Ergaa Phaawuloos Gara Ximootewoosii Erge ka 1ffaa 3 - WAADAA LAMMATAA

Seera Worra Woldaa Kiristaanaa

1 ta'anii haa tajaajilanii.

11Akkasuma dubartoonnii worra bilchaatan, worra nama hin hamanne, worra hagatti jiraatanii fi waan maraanuu worra amanaman haa ta'anii.

12Gargaartoonni ijoollee ufiitii fi maatii ufii akka misha'aan worra bulchan, martii isaaniituu worra haadha manaa tokkittii qaban haa ta'anii.

13Mat. 25:21 Hujii gargaaru'uutiin worra akka misha'aan tajaajilan ufiif baallii gudda'aa fi amantaa Yesuus Kiristoosiitiin ugga guddaa argatan.

Dhossaa Guddaa

14Daddafee gara kee akka dhufu abdata'aa, kana sii barreessa.

15Efe. 2:19-22 Yoo ture ammoo, mana worra Rabbii keessatti namni amala attamiitiin akka jiraatu akka sirri'itti beettu sii barreessa, mannillee bu'uura utubaa dhuga'aa ta woldaa Kiristaanaa Rabbii jiraata'aati.

16Mar. 16:19; Yoh. 1:14; Hu. Er. 1:9-10; Rom. 1:3-4; Qor. 1ffaa 15:5-9; Efe. 1:20-22 Dhossaan Rabbiin fakkachu'uu mamii malee gudda'a;

«Ka Fooniin mudhate,

Ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e,

Ka Ergamtootatti mudhate,

ka banii Yihuudii hin taanee lallabame,

Ka biyya lafaa keessatti amaname,

Ka ulfinnaan ol baye.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help