Ergaa Phaawuloos Gara worra Qorontoosii Erge ka 1ffaa 8 - WAADAA LAMMATAA

Horii Waaqa Tolfama'aaf Qalame

1 Hu. Er. 15:29; Rom. 14:19; 15:1-3 Waan foon waaqa tolffama'aa kennamee nu martinuu beekkomsa akka qabnu hin beenna. Beekkomsi akka uf maman taasisa. Jaalalti ammoo keessa namaatii nagaya keenna.

2Gal. 6:3 Eennullee waan waa beeku yoo isatti fakkaate, haga beekuun isa irra jiru hin beenne.

313:12; Gal. 4:9 Eennullee ammoo Rabbiin yoo jaalate, inni isa biratti ka beekame.

410:19; Seera Keessa deebi'ii 6:4 Eeganaa waan foon waaqa tolfama'aa kenname nyaachuun, waandhi tolfamaan maruu adunyaa kanarratti duwwaa akka ta'eef, Waaqa tokkicha malee, Waandhi biraa akka hin jirre hin beenna.

5Kitaaba Faarfanna'aa 136:2-3 Yoomillee kaddaamamtoonni hedduunii fi gooftonni heddutu jira. Haata'uu ammoo samii irra ta'ee lafarratti hagamillee kaddaamamtoota worri jedhaman yoo jiraatan,

6Milkiyaasii Raatticha 2:10; Rom. 11:36; Efe. 4:5-6; Qol. 1:16 Nuuf wonti martinuu isa irraa nuu ta'e, nullee ka isaa ka taane Waaqa kaddaamamaa Aabbaa tokkicha qabna. Wonti maruu karaa isaatiin ta'e, nullee worri ka isaa taane Gooftaa tokkicha Yesuus Kiristoosiin qabna.

710:27-28; Rom. 14:23 Haata'uu ammoo, beekkomsi kun namoota maraa biratti hin argamu, gariin ammoo waaqa tolffamaa haga ammaa waan barataniif ka waaqa tolffama'aaf woreegame jedhan waan nyaataniif sammuun isaanii dadhabaa waan ta'eef hin xuraaya.

8Rom. 14:17 Nyaanni ammoo gara Rabbii nu hin dhiyeessu. Yoo hin nyaannellee womaa nu hin miidhu, yoo nyaannellee womaa bu'aa nu hin qabu.

9Rom. 14:13; Gal. 5:13 Haata'uu ammoo, mirgii keessan dadhabdootatti gufuu akka hin taane uf eegaa'a.

10Ati ka beekkomsa qabdu, nyaata mana waaqa tolfama'aa bira uduu teettu, namni tokko uduu si argee, namni sun uduu dadhabaa ta'ee, ka waaqa tolfama'aaf dhiyaatu san nyaatu'uuf hin kajeeluu?

11Rom. 14:15 Beekkomsa keetiin dadhaba'aan ka bada'a jettu; inni kun obboleessa Kiristoos du'eef.

12Eegasuu obboleeyyan yakka'aa; sammuu isaanii dadhabaa madeessa'aa, Kiristoosiin yakkitan.

13Rom. 14:21 Kanaafuu nyaanni yoo obbooleessa kiyya ka gufachiisu ta'e, obboleessa kiyya akka hin gufachiifne sirimaa baraa haga bara baraatiiti foon hin nyaadhu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help