1Obbolewwan tiyya! Worra seera beekanitti dubbadha. Namni bara jireenna isaa maraa seerri akka isa bittu hin beettanii?
2Qor. 1ffaa 7:39 Dubartiin heerumte abbaan manaa lubbu'uun hennaa jiru isa woliin seeraan waan hidhamteertuuf, abbaan manaa isi'ii yoo du'e ammoo seera isiin abbaa manaa isi'ii san woliin hidhamte irraa hiikkamteerti.
3Kanaafuu abbaan manaa lubbu'uun uduu jiru dhiira biraatitti yoo oolte, ta seebarte jedhamti. Abbaan manaa yoo du'e ammoo seera jalaa bilisa waan baateertuuf dhiira biraatitti yoo oolte, seebartu'uu miti.
46:4; Qor. 2ffaa 11:2; Gal. 2:19; Qol. 2:14 Akkasuma obboleeyyan tiyya! Isin ammoo Foon Kiristoosiitiin seeraaf ajjeefamtaniirtu Rabbiif daraaraa akka daraarru isin kaawwaniif ka du'oota keessaa ka'eef akka jiraattan.
56:21 Fooniin hennaa jirru, hawwiin cubbu'uu ka seeraaf ta'e daraaraa du'aa daraaru'uuf qaama keenna keessatti waan hojjata'aa tureef.
66:4; 8:1-2; Qor. 2ffaa 3:6 Amma ammoo isaa ka itti hidhamnee fi waan seera nu hidheeru jalaa duuneef, seera san irraa hiikkamneerra. Kanaafuu jireenna Ayyaana haarawaatiif bitamna malee, jireenna moofaa qube'eetiinii miti.
Seeraa Fi Cubbuu7 3:20; Seera Bawu'uu 20:17; Seera Keessa deebi'ii 5:21 Eegasuu maal jenna? Seerri cubbu'uu? miti. Haata'uu ammoo uduu seeraan ta'u dhabaatee cubbuullee hin beeku; seerri, «Hin hawwin» uduu jedhuu dhabaatee, silaa hawwiillee hin beeku.
85:13; Qor. 1ffaa 15:56 Cubbuun ammoo sababa argatee hawwii maraa ajajaan naarratti hojjate cubbuun seeraan alaa du'a waan ta'eef.
9Anillee duri seeraan ala jiraata'aa ture. Hennaa ajanyi dhufe ammoo cubbuun jiraattuu taate; anillee hin du'e.
10Seera Leewwotaa 18:5; Seera Keessa deebi'ii 5:33; Yaq. 1:15 Ajanyi jireennaaf kennamte, isiinillee du'aaf akka taate arge.
11Seera Uumamaa 3:13; Ibr. 3:13 Cubbuun sababaa argattee, ajajaan waan na sobdeef, isiinillee na ajjeefteerti.
12 Xim. 1ffaa 1:8 Kanaafuu seerri woyyu'u. Ajanyiillee woyyiiti'i, qajeeltu'uu fi michu'uulle'e.
135:20 Eegasuu wonti mishaa ta'e anaaf du'a ta'ee? miti Haata'uu ammoo cubbuu ta'e; cubbuunillee sababa ajajaatiif hagaa ol cubbamaa akka ta'u cubbuun karaa waan mishaa ta'e saniin du'a natti fide.
Wadhaansoo Jireenna Namaa Keessa Jiru14 7:18; Kitaaba Faarfanna'aa 51:7; Yoh. 3:6 Seerri ayyaanticha akka ta'e hin benna. Ani ammoo nama foonii ka cubbu'uu gadii ta'u'uuf gurgurame.
157:19; Gal. 5:17 Waan godhu waan hin beeneef woma jibbu san godha; ta'ullee ka jaaladhu san hin godhu.
16Waan hin jaalane ammoo yoo ka godhu ta'e, garuu seerri mishaa akka ta'e raga'aara.
17Akkana yoo ta'e san ka godhu amma anaa miti. Cubbuu na keessa jiru malee.
18Seera Uumamaa 6:5; 8:21; Filph. 2:13 Na keessa jechuun namummaa kiyya ka foonii keessa wonti michuun akka hin jirre hin beeka. Halcha uf keessaa qaba. Haata'uu ammoo waan mishaa godhuu hin danda'u.
19Ani waan mishaa godhuu fedhe hin godhu, waan hamaa godhu'uuf hin feene san godha.
20Waan hin jaalanne yoo ka godhu ta'e ammo, san ka godhu amma anaa miti, cubbuu ana keessa jiru san malee.
21Eegasuu waan mishaa godhuu uduu jaaladhu, seerri namumma'aa akka ani waan hama huju na taasisa.
22Nafti kiyya ka keessaa seera Rabbiitiin gammada.
23Gal. 5:17; Phex. 1ffaa 2:11 Haata'uu ammoo qaama nafa kiyyaatiin seera sammuu kiyyaa woliin ka wol woraanuuf cubbuu nafa kiyya keessa seerri biraa akka na booji'u arga'aara.
248:10 Ani nama rakkataa attamiiti, nafa du'aaf kenname kana jalaa eennutu na hanbisaa?
258:2; Qor. 1ffaa 15:57 Karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin galani Rabbiif haata'u, eegasuu ani Sammuu kiyyaan seera Rabbiitiif foon kiyyaan ammoo seera cubbu'uutiif hin bitama.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.