Ergaa Phaawuloos Gara worra Qorontoosii Erge ka 1ffaa 2 - WAADAA LAMMATAA

Waan Kiristoosii Fannifamee Barsiisuu

1 1:17; Yoh. 1ffaa 5:9 Ani obboleeyyan tiyya! Hennaa gara keessan dhufe, namoota biraa caalaa dubbachu'uun yookiin ogumma'aan ragaa waan Rabbii isinitti hima'aa hin dhufne.

215:3; Gal. 6:14 Isin jidduu hennaa jiru, waan Yesuus Kiristoosii malee, innillee akka inni fannifame malee waan biraa akka hin beenne waan kutadhee tureef.

3Hu. Er. 18:9; Qor. 2ffaa 10:1, 10 Anillee dadhabi'ii fi soda'aan holluu gudda'aan isin bira ture.

4-5Tas. 1ffaa 1:5 Amantaan keessanillee hunna Rabbiitiin malee, akka ogummaa namaatiin hin taane, dubbiin kiyyallee Ayyaanaa fi hunna ibsu'uun malee, dubbii ogumma'aa ta sheele'eetiinii miti.

Ogummaa Rabbii

6Worra bilchaatan wodhakka'atti ammoo ogummaa dubbanna, haata'uu ammoo, Ogummaa worra adunyaa tanaa ti miti. Ogummaa adunyaa tanaa ta diiggamtu ta akka ogummaa bulchoota saniitii miti.

7Rom. 16:25; Efe. 3:4-9; Qol. 1:26 Haata'uu ammoo Rabbi firrisa barootaan duratti ulfinna keennaaf waan murteesse, ka dhokatee ture dhossaa ogummaa Rabbii dubbanna.

8Yoh. 7:48; Hu. Er. 3:17; 13:27; Yaq. 2:1 Bulchoota biyya kanaa keessaa tokkollee ogummaa kana hin beenne. Uduu beekanii, Gooftaa ulfinnaa silaa hin fannisan.

9Isaayyaasii Raatticha 64:4 Haata'uu ammoo,

«Ka ijji hin argine,

ka gurri hin dhagenne;

waan qalbii namaatitti hin yaadamne,

waan Rabbi worra isa jaalataniif qopheesse» jedhamee akkuma barreeffame akkasuma dubbanna.

10 Daani'eelii Raatticha 2:22; Mat. 11:25; 13:11; Yoh. 16:13 Rabbi Ayyaana ufiitiin wonti gadi fago'oollee uduu hin hafin maraa waan qoruuf, nutti Rabbi karaa Ayyaana ufiitiin uf ibse.

11Waan nama tokko keessa jiru, Ayyaana isa keessa jiru san malee, ka biraa ka beeku eennu? Akkasuma ammoo Ayyaana Rabbii malee, ka Rabbiin beeku eennullee hin jiru.

12Yoh. 14:16-17; 16:13-14; Rom. 8:15 Nu ammoo waan Rabbiin irraa akkanumaan nuu kenname akka beenuuf, Ayyaana Rabbiin irraa ta'e fudhanne malee, Ayyaana adunyaa tanaa hin fudhanne.

13 2:1, 4; Phex. 2ffaa 1:21 Waan Ayyaanaa wol bira qabnee waan dubbii Ayyaanni nu barsiisuun akkasuma dubbanna malee, dubbii ogummaan namaa nu barsiisuunii miti.

141:23; Mat. 16:17; Yoh. 8:47; 14:17 Nama akka umameen jiruu, wonti Ayyaana Rabbii waan gowwummaa ta'eef hin fudhatu; dubbiin Ayyaanaa waan Ayyaana Rabbiitiin qoramuuf namni foonii beeku hin danda'u.

15Yoh. 1ffaa 2:20 Namni Ayyaana Rabbii qabu ammoo, maraa qora; inni ammoo eennuunuu hin qoramu.

16Isaayyaasii Raatticha 40:13; Ermiyaasii Raatticha 23:18; Rom. 11:34 Barreeffamni Woyyuun,

«Yaada Goofta'aa ka beeku eennu?

ka gorsa isaa kennu eennu»

Nu ammoo qalbii Kiristoosii qabna.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help