1 Seera Bawu'uu 13:21-22; 14:22-29; Kitaaba Faarfanna'aa 78:13-14 Obboleeyyan tiyya! Kana akka beettan barbaada, Abboonni keenna maruu duumessa jala turan; maaruu galaana wodhakaa ceeyan.
2Maruu Muuse'een wol fakkaachu'uuf duumeessaaf galaanaan cuuphaman.
3Seera Bawu'uu 16:4, 35; Kitaaba Faarfanna'aa 78:24-29 Maruu nyaata Ayyaanaa san nyaatan; maruu dhuddoo Ayyaanaa san dhugan.
4Seera Bawu'uu 17:6; Seera Laakkobsaa 20:11; Seera Keessa deebi'ii 32:4, 18; Kitaaba Faarfanna'aa 78:15-16 Marti isaaniituu untoo Ayyaana bifa tokkoo dhugan; untoon irraa dhuganillee dhagaa siida'aa ka faanaa deema'aa turan san; dhagaan sunillee Kiristoos.
5Seera Laakkobsaa 14:22-23, 29-30, 32; Ibr. 3:17 Rabbi ammoo worra baayi'innaan isaan taru sanniinitti hin gammanne; waan lafa gammooji'iititti kufaniif.
6Seera Laakkobsaa 11:4; Kitaaba Faarfanna'aa 78:18-20 Isaan kunninillee waan hamaa akkuma dharra'an, nullee akkasuma akka hin dharraane, Kun fakkeenna nuu ta'e.
7Seera Bawu'uu 32:6 «Baniin nyaachu'uu fi dhugu'uuf taa'anii; sirbu'uuf ka'an» jedhamee akkuma barreeffame isaan keessaa gari gariinillee akkasuma godhe, isinillee worra waaqa tolfamaa kaddaamu hin ta'inaa'a.
8Seera Laakkobsaa 25:1-18 Isaan keessallee gari gariin akkuma seebaran guyyaa tokkotti kumni dhibba sadihii fi kumaatamaa olii akkuma kufan, nullee akka hin seebarre.
9Akkuma isaan keessaa gari gariin Gooftaa qoranii bofaan dhuman, nullee akka Gooftaa hin qorre.
10Seera Laakkobsaa 14:2; 16:41-49; Ibr. 3:11, 17 Isaan keessaa gari gariin akkuma gururi'anii waan ballessuun akka badan hin gururi'inaa'a.
11 Rom. 15:4; Ibr. 4:11; Phex. 1ffaa 4:7 Kun maruu fakkeenna akka nuu ta'uuf isaan irraa nu bira gaye; nu worra bara dhumaa kana keessa jirruuf akka uf eeggannuuf nuu barreeffame.
12Kanaaf ka waan dhaabate itti fakkaate akka hin kufne ufi haa eeguu.
13Qormaata nama maraa irratti ta'uun ala qormaanni woyiituu isin irra hin geenne; haata'uu ammoo haga dandeettan caalaa akka qoramtan Rabbiin hin eeyyamne amanama'aa. Obsuu akka dandeettan qorumsa woliin karaa baataniinillee isinii qopheessa.
14 Yoh. 1ffaa 5:21 Kanaaf obboleeyyan tiyya! waaqa tolfamaa kaddaamuu irraa fagaadhaa'a.
15Waan qalbii qabdaniif kana jedha, waan ani jedhutti isinuu murteessaa'a.
1611:23-26; Mat. 26:26-28; Mar. 14:22-24; Luq. 22:19-20; Hu. Er. 2:42 Untoon eebbifnu ka eebbaa dhiiga Kiristoosii woliin ka tokkummaa qabuu mii? Xoroshoon cabsannu foon Kiristoosii woliin ka tokkummaa qabuu mii?
1712:27; Rom. 12:5 Xoroshoon tokko waan ta'eef, nullee xoroshoo tokko san irraa worra qoodamu waan taaneef, hagamillee heddu yoo taane nu nafa tokkocha.
18 Seera Leewwotaa 7:6, 15, 16 Waan Israa'el namumma'aan godhe laalaa'a. Worri ciincaa nyaatan sunniin worra hulee ciinca'aa irraa qoodamuu mii?
198:4 Eeganaa maal jedha; ciincaa waaqa tolfama'aa waan bu'aa hin qabneef jedhaa? mo'o waaqa tolfamaa waan bu'aa hin qabne akka ta'u jedhaa? Miti.
20Seera Keessa deebi'ii 32:17; Seera Leewwotaa 17:7; Mudh. Yoh. 9:20 Haata'uu ammoo worri Yihuudii hin taane ka ciinceessan jinni'ii akka ta'uuf malee, Rabbii akka hin woreenne jedha; jinnii woliin tokko akka taatan hin jaaladhu.
21Qor. 2ffaa 6:15-16 Untoo Goofta'aatii fi ka jinni'ii qixa dhuguu hin dandeettan; nyaata Goofta'aatii fi nyaata jinni'ii qixa qoodamuu hin dandeettan.
22Seera Keessa deebi'ii 32:21 Moo Gooftaa haa hinaafsifnuu? Nu isa caalaa jabaannaa?
236:12; 8:1 Maruu naa eeyyamameera; maruu ammoo hin fayyadu. Maruu naa eeyyamameera; Haata'uu ammoo ka keessa namaa qulqulleessuu miti.
2413:5; Rom. 15:2; Filph. 2:4 Namni martinuu bu'a gosho'ootiif malee, tokkollee waan ufii hin barbaadin.
25 Rom. 14:2-10 Waan gabayaa fooniititti gurguramu maraa uduu hin shakkine nyaadhaa'a.
26Kitaaba Faarfanna'aa 24:1; 50:12 «Ka lafaa fi lafarra guute maruu ka Goofta'aa waan ta'eef.»
27Worra hin amanne keessaa tokkollee yoo isin waame dhaquu yoo barbaaddan yaada keessaniin uduu hin shakkine waan isinii dhiyeessan maraa nyaadhaa'a.
288:7 Namni tokkollee kun ciincaa waaqa tolfama'aaf dhiyaate yoo isiniin jedhe; sababa namichi waan san isinitti himeef sababii shakkii qalbii teessaniitiif hin nyaatinaa'a.
29Yaada hiriyyaa keetiitiif malee yaada mataa keetiitiif hin dubbadhu. Wolabummaa kiyya irratti yaada nama biraatiin narratti murteeffamaa?
30Rom. 14:6; Xim. 1ffaa 4:4 Anillee badhaadha Rabbiitiin yoo nyaadhe, waan itti galateeffadhuuf maali'iif arrabamaa?
31 Qol. 3:17 Eegasuu waan dhuddanii fi waan nyaattan yoo ta'e yookiin waan kamiinillee yoo gootan, waa maraa ulfinna Rabbiitiif godhaa'a.
32-33Rom. 14:13 Ani ammoo hedduun isaanii akka fayyaniif bu'aa isaaniitiif malee, bu'aa kiyya uduu hin barbaanne waa maraanuu nama maraa akka gammachiisu Yihuudii, namoota Giriikiitii fi woldaa Kiristaanaa ta Rabbiitittillee gufuu hin ta'inaa'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.