Ergaa Phaawuloos Gara Worra Qorontoosii Erge Ka 2ffaa 1 - WAADAA LAMMATAA

1 Hu. Er. 18:1; Qor. 1ffaa 1:1; 16:10; Filph. 1:1 Ka fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e Phaawuloos obboleessi isaallee Ximootiwoos Woyyoota biyya Akaayiyyaa keessa jiraatan maraa woliin woldaa Kiristaanaa Rabbii ta Qorontoos jirtu maraaf.

2Rom. 1:7; Qor. 1ffaa 1:3; Gal. 1:3 Rabbii Abbaa keenna, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haata'u.

Phaawuloos Rabbiin Galateeffate

3 Rom. 15:5; Efe. 1:3; Phex. 1ffaa 1:3 Abbaan gara laafumma'aa fi Waandhi jajjabeenna maraa ta'e Rabbi Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu.

47:6; Kitaaba Faarfanna'aa 94:19 Inni rakkinna keenna maraa keessatti nu jajjabeessa. Kanaafuu jajjabeenni nu Rabbiin jajjabaannu, worra rakkinna keessa jiran maraa jajjabeessuu hin dandeenna.

5Qol. 1:24; Kitaaba Faarfanna'aa 34:19 Rakkinni Kiristoosii nu irratti akka guddate akkasuma jajjabaachuun karaa Kiristoosiitiin waan nu baayi'atuuf.

64:8-11, 15, 17 Haata'uu ammo rakkinni yoo nurra gaye, waan jajjabaachuu keessaniitiif, waan fayyuu keessaniitiif, yoo jajjabaannellee nu akkasuma rakkinni rakkannu waan isin dhaabattanii fi jajjabaattaniif.

7Abdiin keenna ka nu waan keessaniif qabnu ka hin sochoone. Rakkinna keenna akkuma qoodamtan akkasuma jajjabaachuu keenna ammoo akka qoodamtan waan beennuuf.

8Hu. Er. 19:23-40; Qor. 1ffaa 15:32 Rakkinna keenna ka Isiya'atti nu irraa gaye obboleeyyan teenna, akka beettan feena. Waan jireenna keennaatuu haga abdii kutannutti hunna keennaa ol haga ta'utti nutti ulfaate.

9Ee, Rabbii worra du'an du'aa kaasu malee, ufitti akka hin amananne nu'u murtee du'aa akka waan nutti muraniititti nutti dhagayame.

10-11Xim. 2ffaa 4:18 Innillee du'a hagana gawu keessaa nu hambise. Nu hambisalle'e; isinillee ammoo akkasuma waan keenna Rabbiin kadhata'aa nu woliin taatanii yoo nu gargartan karaa namoota hedduutiin kennaa badhaadhumma'aa ka nuu kennameef hedduun isaanii waan keennaaf akka galateeffatan duranallee akkasuma akka nu fayyisuuf isa abdii godhanneerra.

Phaawuloos Karoora Ufii Jijjiire

12 2:17; Qor. 1ffaa 1:17; 2:4, 13; Hu. Er. 23:1; 24:16; Xim. 2ffaa 1:3; Ibr. 13:18 Eeganaa wonti nu ittiin uf janyu kana waan ta'eef, ogummaa fooniitiinii miti. Badhaadhummaa Rabbiitiin malee. Woyyummaa Rabbiitii fi qajeellummaa adunyaa tanaa caalla'atti isin bira akka jiraanne sammuun keenna raga'a.

13-14Waan dubbiftaniif waan qaabattaniin ala waan biraa waan isinii hin barreessineef, guyyaa gaafa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii, isinillee akkasuma worra boonu akka taatan, akkasuma isinillee nuun worra boontan akka taanu, waan mishaa waan keenna akka hubattan, guutumatti akka hubattan abdii godha.

15Kanatti abdadhee, lammaffaa badhaadha akka argattan, firrisee gara keessan akka dhufu karoorfadheera.

16Hu. Er. 19:21; Qor. 1ffaa 16:5-6 Isin keessaa bayee gara Maqedooniya'aa akka deemu, akkasumaa Maqedooniya'aa gara keessan dhufee gara Yihuuda'aa hennaa deemu waan imala kiyyaatiif akka na gargaartan yaade.

175:16; Mat. 5:37; Yaq. 5:12 Eeganaa hennaa kana yaadee karoorfadhu, akka waan salpha'aatitti karoorfadhee? yookaan nama yaada lamaa isaanitti fakkaadhaa? Yookiin akka aadaa namoota adunyaa kanaatiin «Ee» yookiin «Wa'a» jedha'aa waan godhe seetanii?

18Qor. 1ffaa 1:9 Rabbi ammoo amanama'a, dubbiin isinitti dubbadhu Ee, wa'a fi hin ta'u'u.

19Hu. Er. 18:5; Tas. 1ffaa 1:1 Nu'u dubbiian naa fi Silwaanosiin ka Ximootewoosiinillee isin wodhakka'atti lallabame Ilmi Rabbii Yesuus Kiristoos, Eeyi'ii fi wa'aa hin ture. Haata'uu ammoo isaan eyiin ta'eera.

20Mudh. Yoh. 3:14 Abdiin dubbii ka Rabbi kenne maruu, «Ee» dubbi'iin isaan waan ta'eef, Kanaaf Rabbiif ulfinna isaatiif ka nu keessan dubbatu akkasuma «Amiiniin» isaan.

21Yoh. 1ffaa 2:27 Nuuf isin Kiristoosiin woliin akka dhaabannu ka nu dibe Rabbi.

225:5; Rom. 8:16; Efe. 1:13-14 Akkasuma ka nu chaappeesse wobii Ayyaana ittiin qabannu ka garaa kennaa keessa kaaye isa.

23 11:31; 12:20-21 Ani ammoo garaa isinii laafu'uuf jedhee, deebi'ee gara Qorontoosii akka hin dhufne lubbuu kiyya irratti Rabbiin ragaa waama.

244:5; Phex. 1ffaa 5:3 Nu gammachuu keessaniif isin woliin worra hojjatu malee, amantaa keessan irratti akka isin ajanyuufii miti. Amantaa keessaniin waan dhaabattaniirtaniif.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help