1 ta'anii haa tajaajilanii.
11Akkasuma dubartoonnii worra bilchaatan, worra nama hin hamanne, worra hagatti jiraatanii fi waan maraanuu worra amanaman haa ta'anii.
12Gargaartoonni ijoollee ufiitii fi maatii ufii akka misha'aan worra bulchan, martii isaaniituu worra haadha manaa tokkittii qaban haa ta'anii.
13Mat. 25:21 Hujii gargaaru'uutiin worra akka misha'aan tajaajilan ufiif baallii gudda'aa fi amantaa Yesuus Kiristoosiitiin ugga guddaa argatan.
Dhossaa Guddaa14Daddafee gara kee akka dhufu abdata'aa, kana sii barreessa.
15Efe. 2:19-22 Yoo ture ammoo, mana worra Rabbii keessatti namni amala attamiitiin akka jiraatu akka sirri'itti beettu sii barreessa, mannillee bu'uura utubaa dhuga'aa ta woldaa Kiristaanaa Rabbii jiraata'aati.
16Mar. 16:19; Yoh. 1:14; Hu. Er. 1:9-10; Rom. 1:3-4; Qor. 1ffaa 15:5-9; Efe. 1:20-22 Dhossaan Rabbiin fakkachu'uu mamii malee gudda'a;
«Ka Fooniin mudhate,
Ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e,
Ka Ergamtootatti mudhate,
ka banii Yihuudii hin taanee lallabame,
Ka biyya lafaa keessatti amaname,
Ka ulfinnaan ol baye.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.