Ergaa Phaawuloos Gara Worra Qorontoosii Erge Ka 2ffaa 5 - WAADAA LAMMATAA

1Manni keenna ka ardii tanaa ka akka dukkaana'aatitti keessa jiraannu yoo diiggamellee mana harka namaatiin hin ijaaramne ka Rabbii sami'iitiin ijaarame akka qabnu waan beennuuf.

2Waan kana keessatti dhugamaan wixxifanna mana keenna ka sami'ii san uffachuu dharraana. Uffannee qullaa hin taanu.

3Dhugamaan yoo ka hin duune uffanne qullaa taanee hin argamnu.

4Haga dukkaanaa kana keessa jiru nutti ulfaatee wixxifanna. Sababaanillee ka du'aa ta'ee jireennaan akka liqimfamuuf nafa jireenna sami'iillee akka uffannuuf malee, akka qullaa taanuufii miti.

5Ka kanaaf nu uume Rabbi. Innillee waan nuuf kennamu maraaf akka qabdii ta'uuf Ayyaana ufii nuu keenne.

6Kanaafuu hennaa maraa amanamnee amanti'iin jiraanna malee, laalu'uun hin jiraannu.

7Hennaa nafa fooniitiin jiraannu Gooftaa irraa fooyamnee baqa keessa akka jirru yoo ka beennu ta'e, amanamneerra.

8Keessattuu nafa akka mana keennaa ta'e kana irraa adda baanee baqa keessa jiraata'aa Gooftaa woliin jiraachu'utu nu gammachiisa.

9Kanaafuu akkasuma nafaan jiraannee, yookiin jiraachuu yoo baannellee, worra isa gammachiifnu ta'uu hawwina.

10Namni martinuu nafa ufii irratti waan mishaa ta'e, waan hamaa hojjatee, akkuma hujii ufiitiin waan gatii argatuuf nu maruu teessoo murtii Kiristoosii afoo dhaabanna.

Tajaajila Araaraa

11Eeganaa sodaa Goofta'aa beenneeti namoota hubachiifna. Nullee maal akka taane Rabbi hin beeka. Sammuu keessaniinillee akkasuma akka ifa taane abdii godha.

12Worra keessa isaaniitiin uduu hin ta'in waan diidaa mudhatuun uf jajaniif deebii isaanii deebiftan akka qabaattan akka nuun boontan, sababaa isinitti himna malee, uf isinii galatoonfatu'uufii miti.

13Yoo maraannellee Rabbiif jenneeti. Worra qalbii qabu yoo taane isiniif jenneeti.

14Kana waan murteeffanneef jaalalli Kiristoosii nu giddisiisa. Tokkochi maraafuu du'e. Eegasuu namni maruu du'aniiran.

15Worri lubbu'uun jiraanillee ka isaaniif du'ee du'aa ka'eef malee, duranaa akka ufiif hin jiraanne maraafuu du'e.

16Kanaafuu ammaa achi eennuttillee fuula laala'aa hin murteessinu; Akki Kiristoosiin itti laalle ija laalcha fooniitiinillee yoo ta'e, ammaa achi haala kanaan hin laallu.

17Kanaafuu eennullee Kiristoosiin keessa yoo ta'e, uumama haarawa. Wonti moofaan lufeera. Kunoo maruu haarawa ta'eera.

18Wonti ta'e maruu Rabbii karaa Kiristoosiitiin ufiin wolitti nu araarsee fi tajaajila araarsu'uullee nuu kenneen;

19Waan Rabbi Kiristoosiin keessaan adunyaa ufiin wolitti araarsa'aa tureef. Cubbuu isaaniillee isaanitti hin laakkawu, nu keessallee dubbii araaraa kaaye.

20Eeganaa Rabbi karaa keennaan namoota waan waamuuf nu ergamtoota Kiristoosiiti. Nu kanaaf Rabbiin araaramaa jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna.

21Nu isa keessa taaneeti Rabbiif qajeelaa akka taanu; Kiristoosii cubbuu hin qabne akka cubbuu keenna maraa baatu cubbamaa taasiseen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help