Ergaa Yaaqoob Erge 1 - WAADAA LAMMATAA

1 Mat. 13:55; Mar. 6:3; Hu. Er. 15:13; Gal. 1:19; Yihu. 1; Phex. 1ffaa 1:1 Garbicha Rabbiitii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii Yaaqoobiin irraa, gosoota kudha lama worra bittinnooftaniif nageenni isinii haata'u.

Amanti'ii fi Ogummaa

2-3 Rom. 5:3-5; Mat. 5:11-12 Obboleeyyan tiyya! Amantaa keessan ataabamuun obsa akka isinii ta'u beeka'aa. Ataabeen adda addaa yoo isin irra gaye, akka gammachuu guutu'utitti laakkayaa'a.

4Mat. 5:48 Isin worra ciniinnattan, worra obsi keessan bilchaateef guutuu ta'e, worra dhidhina hin qabne akka taatan isin taasisa.

5 Kitaaba Fakkeennaa 2:3-6; Mat. 7:7 Isin keessaa namni ogummaa hin qabne, uduu hin komatin Rabbii arjumma'aan maraafuu kennu haa kadhatuu. Isaa hin kennamaa.

6Mar. 11:24; Xim. 1ffaa 2:8 Isin keessaa eennullee womaa uduu hin mamne amanta'aan haa kadhatuu. Namni shakku nama bubbee danbalii galaanaatiin dhiibamee socho'u fakkaata.

7Namni yaada lamaa qabu, ka karaa isaa maratuu dhaaba hin qabne,

8Namni sun Gooftaa biraa waan tokkollee waan argatu isatti hin fakkaatin.

Hiyyumma'aa Fi Durummaa

9 2:5 Obboleessi gad uf qabu ammoo waan Rabbi ol isa qabuuf haa boonuu.

10Phex. 1ffaa 1:24; Kitaaba Faarfanna'aa 90:5-6; Isaayyaasii Raatticha 40:6-7 Dureessi yoo gadi uf qabe, haa boonuu. Qabeennillee akka daraaraa margaa waan lufuuf.

11Aduun oo'a woliin baati. Marga hin quursiti, daraaraan hin harca'a. Bareenni bifa isaallee hin bada. Akkasuma durreessillee karaa isaa ka jireennaa keessatti hin dadhaba.

Ataabee Nama Irra Gayu

12 5:11; Kitaaba Iyyoobii 5:17-19; Xim. 2ffaa 4:8; Mudh. Yoh. 2:10 Namni ataabee keessatti ciniinnatu eebbifama'a. Inni hennaa ataabameen maayessa gatii jireennaa yookiin badhaasa Rabbi worra isa jaalatuuf waadaa gale san hin fudhata.

13Eennullee hennaa ataabame, «Rabbiin ataabame» hin jedhin; Rabbi hamtu'uun waan nama hin ataabneef, Inni ufiif eennuunillee hin ataabu.

14Rom. 7:7-8 Haata'uu ammoo namni hawwii ufiitiin yoo harkifameef sobame hin ataabama.

15Seera Uumamaa 3:6; Rom. 7:10; 6:23 Achiin maayessa dharraan yoo ulfoofte, cubbuu dhalti. Cubbuun sun haga guddatteen maayii du'a dhalti.

16Obboleeyyan jaalatamtoota, hin sobaminaa'a.

17Mat. 7:11; Yoh. 3:27; Rom. 11:29; Yoh. 1ffaa 1:5 Kennaan mishaan, eebbii guutuun maruu olii dhufa. Kennaan mishaan, kennaan mudaa hin qabne cuftinuu abbaa ifaa akka gaaddidduu hin jijjiiramne san biraa gubba'aa gad-bu'a.

18Yoh. 1:13; Phex. 1ffaa 1:23 Nu uumama maraaf hangafa akka taanu dubbii dhuga'aatiin yaadee nu uume.

19Kitaaba Fakkeennaa 17:27; 29:20; Kitaaba Lallabaa 5:1-2; 7:9-10 Kanaafuu obboleeyyan jaalatamtan, namni maruu dhagayu'uuf ariifataa'a, dubbatu'uuf suuta, worra aari'iifillee hin ariifanne ta'aa'a.

20Kitaaba Fakkeennaa 29:22; Efe. 4:26 Aariin namaa qajeellummaa Rabbii hin hojjatu.

21Qol. 3:8; Phex. 1ffaa 2:1; Ibr. 13:22 Kanaafuu battummaa maraaf hammeenna baayi'ee uf keessaa balleessa'aatii ka keessa keessaniitti dhaabamee lubbuu keessan fayyisuu danda'u, dubbii Rabbii fayyaalumma'aan fudhadhaa'a.

222:14; Mat. 7:21, 26; Rom. 2:13 Worra dubbii Rabbii raawwattan ta'aa malee, worra uf dogoggorsa'aa dubbii callaa dhageettan hin ta'inaa'a.

23Ka dubbii Rabbii dhagayee hujii irra hin oolchine yoo jiraate, nama fuula ufii uf-arga'aan laallatu fakkaata.

24Inni fuula ufii argee hin deema. Yoma san fuulli isaa maal akka fakkaatu hin irraanfata.

252:12; Rom. 8:2; Yoh. 13:17 Haata'uu ammoo seera wolaba isa baasu laalee huji'itti jabaatee ka hojjatu malee, dhagayee ka hin irraanfanne yoo ta'e huji'iin ka eebbifame ta'a.

263:2; Phex. 1ffaa 3:10; Kitaaba Faarfanna'aa 34:13 Namni arraba ufii uduu hin eenne, onnee ufiitiin dogoggora'aa waan Rabbiin kaddaamu fakkaatu eennullee yoo jiraate, kaddaamuun isaa duwwa'a.

27Isaayyaasii Raatticha 1:17 Kaddaamuun qulqulluu ta'e, Rabbii Abbaa biratti ka mudaa hin qabne kana. Ijoollee abbaa haadha hin qabnee fi dubartoota abbaan manaa irraa du'e gargaara'aa hamaa biyya lafaa irraa uf eeggachu'u.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help