Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 8 - WAADAA LAMMATAA

Dubartoota Yesuusiin Hordofan

1Achiin maayessa waan jeennata Rabbii lallaba'aa oduu gammachu'uu waan jeennata Rabbii hima'aa gandootaa fi qachaa keessa lufa'aa ture.

2jedhee deebise.

31Jinniiwwan sunillee akka inni gara qile'ee isaan hin ergine Yesuusiin kadhatan.

32Hulee san gobbuun booyye'ee guddaan ededa gaaraa irra dheeda'aa turan. Jinniiwwan sunillee akka inni booyyota sanitti galaa isaaniin jedhu kadhataniin. Innillee maarre itti galaa'a jedhe.

33Jinniiwwan sunillee namicha keessaa bayanii gobbuu booyye'eetitti galan. Gobbuunillee afaan qile'ee irraa gugatanii galaanatti badan.

34Worri booyyee tissu waan ta'e haga argan, dheessanii qacha'aa fi baadiyyaa keessatti odeessan.

35Namoonnillee bayanii waan ta'e san laalu'uuf hennaa gara Yesuusii dhufan. Namichi jinniin keessaa baye sun qalbiin deebiteefii uffata uffatee luka Yesuusii bira ka taa'eeru arganii isa sodaatan.

36Worri achitti isa argellee, attamitti akka namichi jinnii irraa fayye isaanitti himan.

37Baniin naannoo biyya Gergesenoon jiru maruu waan guddisanii sodaataniif, akka Yesuus isaan biraa lixu isa kadhatan. Innillee yabala keessa seenee achii deeme.

38Namichi jinniin keessaa baye sun Yesuusiin, «Si woliin jiraadha» jedhee isa kadhate.

39Mat. 12:16; Mar. 7:36 Yesuus ammoo, «Gara mana keetii deebi'ii, waan Rabbi sii godhe himi» jedhee isa erge.

Namichi waan guddaa Yesuus isaaf godhe hima'aa, qachaa keessa deeme.

Intala Yaayiroosiitii Fi Dubartii Uffata Yesuusii Tuxxe(Mat. 9:18-26; Mar. 5:21-43)

40Baniin maruu waan isa eega'aaraniif hennaa Yesuus deebi'e gammachu'uun isa simatan.

41-42Achiin maayessa bulchaan Iyyaa'iroos jedhamu tokko dhufe. Inni bulchaa ajajaa mana sagada Yihuudotaa ture. Wonti inni dhufeef intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudha lamaa, guddiftee dhibamtee waan du'uu geetteef, dhufee luka Yesuusii jalatti kufee, akka inni mana isaa dhaqu kadhateen.

Uduu inni dhaqu'uuf karaa irra jiru, gumiin gara maraan isa hucuuca'aa turan.

43Woggaa kudha lamaa irraa jalqabee dubartii dhiinni isi'ii jigu takkatu ture. Waan qabdu maraa worra qorsa isi'ii kennutti fixattee ta eennullee isii fayyisuu hin dandeenne takkatu achi ture.

44Isiinillee duuba isaatiin dhuftee handaara uffata isaa tuxxe. Yomasan dhiinni isii keessaa jiga'aa ture sunillee cite.

45Yesuusillee, «Eentu na tuqee?» jedhee gaafate. Isaan maruu nu'uu miti jedhanii waakkatan. Pheexroosi, «Barsiisaa kiyya, gumiin maruu si hucuuceera, si dhiiba'aaralle'e» jedhe.

465:17; 6:19 Yesuus ammoo, «Akka hunni fayyisu'u na keessaa baye waan beekuuf, namni tokko na tuqeera» isaaniin jedhe.

47Dubartiin sunillee akka dhokatee hafaa hin jirre argitee, hollata'aa dhuftee afoo isaatitti gadi kufte. Achiin maayessa maaf akka isa tuxxee fi yoma san attamitti akka fayyite gumii afo'otti itti himte.

487:50 Innillee mucattii tiyya amantaan kee si fayyiseeraa nagayaan deem isi'iin jedhe.

49Uduma inni dubbata'a jiru, namni tokko bulchaa mana sagada Yihuudotaatitti dhufeetti, «Mucattiin tee duuteerti; kanaafuu barsiisaa hin dadhabsiisin» jedhe.

50Yesuusi ammoo dhagayee, amani malee hin sodaatin hin fayyitii jedhee deebiseef.

519:28 Hennaa gara manaa seenu Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis abbaa mucatti'iitiif haadha mucatti'ii malee, eennullee akka isa woliin hin seenne dhoogge.

527:13 Namoonni maruu bade bade jedha'aa booya'aa turan. Inni ammoo, «Hin rafteerti malee, hin duunee hin booyinaa'a» isaaniin jedhe.

53Akka duute beekanii guddisanii itti kolfan.

547:14 Inni ammoo harka isi'ii qabee, «Mucattii ka'i» jedhee guddisee dubbate.

55Lubbuun itti deebitee daddaftee yoosuu dhaabatte. Inni ammoo waan nyaattu kenna'aafii jedhee isaan ajaje.

565:14; Mar. 7:36 Worri isi'iillee hin maalalan. Inni ammoo waan ta'e kana eennuttillee akka hin himne isaan ajaje.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help