1Haata'uu ammoo, ani akkana jedha. Ilmi qabeenna abbaa ufii dhaalu tokko, qabeenna abbaa ufii maraa irratti abbaa yoo ta'e, haga ijoollumma'aan jiru garbichaan garaagarummaa hin qabu.
2Haata'uu ammoo, haga guyyaa gaafa haganaa abbaan qabeetitti harka worra isaa guddisuu fi worra isa bulchu jala jiraata.
33:23; 5:1; Qol. 2:8, 20 Akkasuma nullee Ayyaanaan uduu hin guddatiniin duratti, seera biyya lafaatiif garboota turre.
4Seera Uumamaa 3:15; Mar. 1:15; Yoh. 1:14; Rom. 1:3; Efe. 1:10 Haata'uu ammoo, barri murtayee sun hennaa gaye, Rabbi ilma ufii ka dubartii irraa dhalate, ka Seeraa gad ta'e erge.
5Innillee worra Seera jala jiran booji'ee, ilmaan Rabbii nu taasisu'uuf kana godhe.
6 Rom. 8:15; Mar. 14:36 Ilmaan isaa waan taaneef, Rabbi Ayyaana, «Abbaa, Abbaa» jedhee waamu gara keenna erge.
73:26, 29; Rom. 8:16-17 Ammaa achi ati ilma malee garbichaa miti. Kanaafuu eega ilma taate, akkasuma karaa Kiristoosiitiin ka jeennata Rabbii dhaalu taateerta.
Phaawuloos Worra Galaatiya'aatii Quuqame8 Qor. 1ffaa 8:4-6; 12:2; Tas. 1ffaa 4:5 Haata'uu ammoo, hennaa san Rabbiin uduu hin beekin, amala keessaniin ka waaqa tolfama'aaf garboota taatan.
9Qol. 2:20 Amma ammoo haga Rabbiin beettan, keessattuu haga Rabbiin beekkamtaniin maayessa, attamitti deebitanii gara dadhabi'ii, gara waan tuffatamee fi gara barumsa duraa ka faayidaa hin qabnee garagaltanii, garbicha taatanii isaanii bitamuu feetanii?
10Rom. 14:5; Qol. 2:16, 20-21 Guyyaa, ji'a, bonaa-gannaa fi woggaa addaan baaftanii kabajjitan.
11Yoh. 2ffaa 8 Maal laataa, «Tasa isiniif xaare» jedhee isin sodaadha.
12Obboleeyyan tiyya! Anillee akkasuma ammoo deebi'ee akka keessan waan ta'eeruuf, akka kiyya ta'aa jedhee isin kadhadha. Isin womaa na hin yakkine.
13Hu. Er. 16:6; Qor. 1ffaa 2:3 Duraan hennaa Oduu Nagayaa isinitti himu, sababa dhibee kiyyaatiin akka ta'e hin beettan.
14Waan foon kiyyaatiif yoo ataabee isinitti ta'ellee, isin ammoo na hin tuffanne, na hin jibbinelle'e. Haata'uu ammoo akka maleekkaa Rabbiititti, Ee akka Yesuus Kiristoosititti na simattan.
15Eegasuu gammachiisuun keessan sun eessa dhaqe ree? Uduu isiniif danda'amee ija keessan uf keessaa baaftanii naa kennuun fedhii keessan akka ta'e anuu ragaa isinii hin baya.
16Eegasuu dhugaa waan isinitti himeef ani diina isinitti ta'ee?
17 1:7; 6:12; Hu. Er. 20:30 Jabeessanii isin soqan, haata'uu ammoo waan misha'aafii miti; wonti jabeessanii isin soqaniif, isin yaada keessan isaan irra akka kaayattaniif, nu irraa adda isin fooyuu barbaadan.
18Haata'uu ammoo, hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin ta'in, hennaa maraa waan misha'aaf worra barbaadaman uduu taatanii misha'a.
19Qor. 1ffaa 4:15 Ijoollee tiyya! Haga bifti Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ammallee waan keessaniif akka dubartii deettuutitti ciniinsifadha.
20Waan keessan waan mamuuf, amma isin bira taa'ee uduu isin woliin qaaqee natti tola.
Fakkeenna Aggaariitii Fi Saara'aa21Isin worri seera jala jiraachuu barbaaddan, waan seerri jedhu hin dhageettanii? Mee natti himaa'a!
22Seera Uumamaa 16:15; 21:2-3 Abrahaam ilmaan lamaan uumate keessaa, tokko garbitii irraa, kaan ammoo bantittii irraa akka uumate barreeffameera.
23Rom. 9:7-9; Seera Uumamaa 17:16 Haata'uu ammoo, ilmi garbitti'iillee akka fedha fooniititti dhalateera; ka bantitti'ii ammoo dubbii abdi'iitiin dhalateera.
245:1; Seera Bawu'uu 19:18; Seera Uumamaa 16:1; Rom. 8:15; Ibr. 12:18 Wonti kun akka fakkeennaatitti fudhatama; dubartoonni lamaan tunniin akka waadaa lamaaniititti laallaman. Dabra Siinaa keessaa takkattiin garbumma'aaf ijoollee deetti; Isiinillee Aggaari.
25Aggaariin tun ta Dabra Siinaa lafa Arabaa keessa jirtu fakkaati. Ammallee Yerusaalemii amma jirtu tana fakkaatti. Ijoollee isi'ii woliin garbummaa keessa waan jirtuuf.
26Ibr. 12:22; Mudh. Yoh. 3:12; 21:2 Yerusaalemiin ol gubba'aa ammoo ta bilisuma'aan jiraata'aartu, isiinillee haadha teenna.
27Isaayyaasii Raatticha 54:1 Barreeffama Woyyuu keessatti,
«Ijoolleen dubartii abbaa manaa qabduu caalaa,
ijoolleen dubartii abbaa manaa hin qabnee waan heddummatteef
ati dhabduu deettee hin beenne gammadi,
atillee ta ciniinsifattee hin beenne
iyyii ililfadhu!» jedhamee barreeffameera.
28Obboleeyyan tiyya! Nullee akkuma Yisihaaqii ijoollee abdiin kennameeruuf.
29Seera Uumamaa 21:9 Haata'uu ammoo, akka fedha fooniititti ka dhalate ka akka fedha Ayyaanaatitti dhalate, hennaa san akkuma ari'e, adhalee akkasuma.
30Seera Uumamaa 21:10, 12 Haata'uu ammoo, Kitaabni maal jedha? «Ilmi garbitti'ii, ilma bantitti'ii woliin waan hin dhaalleef, garbittii mucaa isi'ii woliin ari'i!» jedha.
31Kanaafuu obboleeyyan tiyya, nu ijoollee bantitti'iiti malee, ta garbitti'iitii miti.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.