1 Seera Leewwotaa 25:43, 53; Efe. 6:9 Isinillee gooftoota! Samii irraa Gooftaa akka qabdan waan beettaniif garboota keessanii qajeellumma'aa fi fayyaalumma'aan isaan gargaaraa'a.
Gorsa Edaasaa2 Rom. 12:12; Efe. 6:18-20; Tas. 1ffaa 5:17; Filph. 4:6 Galata woliin faate'een dammaqa'aa jabaadha'aa Rabbiin kadhadhaa'a.
3Rom. 15:30; Qor. 1ffaa 16:9; Efe. 6:19; Tas. 2ffaa 3:1 Hennaa sanillee waan dhossaa Kiristoos ka ani hidhameef akka himnu, Rabbi ergaa ufiitiif balbala akka nuu banu waan keennaafillee nuu kadhadhaa'a.
4Akka dubbachuun na irraa eeggamutti akka ibsee dubbachuu danda'u naa faateffadhaa'a.
5 Efe. 5:15-16; Tas. 1ffaa 4:12 Bara keessan keessatti carraa qabdan marumatti fayyadamu'uun worra hin amanne biratti ogumma'aan jiraadhaa'a.
6Efe. 4:29; Mar. 9:50 Nama maraafuu attamitti deebii deebisuu akka beettan, dubbiin keessan hennaa maraa badhaadhaan ka guuttame, gurra namaatitti ka toluuf akka sooqiddaa mi'aayaa haata'u.
7 Efe. 6:21-22; Hu. Er. 20:4 Obboleessi jaalatamaaniif tajaajilaan amanamaan na woliin Goofta'aaf garbicha ta'e, Tikiqoos jiruu kiyya maraa isinitti beessisa.
8-9Film. 10-12 Waan nu itti jiru akka bettaniif, akka isin jajjabeessuuf amanama'aa fi jaalatamaa obboleessa keenna Anasimoosiin woliin wonti gara keessan erginuuf waan kanaaf, isaan waan hulee kanaa maraa isinitti himan.
10-11 Hu. Er. 19:29; 27:2; Film. 24; Hu. Er. 12:12, 25; 13:13; 15:37-39 Worra gadooman keessaa ka na woliin hidhame, Arisixirookos ilmi obboleessa Barnaabaasii Maarqos ka Iyosxosi jedhamuu fi Iyyaasuun nagaya isiniin jedhaniiran. «Maarqosi gara keessan yoo dhufe simadha'aanii» ajaja jedhu fudhattaniirtu. Worri jeennata Rabbii keessatti na woliin hojjatan kanniin calla'a; isaanillee na jajjabeessaniiran.
12 Qol. 1:7; Film. 23 Garbichi Kiristoosii Ephafiraan keessan nagaya isiniin jedheera. Fedha Rabbii maraa hubattanii, guutuu taatanii, akka dhaabattan, hennaa maraa waan keessaniif jabaatee Rabbiin kadhata.
132:1; Mudh. Yoh. 3:14 Waan keessanii fi waan worra Lodoqiyaa Qachaa Iyyaaraa jiraniif guddisee akka hinaafu isinii raga.
14Xim. 2ffaa 4:10, 11; Film. 24 Jaalatamaan Ogeessi fayya'aa Luuqaasii fi Deemaasillee nagaya isinii dhaamaniiran.
15Obboleeyyan Lodoqiyaa keessa jiran Nimfuuniif woldaa Kiristaanaa ta mana isaa jirtuuf nagaya naa himaa'a
16Dhaamsi tunillee isin biratti haga dubbifamteen maayessa tokkummaa namoota Lodoqiya'aattillee akkasuma akka dubbifamu godhaa'a. Dhaamsa Lodoqiyaa irraa ergame isinillee akkasuma dubbisaa'a.
17Film. 2 Akiriphaanillee, «Tajaajila Gooftaa irraa fuute, akka raawwattu jabaadhu» jedha'aa naa himaa'a.
18 Qor. 1ffaa 16:21; Gal. 6:11; Tas. 2ffaa 3:17; Ibr. 13:3 Nageenni ani Phaawuloos harka kiyyaan barreesse kana. Hidhamuu kiyya yaadaa'a!
Badhaanni isin woliin haata'u.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.