Hujii Ergamootaa 14 - WAADAA LAMMATAA

Phaawuloosii Fi Baarnaabaas Qachaa Iqooniiyaa Keessatti

1Iqooniyo'ottillee akkuma duraanii gara mana sagada Yihuudotaa seenanii namoonni Yihuudi'iitii fi Giriikii haga namoonni hedduu amananiif isaanitti himan.

213:45 Yihuudonni hin amanne ammoo worra Yihuudota hin taane worra amanan irratti kakkaasanii akka jibban godhan.

319:11; Ibr. 2:4 Malkataa fi maalaleen akka harka isaaniititti ta'u isaanii kenna'aa waan dubbii badhaadhummaa Goofta'aa raga'aa ji'a hedduu achi taa'an.

4Baniin qacha'aallee gargar qoodamanii wodhakkaan isaanii Yihuudota woliin; wodhakkaan isaanii ergamtoota woliin taa'an.

5 14:19; Xim. 2ffaa 3:11 Worri Yihuudota hin taanee fi Yihuudonni ammoo bulchoota isaanii woliin isaan rakkisu'uuf tumuu hennaa yaadan.

6Mat. 10:23 Isaan ammoo beekkatanii gara qachoota Liqa'ooniya'aa ka Lisixira'aa fi Darbeen jedhamtuu gara biyya naannoo isaanii dheessan.

7Achittillee Oduu Nagayaa lallaban.

Phaawuloosii Fi Baarnaabaas Qachaa Lisxira'aatii Fi Derbee Keessatti

8 3:2; Yoh. 9:1 Lisxiraa keessatti namicha lutti isaa naafate, ka urga dhalate irraa jalqabee hokkolu ka horomaa luka isaatiin deeme hin beennetu achi taa'aa ture.

9Mat. 9:28 Namni kunillee Phaawuloos hennaa dubbatu caqasa'aa ture. Innillee fayyu'uuf akka inni amantaa qabu hennaa arge,

10Guuttatee ija keessaa laalee laagaa ol qabatee qajeelii luka keetiin dhaabadhuu jedheen. Innillee ol jedhee ka'ee deddeeme.

1128:6 Baniin waan Phaawuloos godhe hennaa argan laagaa ufii ol qabatanii, «Afaan Liqa'ooniya'aatiin malekka'atu nama fakkaatee gara keenna bu'eera» jedhan.

12Baarnaabaasiinillee, «Diyaa» jedhaniin. Phaawuloosillee inni dubbataa ijoo waan ta'eef, «Hermeen» jedhaniin.

13Gadichi Diyaan mana woyyuu ka afoo qacha'aa jiru keessatti korommi'ii fi abaaboo bareechifamee marame banii woliin gara balbalaa fidee kennaa ciinca'aa godhee kennu barbaade.

14Ergamoonni Baarnaabaasii fi Phaawuloos ammo, henna kana dhagayan uffata ufii tarsaasaanii gara bani'ii fiiganii iyya'aa akkana jedhan.

1510:26; Seera Bawu'uu 20:11 «Isin namoota nana, maaf kana gootan? Nullee ammoo namuma akka keessaniiti waan duwwaa kana irraa gara Rabbii jiraataa ardii, samii, galaanaa fi waan galaana keessa jiraatu mara uumee akka deebitaniif Oduu Nagayaa isinitti lallabna.

1617:30 Inni dhaloota darbe keessatti worra Yihuudii hin taane maraa gara karaa ufii fedhanii akka deeman dhiise.

17Ermiyaasii Raatticha 5:24; Kitaaba Faarfanna'aa 147:8 Hujii mishaa hojjata'aa samii irraa Roobni roobee ji'a daraaraan daraaru nuu kennee, garaa keenna nyaataa fi gammachu'uun guute; kanniin maraan akka Rabbiin ta'e mudhise.»

18Kana jedhanii akka ciincaa isaaniif hin goone banii giddi'iin dhooggan.

1917:13; Qor. 2ffaa 11:25; Xim. 2ffaa 3:11 Yihuudonni Anxookiya'aa fi Iqooniyooniin keessaa dhufan ammoo banii sossobanii Phaawuloosiin tumanii waan du'e isaanitti fakkatee qacha'aa gara raasa'aa harkisaniin.

20Uduu darasoonni marsaniiran ka'ee gara qacha'aa seene. Bariisaa san Baarnaabaasiin woliin gara Darbe'ee dhaqe.

Phaawuloosii Fi Baarnaabaas Gara Anxookiya'aa Deebi'an

21-22Qachaa sanitti Oduu Nagayaa lallabanii darasoota heddu haga taasisaniin maayii garaa darasootaa jabeessa'aa amanta'aan jabaatanii akka jiraatan gorsa'aa, gara jeennata Rabbii rakkoo guddaa keessa lufnee galuu nu barbaachisa jedha'aa gara Lisxira, Iqooniyoonii fi Anxookiya'aa deebi'an.

23Woldaa kiristaanaatitti manguddoota haga muudaniin maayessa soomanii haga faateffatan Gooftaa itti amananitti yaboo isaan kennan.

24Phisdiiyaa keessa lufaanii gara Phinfiliya'aa dhaqan.

25Phergeenittillee dubbii haga himaniin maayii gara Ixaaliya'aa bu'an.

2613:1-2, 15, 40 Achiillee hujii raawwatanii gara hulee Ayyaana Rabbiititti yaboo kennanii gara Anxookiya'aa markabaan deeman.

27 15:4, 12; 11:18 Hennaa achi gayan woldaa kiristaanaa wolitti qabanii waan Rabbi isaan irraan godhe maraa worra Yihuudii hin taaneefillee Rabbi balbala amanta'aa akka isaanii bane himan.

28Darasoota woliinillee guyyaa heddu taa'an.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help