1Kanaafuu waan dhageenne irraa maal laataa akka hin fudhatamne isaaf caalchifnee uf eeguu nu barbaachisa.
2Jechi Maleekka'aan himame yoo jabaa ta'e, ka dubbii kana diiguuf ka isaa hin ajajamne maruu adaba isaaf ta'u argata.
3Nullee fayyinna guddaa akkanaa kana yoo lash itti jenne, attamiin jalaa baana. Kun dura waan Goofta'aan himamee tureef; worri dhagayanillee nuu cimsan.
4Rabbiinuu akka fedha ufiititti malkataa fi waan maalale'eetiin ajaa'iba adda addaatiin Ayyaana Woyyuu akka fedhii isaatitti kennameen waan kana rageef.
Jalqabni Fayyinna Ilmaan Namaa Yesuus5Rabbi adunyaa dhuftu ta waan isi'ii dubbannu tana akka maleekkotaa jalatti bultu hin goonne.
6Haata'uu ammo kitaabbillee Woyyuu keessa hulee takkatti;
«Waan isaa akka yaaddu,
namni maali'i?
Yookiin nama tooyachu'uuf
ilmi namaa maali'i?
7Nama diqqoma Maleekkaa hanqifte,
gulloo ulfinnaatii fi galataa mataa isaa irra keette.
8Maraa luka isaa jallatti akka bulu taasifte» jedhee rage.
Waa maraa isaa jalatti bulchite. Wonti isa jalatti hin bulle tokkollee hin jiru. Amma ammoo akka wonti maruu isa jalatti bule hin arginu.
9Haata'uu ammoo Ayyaana Rabbiitiin waan nama maraatiif du'a dhandhamu'uuf Yesuusii Maleekkaa diqqoo hanqatee ture, sababaa rakkinna du'aatiin gulloo ulfinnaatii fi galataa godhatee arginaan.
10Ijoollee hedduu gara ulfinnaa yoo fidu hundee fayyinna isaanii rakkinnaan raawwatu'uuf sababaa isaatiin maruu issumaan ta'e; maruu issumaaf ta'e.
11-12Ka woyyoomsuu fi ka woyyoomu maruu tokko irraa waan ta'aniif.
13Sababa kanaaf, maqaa kee obboleeyyan tiyyatti hin hima, amantoota jiddu'uttillee weeddu'uun si galateeffadha. Akkasuma, «Ani isa hedadha» akkasuma, «Kunoo, anii fi ijoolleen Rabbi naa kennellee obboleewwan jedhee isaan waamuu hin saalfatu.»
14-15Eegannaa ijoolleen isaa worra foonii fi dhiiga qaban waan ta'aniif, innillee akkasuma ka du'a irratti baallii qabu daabiloosiin akka diigu, worra jireenna isaanii maraan waan sodaa du'aatiif garbumma'aa jalatti hidhaman maraa bilisa baasu'uuf akkuma isaanii nama ta'e.
16Inni fiixaa Abrahaamii gargaru'uuf malee, Maleekkota gargaaru'uuf hin dhufne.
17Kanaaf banii irraa cubbuu dhiqu'uuf waan Rabbi maraaf araara godhuuf, gadicha hayyicha amanamaa ta'u'uuf, obboleeyyan ufii fakkachuun isa barbaachise.
18Inninuu qoramee waan rakkinna argeef worra qoraman gargaaruu hin danda'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.