Mudhata Yohaannisii 10 - WAADAA LAMMATAA

Maleekkaa Rabbiitii Fi Kitaaba Diqqicha

1Maleekkaan jabaan biraallee duumeessa uffatee ka sami'ii bu'u arge. Mataa isaa irra funyaan karaabaatitu jira. Fuulli isaallee akka adu'uu, lutti isaallee akka ibidda dhaga'aa ti.

2Kitaabattii diqqoo banamte harkatti qabateera. Luka isaa ka mirgaatiin galaana irraa, ta biita'aatiin lafa irra dhaabate.

3Amoosii Raatticha 1:2 Akka Leenca aaduutitti laagaa gudda'aan iyyee, hennaa iyye gigissaan torbanuu akkuma laagaa isaaniitiin dubbatan.

4Daani'eelii Raatticha 12:4, 9 Hennaa gigissaan torbaa dubbatu, barreessuu yaade, «Sami'ii waan gigissaan torbaa dubbate chaappa'aan cufi malee, hin barreessin» laagaa jedhu dhagaye.

5Maleekkaan ani arge, Galaanaa fi lafa irra uduu dhaabatee, harka ufii ka mirgaa gara sami'ii ol kaasee,

6Daani'eelii Raatticha 12:7; Seera Bawu'uu 20:11; Seera Keessa deebi'ii 32:40 Sami'ii fi waan samii keessa jiran, lafaa fi waan galaana keessa jiran, galaanaa fi waan galaana keessa jiran ka uumeef baraa haga bara baraa jiraataa ta'ee ka jiraatuun kakatee, «Ammaa achi hin turu!

711:15; Amoosii Raatticha 3:7; Zakkaariyaasii Raatticha 1:6 Haata'uu ammoo Maleekkaan torbaffa'aa hennaa xurumbaa afuufu bara laagaan dhagayamu, garbootaa fi raattota lallaba gammachu'uu akka isaanii lallabeen dhossaan Rabbii hin raawwatama» jedhe.

8Laagaan sami'ii dhagaye deebi'ee yoo natti dubbatu, «Ka'iitii Maleekkaa galaanaa fi lafa irra dhaabatu harkaa kitaaba banamte ta harka isa jirtu fudhadhu» yoo jedhu dhagaye, gara Maleekka'aa dhaqee ti,

9Hisqeelii Raatticha 2:8-10; 3:1-3 Kitaabattii diqqoo naa kenni jedheen. Innillee, «Fudhadhuutii nyaadhu garaa keellee hin hadheessitii, afaan keetitti ammoo akka dammaa mi'oofti» naan jedhe.

10Maleekkaa harkaa Kitaabattii diqqoo fudhee nyaadhe. Afaan kiyya keessatti akka dammaa natti mi'oofte, haga nyaadheen maayii garaan kiyya hin hadhaaye.

11Ermiyaasii Raatticha 1:10 Gosa hedduu fi worra Yihuudotaa hin taane, «Worra Afaan adda addaa qaaqanii fi mootota marattuu deebitee raaga dubbachuu si barbaachisa» jedhamee natti himame.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help