1 malkata raaga raatticha Yoonaasii malee, malkanni biraa hin kennamuuf.
40 waan galaniif, Kunoo, ka Yoonaasiin caalu as jira!
42Mootota 1ffaa 10:1-10; Seenaa 2ffaa 9:1-12 Mootittiin Azeeb guyyaa murti'ii san dhaloota kanniin woliin kaatee itti murteessiti. Ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa lafaatii kaatee waan dhufteef, Kunoo ka Solomooniin caalu as jira.»
Bayee Deebi'uu Ayyaana Batti'ii(Luq. 11:24-26)43Yesuus ayyaanni badaan nama keessaa hennaa bayu hulee itti harabaafatu barbaadu'uuf lafa gammoojji'ii keessa deema. Garuu womaa hin argatu.
44Achiin maayii, ‹Ani gara mana kiyya ka keessaa bayeetitti hin deebi'a› jedha. Hennaa deebi'u mana duwwaa ta'ee haxaayamee bareedee qophaaye arga.
45Phex. 2ffaa 2:20 Achiin maayessa ayyaanni hamaan sun deemee jinnoota biraa ka isa caalaa hamaa ta'an torban qabatee deebi'ee itti gale. Haalli nama saniillee ka duraa caalaa badooma. Dhaloota hamaa kanniiniifillee akkasuma ta'a» jedhe.
Haadhaa Fi Obboleeyyan Yesuusii(Mar. 3:31-35; Luq. 8:19-21)46 13:55; Mar. 6:3; Yoh. 2:12; Hu. Er. 1:14 Uduma Yesuus gumii woliin dubbata'aaru, haatinii fi obboleewwan isaa isa dubbisu'uuf dhufan diida dhaabataniiran.
47Hennaa san namni tokko Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleewwan tee si dubbisuu barbaadanii diida dhaabataniiran» jedheen.
48Yesuus deebi'ee, «Haati tiyya eennu, obboleeyyan tiyyallee eennu fa'a?» jedheen.
49Achiin maayessa harka ufii gara darasootaa akeekee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya kunoo ti!
50Yoh. 15:14; Rom. 8:29 Namni fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu raawwatu maruu, obboleessa kiyyaa fi obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.