Ergaa Phaawuloos Gara Tiito'oo Erge 3 - WAADAA LAMMATAA

Waan Mishaa Hujuu

1 Rom. 13:1-2; Phex. 1ffaa 2:13 Namoota bulchootaa fi worra baallii qaban jalatti bulu'uuf ajajaman hujii mishaa maraaf worra qophayan,

2Xim. 2ffaa 2:23-24; Filph. 4:5; Qol. 3:12; Mat. 5:5 Ka eennuunillee hin arrabsine, worra hin mormine, gara-laafeeyyii, worra nama marattuu fayyaalummaa mudhisan akka ta'an isaan qaabsis.

3Efe. 2:2-3; 5:8; Qor. 1ffaa 6:11 Nullee akkasuma duraan worra waa hin hubanne, ka hin ajajamne, worra dogoggoru, haawwi'ii fi gammachuu foonii ka adda addaatiif garbicha taanee, hammeennaa fi hinaaffa'aan worra jiraatu, worra wol-loluu fi worra wol jibbu turre.

4Haata'uu ammoo Rabbi qorichi keenna, arjumma'aaf, nama jaalachu'uun, hennaa dhufe haga araara ufiitiin karaa dhiqata lammaffaa dhalatu'uutiif,

5Xim. 2ffaa 1:9; Phex. 1ffaa 1:3; Yoh. 3:5; Efe. 5:26-27 Haarawoomsuu Ayyaana Woyyu'uutiin nu fayyise malee, hujii qajeellumma'aa ka nu gooneenii miti.

6-7Hisqeelii Raatticha 36:25-26; Iyyu'eelii Raatticha 2:28-29; Hu. Er. 2:15-18 Ayyaana saniif qajeellee badhaadha isaatiin woyyoomnee abdii jireenna bara baraa dhaaltoota akka taanu, qorichi keenna Yesuus Kiristoosi guddisee nutti jisse; dubbiin isaa amanama'a.

8Worri Rabbiin amanan hujii misha'aan uf eegganna'aan akka jabaatan, kanniin cimstee akka dubbattu si hoffolcha. Kun misha'aa fi waan namoota fayyadu.

91:14; Xim. 2ffaa 2:14 Atillee qorachuu gowwummaa seenaa dhalootaatiif mormii waan seeraa irratti wol loluu irraa fagaadhu; duwwa'aa fi waan hin fayyanne.

10-11Mat. 18:15-17; Rom. 16:17; Yoh. 2ffaa 10 Nama gargar bayiinsaaf kakkaasu, namni akkasii nama dabaa cubbuu hojjatee yakka ufitti muree akka ta'e beettee, hennaa tokkoo fi lama haga gorsiteen maayessa nama akkasii irraa fagaadhu.

Gorsa Dhumaa

12 Hu. Er. 20:4; Efe. 6:21-22; Qol. 4:7-8; Xim. 2ffaa 4:12 Arximooniin yookiin Tikiiqoosiin gara kee yoo sii erge gara Niqophiiliyooniiti gara kiyya akka dhuftu jabaadhu, ani achi turu'uuf waan muradheeruuf.

13Hu. Er. 18:24; Qor. 1ffaa 3:5-6; 16:12 Beekaa Seeraa Zeemaasii fi Aphiloosiin womaa akka isaan jalaa hin hanqanne waan imala isaaniitiif waan barbaachisu maraa godhiif.

142:14; 3:8; Yaq. 2:14-26; Mat. 5:16; 7:16-20 Worra gosa keenna keessattillee akkasuma jireenna bu'aa hin qabne akka hin jiraanne waan barbaachisu maraan hujii misha'aa fi uf kennuu haa baratanii.

15 Filph. 4:23 Worri na woliin jiran maruu nagaya sii dhaamaniiran. Worra amanta'aan nu jaalatan maraafuu nagaya nuu himi.

Badhaani isin maraa woliin haa jiraatu; Amiin!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help