1 15:1; 16:19; Ermiyaasii Raatticha 51:13 Maleekkaan torbaa ka mijuu xuwwe'ee torbaa qabatan keessaa tokko dhufeeti, «Koottu, murtii seebartuu gudditti'ii, ta bisaan hedduu irra teette sitti mudhisa.
218:3, 9; 14:8; Isaayyaasii Raatticha 23:17; Ermiyaasii Raatticha 51:7 Mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran, worri lafa irra jiraatan daadhii woyini'ii seebara isi'iitiin machaayan» jedhee natti dubbate.
3 Hisqeelii Raatticha 37:1; Mudh. Yoh. 13:1 Ayyaanaan gara gammoojji'ii na fidee intalti takka ta maqaan arrabbaa irra jiru ta mataa torbaa fi gaafa kudhanii qabdu ta bineensa diimaa irra teetu arge.
418:16; Ermiyaasii Raatticha 51:7 Intalattiin sun uffata diima'aa fi hamara uffattee worqi'ii fi dhagaa gatii gudda'aa waan gatii gudda'aatiin bareede harka ufiititti waan nama shakkisiisaa, xuwwee worqi'ii ka seebarri'ii fi battumma'aan guuttame qabatte.
5Tas. 2ffaa 2:7; Mudh. Yoh. 14:8 Kallachaa isi'iititti maqaa dhossa'aa, «Baabiloonii guddoo haadha seebartootaatii fi ta lafa battootaa» jedhamee barreeffame.
618:24 Intalti dhiiga woyyootaatii fi dhiiga worra Kiristoosiin ragaa bayaniin machoofte arge; hennaa isii arge guddisee maalalfadhe.
7Maleekkaanillee, «Maali'iif maalalfattaa?» Dhossaa Intalatti'iitii fi dhossaa busaaya'aa isii baadhatuu ka mataa torbaatii fi gaafa kudhanii qabu ani sitti hima.
813:1-8; Kitaaba Faarfanna'aa 69:28 Bineensi ati argite duri jira, amma ammoo hin jiru, ashuuteen keessaa bayu'uuf ta'a, gara badi'iillee hin deema, worri maqaan isaanii uumama adunya'aa irraa jalqabee Kitaaba jireennaatitti hin barreeffamne, worri lafa irra jiraatan akka bineensi jiru, ka amma hin jirre, deebi'ee akka dhufe haga argan hin maalalfatan.
9 13:18 «Sammuun ogummaa qabu kanaan, mataan torban ka intalti sun irra teette gaara torban.
10Akkasuma mootonni torba keessaa shan kufaniiran; tokko hin jira, ka hafellee haga ammaa hin dhufne. Yoo dhufullee hennaa diqqoo turuu barbaachisa.
11Bineensi jiruuf ka hin jirree, saddetaffaa torba keessaa tokko gara badi'ii deema.
1213:1; Daani'eelii Raatticha 7:7, 24 Gaafni kudhanii ka ati argite mootota kudhanii ka haga ammaa mootummaa hin arganne. Haata'uu ammoo bineensa san woliin sa'aatii tokkoof akkuma moototaa baallii fudhatan.
13Kunniin yaada tokko qaban hunna ufiitiif baallii ufiillee bineensa sanii kennan.
1419:14, 16, 19 Kunniin hoola'aan lolan, hoolaan sun Gooftaa Gooftotaatii fi mootii mootootaa waan ta'eef, isaan mooyata worri isa woliin jiran worri waamamanii fi worri filataman akkasuma worri amanaman hin mooyatan.»
15 Isaayyaasii Raatticha 8:7; Ermiyaasii Raatticha 47:2 «Bisaan seebartiittiin irra teette ka ati argite, gosaa fi namoota hedduu, worra Yihuudii hin taanee fi worra afaan adda addaatiin dubbatu naan jedhe.
1618:8 Gaafni kudhaniitii fi bineensi ati argite, seebartitti'iin wol lolanii qulla'aa fi duwwaa isii godhan, foon isi'iillee hin nyaatan ibiddaan isii guban.
17Rabbi yaada Isaa akka godhan yaada tokko akka qabaatan, haga jechi Rabbii raawwatamutti, mootummaa isaanii akka bineensa sanii kennaan onnee isaanii keessa waan bulcheef.
18Intalti ati argite, ta qachaa guddoo mootota lafaa irratti mootu» jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.