Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 25 - WAADAA LAMMATAA

Mammaaka Waan Durba Kudhanii

1 shanan ammoo qalbiqabeeyyi'i.

3Ceem'aaleeyyiin shanan ibsaa ufii qabatan malee, zayitii ibsa'atti buufatan hin qaban.

4Qalbiqabeeyyiin ammoo ibsaa ufii woliin zayitii bilille'etti qabatan.

5Idaayyaan uduu hin dhufin turraan, marti isaaniituu muganii rafan.

6Hennaa halkan qixxee ta'e, laagaa gudda'aan, ‹Idaayyaan Kunoo ti! Isa reebbachu'uuf bayaa'a!› jedhu dhagayame.

7 sunniin worra qalbiqabeeyyi'iin, ‹Ibsaan keenna waan dhaama'aaruuf, zayitii keessan irraa diqqoo nuu kennaa'a› isaaniin jedhaniin.

9Qalbiqabeeyyiin ammoo deebisanii, ‹Wa'a! Ka nu'uu fi isinii gayu hin jiru. Worra gurguru bira dhaqa'aatii bitadhaa'a!› jedhaniin.

10Hennaa isaan bitatu'uuf deeman, Idaayyaan hin dhufe; durbi qophoofteertu sunniin isa woliin gara mana cidhaa haga seenan, balbalti hin cufame.

11 ta'uu kankee waan beekuuf;

25si sodaadhee, dhaqee saantibii worqi'ii kee boollatti awwaale, kanaaf saantibii worqi'ii kee kunoo ti› jedheen.

26Gooftaan isaa ammoo, ‹Ati hojjataa hama'aa fi ceem'aalessa uduu hin facaafne akka haamadhu, uduu hin bittinneesine akka walitti qabadhu hin beettaa?

27Ati saantibii worqi'ii kiyya worra saantibii worqi'ii dhalaan fudhatutti kennu'utu si barbaachisa. Anillee dhufee waan qabu bu'aa woliin silaa hin fudha.

28Maarre saantibii worqi'ii irraa fuudha'aatii ka saantibii worqi'ii kuma kudhanii qabuuf kennaa'a.

2913:12; Mar. 4:25; Luq. 8:18 Ka qabu maraaf itti eda'amee waan kennamuuf, hin baayi'ataafille'e; ka hin qabne ammoo ta qabu sunuu irraa fudhatama.

308:12; 22:13; Luq. 13:28 Hojjataa gatii hin qabne kana, dukkana diidaatitti gad gataa'a, achitti booya'aa ilkaan qara» jedhe.

Murtii Dhumaa

31 16:27; 19:28; Mudh. Yoh. 20:11-13; Zakkaariyaasii Raatticha 14:5 Yesuus ammallee, «Ilmi Namaa ulfinna ufiitii fi Maleekkota Rabbii maraa woliin hennaa dhufu, teessoo ulfinnaa ka ufii irra taa'a.

32Hisqeelii Raatticha 34:17; Rom. 14:10 Worri Yihuudota hin taane maruu afoo isaatitti wolitti qabaman; akkuma tisseen Hoolotaa fi Re'iin addaan fooyu, innillee akkasuma namoota addaan fooya.

33Hoolota mirga ufiititti, Re'iin ammoo bitaa ufiitiin dhaabsisa.

34Worra mirga isaa jiraniin, mootichi akkana jedhaan, isin eebbifamtoota abbaa kiyyaa koottaa'a; Hennaa biyyi lafaa uumame irraa jalqabee jeennata isinii qophaaye dhaalaa'a.

35Isaayyaasii Raatticha 58:7 Beelayee na nyaachiftaniirtan, dheebodhee na obaaftaniirtan, keessummaa ta'ee na keessummeessitaniirtan,

36daaree, daara na baaftaniirtan, dhibamee na gaafattaniirtan, hidhameellee na gaafattaniirtan.

376:3 Qajeellonni deebi'aniiti akkana isaan jedhan, ‹Gooftaa'a, beeloftee yoom si arginee si nyaachifne? Yookiin dheebottee arginee yoom si obaafne?

38Keessummaa taatee arginee yoom si keessummeessine? Yookiin daartee arginee yoom daara si baafne?

39Yoom dhibamtee yookiin hidhamtee arginee si gaafanne? jedhaniin.

4010:42; Kitaaba Fakkeennaa 19:17 Mootichillee deebisee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, obboleeyyan tiyya worra maraa caalaa didiqqaa kanniin keessaa tokkoof ka gootan, akka waan naaf gootanii ti!» isaaniin jedhe.

41 7:23; Mar. 9:48; Mudh. Yoh. 20:10, 15 Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammoo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a! isaaniin jedhe.

42Yaq. 2:15, 16; 4:17 Beelayee na hin nyaachifne, dheebodhee na hin obaafne,

43Keessummaa ta'ee na hin keessummeessine, daaree daara na hin baafne, dhibamee, hidhameellee na hin gaafanne› jedha.

44Achiin maayessa isaanillee deebisanii, ‹Gooftaa'a, beeloftee, yookiin dheebottee, yookiin keessummaa taatee, yookiin daartee, yookiin dhukkubsattee, yookiin hidhamtee si arginee, yoom si gargaaruu dhabne?› jedhaniin.

45Hennaa san mootiin deebisee, ‹Ani dhugamaan isiniin jedhaa, worra maraa caalaa didiqqaa kanniin keessaa tokkoof waan hin gooneef, naafillee ammo womaa hin goone› jedhee isaanii deebise.

46Yoh. 5:29; Daani'eelii Raatticha 12:2 Worri kun gara adabbii bara baraa, qajeellonni ammo gara jireenna bara baraa galan» jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help