Mudhata Yohaannisii 11 - WAADAA LAMMATAA

Raattota lamaan

1 Hisqeelii Raatticha 40:3; Zakkaariyaasii Raatticha 2:1-2, 5-6 Waan ulee fakkaatu ka ittin madaalan naa kennee, «Ka'iitii mana woyyuu Rabbii, waan kennaa irratti dhiyeessanii fi worra achitti sagadanillee bikki» naan jedhe.

213:5; Daani'eelii Raatticha 8:10, 13; Luq. 21:24 Ka mana woyyu'uutiin ala jiru hin bikkin; worra Yihuudota hin taanee kennameeraa dhiisi; isaanillee ji'a afurtamii lamaaf qachaa woyyittii irra ejjatan.

312:6 Raattota kiyya lamaanii fi uffata gaddaa uffatee guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jahaatamaa akka raaga dubbatan hunna isaanii kenna.

4Zakkaariyaasii Raatticha 4:3, 11-14 Isaan kunniin ejersa lamaaf baattuu ibsa'aa lamaan ka Gooftaa biyya lafaa afoo dhaabatan.

5Mootota 2ffaa 1:10; Ermiyaasii Raatticha 5:14 Eennuunillee midhuu yoo barbaade, ibiddatu afaan isaaniitii bayee diintota isaanii nyaata. Yoo eennullee isaan midhuu barbaade akkasuma hin ajjeefaman.

6Mootota 1ffaa 17:1; Yaq. 5:17; Seera Bawu'uu 7:17-20; Saamu'eelii 1ffaa 4:8 Ji'oota raanni kun dubbatamu roobni akka hin roobneef samii cufu'uuf baallii qaban, bisaan hennaa gara dhiigaa jijjiiruu barbaadan maraa bala'aan lafa maraa dhayu'uuf baallii qaban.

713:1-8; 17:8; Daani'eelii Raatticha 7:7, 21 Ragaa isaanii haga raawwataniin maayii bineensa ashuutee bawu woliin wol lolan. Mooyatee isaan ajjeesa.

8Isaayyaasii Raatticha 1:9-10 Reeffi isaaniillee afoo qachaa gudditti'ii ciisa; isiinillee akka fakkeenna hafuuraatiin soodomiif Misirii jedhamteeti akkasuma hulee Gooftaan isaanii itti fannifame.

9Worra gosa afaan adda addaa, fi worra Yihuudota hin taanee, Reeffa isaanii guyyaa sadihiifi wodhakkaa lafatti laalan. Reeffi isaanii akka awwaalamu hin dhiisan.

10Raattonni lamaan kunniin worra lafa irra jiraatan waan rakkisaniif isaanitti gammadan gammachu'uun jiraatan, kennaa wolii kennan.

11Hisqeelii Raatticha 37:5, 10 Guyyaa sadihii fi wodhakka'aan maayii hafuurri jireennaa Rabbiin biraa bayee isaanitti deebi'ee luka isaaniitiin dhaabatan. Sodaan guddaan worra isaan laalan irratti bu'e.

12Mootota 2ffaa 2:11 Sami'iillee laagaa guddaa, «Garana ol bayaa'a!» jedhu dhagayan. Isaanillee uduu diintonni isaanii laalan gara sami'ii duumessaan ol bayan.

136:12; 16:18 Sa'aatii san lafti guddiftee sochoote. Qachattiin kudhan keessaa harki tokko hin kufte. Sochii saniin namoonni kuma torbaa dhuman. Worri hafellee sodaatee Waaqa sami'itii ulfinna kennan.

14 9:12 Aanne'een lammaffa'aa lufeeti, akkasuma aanne'een sadaffa'aa dafee dhufa.

Xurumbaa Torbaffaa'a

15 12:10; Seera Bawu'uu 15:18; Daani'eelii Raatticha 2:44; 7:14, 27 Maleekkaan torbaffa'aa xurumbaa afuufe. Sami'itti, «Mootummaan adunya'aallee ta Gooftaa keennaa Kiristoosiiti. Inni baraa haga bara baraa mooya» laagaan guddaan jedhu dhagayame.

16 4:4, 10 Manguddoonni diddamii afurii ka teessoo Rabbii afoo taa'an kallacha ufiitiin lafatti gadi kufanii akkana jedha'aa Rabbii sagadan.

17 4:8; 19:4, 6 Ka jirtuuf ka turte, ka maraa bulchitu, Rabbii Gooftaa keenna hunna guddaa waan qabduuf waan mooteef si galateeffanna.

18Kitaaba Faarfanna'aa 2:5; 110:5; 115:13 Worri Yihuudii hin taanellee hin lolan,

atillee hin lolte; hennaan ati

worra du'anitti murteessitullee dhufe. Barri ati garboota kee, raattotaaf woyyoota kee, worra maqaa kee sodaatan didiqqa'aaf gugurda'aa

gatii isaanii kennitu, worra lafa balleessanillee

balleessitu dhufe.

19 8:5; 15:5; 16:18, 21 Manni woyyuu Rabbii ka samii jiru baname; «Saanduundhi waada'aallee» mana woyyu'uu keessatti mudhate, laagaa, bakakkaa, gigissaa, sochii lafaatii fi baradaan guddaan uumame.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help