Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 10 - WAADAA LAMMATAA

Yesuus Namoota Torbaatamii Lama Erge

1Achiin maayessa Gooftaan namoota biraa torbaatamii lama muudee gara qacha'aa fi hulee ufii dhaqu'uuf ta'u maraa lama lama godhee isaan erge.

2 baasee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‹Ittiin gargaar; hennaa karaa kana deebi'u, kanaa olillee yoo baafte, sii kenna› jedheen.

36Achiin maayessa Yesuus, «Jara sadiin kana keessaa, namicha shiftootaan miidhame saniif akka obboleessaatitti ka isa gargaare kamiin sitti fakkaata?» jedheen.

37Innillee, «Namicha waan mishaa godheef san» jedhee deebise.

Yesuusillee, «Atillee deemii, akkasuma godhi» jedheen.

Yesuus Mana Maarta'aatii Fi Maariyaamiititti Waamame

38 Yoh. 11:1; 12:2-3 Uduu deema'aaran, Yesuus gara gandattii takkaa seenee, dubarttiin Maartaa jedhamtu takka mana ufiititti isa simatte.

39Isiinillee obboleettii Maariyaam jedhamtu qabdi. Maariyaam ammoo dubbii isaa dhagayu'uuf luka Yesuusii jala teette.

40Maartaan ammoo waan hujiin itti guddateef jaatanooftee, gara isaa dhiyaattee, «Gooftaa kiyya! obboleettiin tiyya na gargaaruu diddee yoo ani hojja kiyyatti hojjadhu garaa si nyaadhuu? kanaafuu akka na gargaartu itti himi» jetteen.

41Yesuusillee deebisee, «Maartaa, Maartaa! Ati waan hedduu yaada'aa dhiphatta,

42Mat. 6:33 Ka barbaachisu ammoo waan diqqoo yookiin waan tokko. Maariyaam hiree mishaa filatteerti isii irraa hin fudhatamu» isi'iin jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help