1 haa himu'uuf yaboo itti kenne, anillee worra hin gadoominiif Oduu Nagayaa akka himu yaboon akka natti kenname beekaniiran.
8Waandhi Pheexroos worra hin gadoomneef ergamaa ta'ee akka hojjatu godhe sun, anillee ergamaa worra Yihuudii hin taanee ta'ee akka hojjadhu na taasiseera.
9Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan, Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubbatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammoo gara worra Yihuodotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan.
10Hu. Er. 11:29-30; Qor. 1ffaa 16:1; Qor. 2ffaa 8:9 Isaan hiyyeeyyii calla'aaf akka yaannu nu kadhatan; kunillee ammoo waanuma ani jabaadhee godha'aa ture.
Phaawuloos Antsookiya'atti Pheexroosiin Morme11Haata'uu ammoo Keefaan gara Antsokiya'aa hennaa dhufe, waan dogoggora isaatiif ani addaataa isa morme. Wonti inni hojjate waan isatti murteessuuf.
12Hu. Er. 10:13-16; 11:3 Namoonni gariin Yaaqoobiin bira uduu hin dhufiniin dura, inni worra Yihuudota hin taane woliin nyaata'aa waan tureef, hennaa dhufan ammoo gosa gadooman san sodaatee uf duubatti sissiiqa'aa isaan biraa fooyame.
13Yihuudonni hafan eega Barnaabaasuu fakkeessaa isaaniitiin duubatti harkifame, isa woliin uf tuultoota ta'an.
14Haata'uu ammoo, akka dhugaa Oduu Nagayaatitti akka isaan qajeellumma'aan hin deemne hennaa arge, maraa afo'otti Keefa'aan, «Ati nama Yihuudi'ii taatee, akka nama Yihuudii hin taaneetitti eega jiraatte, attamiin worra Yihuudii hin taane akka Yihuudotaatitti akka jiraataniif isaan giddisiiftaa? jedheen.»
Namni Amanti'iin Fayya15 Qor. 2ffaa 11:22 Nu dhalootaan Yihuudota, worra cubbamoota Yihuudii hin taane sanii miti.
163:11; Hu. Er. 15:10-11; Rom. 3:20, 22, 28; 4:5; 11:6; Efe. 2:8 Haata'uu ammoo, namni Yesuus Kiristoositti amanu'uun akka qajeeluuf malee, hujii seeraatiin akka hin taane beennee, ka foon uffate maruu hujii seeraatiin waan qajeelaa hin taaneef, nu mataan keennaa hujii seeraatiin uduu hin ta'in, Yesuus Kiristoositti amanu'uun qajeellummaa arganneerra.
17Haata'uu ammoo yoo ka Kiristoosiin qajeellota ta'uu ka barbaannu ta'e, nu mataan keenna cubbamoota taane yoo argamne, eegasuu Kiristoos tajaajilaa cubbu'uuti jechu'uu ree? Miti.
18Ka diige kana deebisee ka ijaaru yoo ta'e, anuu ka seera irra darbu akka ta'u hin hubachiisa.
196:14; Rom. 6:4-6; 7:4, 6 Ani Rabbiif jiraataa ta'ee akka jiraadhu, karaa seeraatiin seeraaf du'eera.
201:4; Qor. 2ffaa 5:15; Yoh. 17:23 Kiristoosiin woliin fannifameera; ammaa achi Kiristoositu na keessa jiraata malee, ani ufii hin jiraadhu. Jiruun ani amma fooniin jiraadhu ka na jaalateef ka uf dabarsee naa kenne amantaa Ilma Rabbii irraa qabuun.
21Badhadha Rabbii hin gatadhu. Qajeellummaan karaa seeraatiin yoo ta'e, eegasuu Kiristoos akkanumaan du'e!
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.