hennaa obboleessi isaa waan isa barbaachisu dhabe argee garaa hin laafneef eennullee yoo ta'e, attamitti jaalalti Rabbii isa keessa jiraatti ree?
18Yaq. 2:15-16 Ijoollee tiyya hujji'ii fi dhuga'aan malee dubbiia fi afaan calla'aan akka wol hin jaalanne.
Abdii Rabbiin Woliin Qabnu19-20Nu worra dhuga'aa akka taane, waan mataan keenna nutti murteessu maraa hin beenna. Isa afo'otti Rabbi waan onnee teenna caalaa guddaa ta'eef, waa maraa hin beeka.
21Ibr. 4:16 Goshoota tiyya, oneen teenna yoo nurratti hin murteessine ta'e, Rabbiin afo'otti ugga qabna.
22Ajaja isaa waan eennuuf, afoo isaatitti worra isa gammachisuu waan taaneef waan kadhannu maraa isaa irraa arganna.
23Yoh. 13:34; 15:12, 17 Ajanyi isaallee kana, akka maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti amannuuf akka wol jaalannuuf. Yoh. 6:29; 13:34; 15:12, 17
244:13; Rom. 8:9 Ka ajaja isaa eegu maruu, isaan jiraata. Innillee isaan keessa jiraata, akkaataa kanaan akka nu keessa jiru Ayyaana isaa ka inni nuu kenneen beenna.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.