1Deebinee ufumaa mataa keenna galateeffachuu jalqabnaa? Mo'o akka kaawwanii dhaamsa galatooma'aa gara keessanii yookiin isin biraa nu barbaachisa ta'aa?
2Qor. 1ffaa 9:2 Isin worra namoonni maruu beekaniif dubbisan dhaamsi garaa keenna keessatti barreeffame isin.
3Seera Bawu'uu 24:12; Ermiyaasii Raatticha 31:33; Hisqeelii Raatticha 11:19; 36:26 Ergaan kun qalamaan uduu hin ta'in, Ayyaana Rabbii jiraata'aatiin dhagaa baxxicha ka dubbiin Rabbii irratti barreeffameen uduu hin ta'in garaa namaa keessatti barreeffameera.
4Karaa Kiristoosiitiin Rabbiin irratti amantii akkanaa kana qabna.
52:16; Filph. 2:13 Gawumsi keenna Rabbiin irraa malee akka waan harka keennaan ta'ee waan tokkollee yaadu'uuf nu gaya'aa miti.
6Ermiyaasii Raatticha 31:31; Qor. 1ffaa 11:25; Yoh. 6:63; Rom. 7:6 Innillee akkasumaa Ayyaanaan malee, qube'een waan hin taaneef tajaajiltoota waadaa haarawaa akka tanu nu taasise; qubeen hin ajjeessa; Ayyaanni ammoo jireenna kenna.
7 Seera Bawu'uu 34:29-35 Seerri Rabbii ka dhagaa baxxicha irratti qube'een qirqidamee kenname ka ulfinnaan mudhate sun ka bada'aa deemu ta'ullee; namoonni Isiraa'elii fuula Muuse'ee ol jedhanii ija isaa keessa laalu haga dadhabanitti tajaajilli du'aa ka qube'ee sun yoo ulfinnaan ta'e;
8Gal. 3:2, 5 Tajaajilli Ayyaana Woyyu'uun argamu kun ulfinna kana caaluun attamitti hin taane ree?
9Seera Keessa deebi'ii 27:26; Rom. 1:17; 3:21 Eeganaa tajaajilli murtii namaatiin dhufu yoo ulfinna qabaate, Tajaajili qajeellummaa fidu ammoo isa caalaa ulfinna fida.
10Wonti duraan ulfinnaa sun ka ulfinaan isa caaluu biratti yoo laallame; ulfinna waan dhabeef.
11Ibr. 7:22 Sun ka diiggamu'uuf ture ulfinnaan yoo ta'e, ka bara baraan jiraatu ammoo ulfinna guddisee caaluun waan ta'eeruuf.
12Eeganaa abdii akkanaa kana yoo qabaanne, guddifne ibsinee dubbanna.
13Seera Bawu'uu 34:33-35; Rom. 10:4 San ka diiggama'aa ture; dhumatti akka ijoolleen Isiraa'elii xiinxallanii hin laalee akka golgaa Muuseen afoo isaaniititti golgee miti. Haata'uu ammoo yaanni isaanii jal jedhe.
14Isaayyaasii Raatticha 6:10; 29:11-12; Rom. 11:25; Efe. 2:14-15 Hennaa waadaan duraa dubbifamu golgi sun haga adhaa isaan keessa jiraata. Golgi sun ka diiggamuun Kiristoosiin calla'aan.
15Haata'uu ammoo haga adhaa kitaabbileen Muuse'ee hennaa dubbifaman maraa golgaan sun garaa isaanii keessa hin jiraata, hennaa gara Goofta'aa garagale ammo golgi maruu hin ka'a.
16Seera Bawu'uu 34:34; Rom. 11:23, 26 Gooftaan Ayyaana.
17Rom. 8:2; Qor. 1ffaa 15:45 Hulee Ayyaanni Goofta'aa jiru, wolabumma'atu jira.
184:6; Rom. 8:29 Kanaafuu nu martii keenna ulfinna Goofta'aa ka golga'aan hin golgamne afoo Goofta'aatitti akka uf arga'aa calalaqu'uun Gooftaa Ayyaana ta'e fakkaanna. Bifa ulfinna Goofta'aatiin ta'u'uu san fakkaannee ulfinnaa gara ulfinnaa jijjiiramna.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.