Hujii Ergamootaa 22 - WAADAA LAMMATAA

1 7:2 «Isin obboleewwanii fi abboonii amma yaada kiyya yoo isinii ibsu na dhagayaa'a!»

2Afaan Ibiraayisxiitiin hennaa inni dubbatu dhageennaan ka duraa caalaa cadhisan. Innillee akkana jedhe.

321:39; 5:34-39; Rom. 10:2 «Ani nama gosa Yihuudi'ii qachaa Xarseesii ta Kiliqiyaa keessatti argamtuuti. Ka itti guddadhe ammo qachaa Yerusaalemii tanatti. Barsiisaan kiyyallee Gamaaliyaali; seera abbootaa midhaassee baradhee, akkuma isin adha gootan kana, Rabbiin Ayyaana isaatiin isaa hojjachu'uuf hinaafa'aa ture.

48:3; 26:9-11 Dhiiraa fi dubartootallee qabee dabarsee gara mana hidha'aa keenna'ati worra amantaa kana hordofan ajeessu'uuf ari'a'aa ture.

5Akkasuma bulchaan gadootaatii fi manguddoonni maruu ragaa naa bayan. Isaan irraallee akkasuma dhaamsa obboleewwanii fuudhee worra Damaasqoo jiranillee akkasuma hidhamanii akka adabaman gara Yerusaalemii fidu'uuf deema'aa ture.

6Hennaa Damaasqo'otti dhiyaadhe guyyaa wodhakkaa yoo ta'u, dimmaa sami'ii ifti guddaan naannoo kiyyatti ife.

7Hennaa san ani hin kufe, ‹Saa'ol, Saa'ol! maaf na ariita?› Laagaa jedhu dhagaye.

8Anillee deebisee, ‹Gooftaa kiyya! Ati eennu?› jedheen. Innillee, ‹Ani Yesuusii Naazireetii, ka ati ariitu san› naan jedhe.

9Worri na woliin jiran ifa arganii sodaatan, haata'uu ammoo isaan laagaa inni natti dubbatu hin dhageenne.

10‹Gooftaa kiyya! Maal godhuu?› jedheen. ‹Ka'iitii, gara Damaasqo'oo deemiitii waan gootuu fi waan ajajame maraa achitti sitti himanii› naan jedhe.

11Achitti sababaa ifnii guddisee itti ifeef arguu dhabnaan namoonni na woliin jiran harka kiyya qabanii na masakka'aa gara Damaasqo'oo gaye.

12Namicha Yihuudonni achi jiraatan maruu ragaa bayaniif akka seeraatittillee faateffachu'uun jabaate ka Hanaaniyaa jedhamutu jira.

13Innillee gara kiyya dhufee na bira dhaabatee, ‹Obboleessa kiyya Saa'ol, ijji tee sii haa argitu!› naan jedhe. Anillee hennaa san isa arge.

14Innillee akkana naan jedhe, ‹Waaqa abbootaa fedha isaa akka beettuuf qajeellummaa akka argituuf afaan isaatii dubbii akka dhageettuuf, durumaa si filateera.

15Waan argitee fi dhageette nama maraa afo'otti ragaa taataaf.

162:21; Rom. 10:13 Amma maaf turta? dafii ka'iitii maqaa isaa waama'aa cuuphami, cubbuu keellee dhiqadhu.›

Phaawuloos Gara Worra Yihuudota Hin Taanee Ergame

17«Gara Yerusaalemiillee haga deebi'een maayii mana woyyuu Rabbii keessatti uduu faateffadhu,

189:28-30 ‹Daddaafii Yerusaalemii bayi waan kiyya yoo raddellee siraa hin fudhatan› hennaa naan jedhu manaabaan arge.

198:3; 22:4-5 Anillee ‹Gooftaa kiyya!, worra sitti amanan mana sagada Yihuudotaa maraa galchu'uuf tuma'aa akka ture isaanuu hin beekan.

207:58; 8:1 Worra lubbuun isaanii ciincooftee du'aniif dhiiga Isxifaanoosiin fa'a hennaa jissan, ani ammoo isaan bira dhaabadhee isaaniin wolii galee uffata worra isa ajjeesanii eega'aa ture jedhe.

219:15; 13:2; Gal. 2:7-9 Innillee deemi ani gara worra Yihuudii hin taanee ka biyya fago'oo si erga› naan jedhe.»

22 21:36; 25:24 Haga sagalee kana maraa dhagaya'aa turan qoonqa isaanii ol qabatanii, «Nama akkanaa kana lafa irraa balleessi! Inni lubbu'uun hin jiraatin»! jedhan.

23Iyyanii uffata isaanii mulqatanii daddarbanii, daaraalee ol facaasan.

24Ajajaan loltoota kumaa gara gandaa akka galchan ajaje. Sababa maali'iitiif akkana akka iyyan beeku'uuf tuma'aa qoradhaa'a isaaniin jedhe.

2516:37; 23:27 Teephaan duudhatanii Phaawuloosiin hennaa hidhan ajajaan loltuu dhibbaa ka isa bira dhaabateeruun, «Nama Rooma'aa, murtii malee akka tumtan isinii eeyyamameeraa?» jedheen.

26Ajajaan loltuu dhibbaallee hennaa dhagaye, gara ajajaa loltuu kumaa dhiyaatee, «Namni kun nama Rooma'aa waan ta'eef, waan godha'aartu irraa uf eegi» jedhee itti hime.

27Ajajaan loltuu kumaallee itti dhiyaatee, «Ati nama Rooma'aa tii? Natti himi» jedheen.

Innillee, «Ee» jedheen.

28Ajajaan loltuu kumaallee deebisee, «Ani lammummaa kana, birrii hedduun argadhe» jedhe.

Phaawuloos, «Ani ammoo isii keessatti dhaladhe» jedhe.

29 16:38 Kanaaf worri isa qorachuu yaadan yoosuu isarraa siiqan. Ajajaan loltuu kumaallee akkasuma akka inni nama Rooma'aa ta'e hennaa beeke waan hiisiseeniif hin sodaate.

Phaawuloos Yaa'ii Gumi'ii Afoo Dhiyaate

30Gaafa lamu'uu sababaa Yihuudonni himataniif maal akka ta'e dhugaa beekuu barbaadee hiikeenii bulchoota gadootaatii fi gumiin maruu akka wol gayan ajajee, Phaawuloosiin gad buusee afoo isaanii dhaabsise.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help