1 uduu jirtu, inni isi'itti uduu hin dhandhe Ayyaana Woyyu'uun ulfooftee argamte.
19Yooseefiin isii qaadhimate kun nama qajeela'a. Kanaaf isii saalfachiisuu waan hin barbaanneef, dhossa'aan isii dhiisuu yaade.
20Uduu inni kana yaada'aaru, Maleekkaan Goofta'aa eebju'uun itti mudhateeti akkana isaan jedhe, «Yooseef Ilma Daawitii, qaadhimamtuun tee Maariyaam Ayyaana Woyyu'uun waan ulfoofteef isii fuudhuu hin sodaatin.
21Luq. 1:31; 2:21; Hu. Er. 4:12; Kitaaba Faarfanna'aa 130:8 Isiin Ilma dhiiraa deetti; Innillee banii cubbuu irraa hin fayyisa maqaa isaallee Yesuus jettee waamta» jedheen.
22Kun martinuu wonti Gooftaan karaa raagaatiin dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e.
23 Isaayyaasii Raatticha 7:14 Wonti dubbatame sunillee, «Durbi duudaan hin ulfoofti; Ilmallee hin deetti; maqaan isaa, ‹Amaanu'eel› jedhamee waamama;» «Amaanu'eel» jechuun, «Rabbi nu woliin jira» jechu'u.
24Yooseefillee hirribaa dammaqee, akkuma Maleekkaan Rabbii isa ajaje godhe. Qadhimamtuu ufiillee gara mana ufii fudhate.
25Luq. 2:21 Haga isiin ilma hangafaa deettuutti inni isii bira hin geenne. Maqaa isaallee Yesuus jedheen.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.