Hujii Ergamootaa 12 - WAADAA LAMMATAA

Ajjeefamuu Yaaqoobiitii Fi Hidhamuu Pheexroosii

1Bara san mootichi Heroodisii rakkinna isaanitti jabbeessu'uuf woldaa kiristaanaa tokko tokko guddisee miidhe.

2Obboleessa Yohaannisii Yaaqoobiin guraade'een ajjeese.

3Akka Yihuudota gammachiise argee, Pheexroosiinillee qabe; hennaan sun ji'a Ayyaana xorosho'ooti.

4Haga qabeenii gara mana hidha'aa seensise, Faasika'aan maayii gara banii baasu'uuf yaadee, marti isaaniituu loltoota afur ta'anii akka isa eegan loltoota garee afuritti qoodamaniitti dabarsee isa kenne.

5Yaq. 5:16 Pheexroosillee mana hidha'aatitti eeggama'aa ture; haata'uu ammoo woldaa kiristaanaatitti waan isaatiif jabeessanii Rabbiin kadhata'aa turan.

Maleekkaan Pheexroosiin Mana Hidha'aatii Baase

6 5:23 Heroodisillee isa baasu'uuf hennaa yaade, halkan san Pheexroos siiboo sibiilaa lamaan hidhamee loltoota lama wodhakaa rafe. Worri eegan balbala afoo taa'anii mana hidha'aa eegan.

7Maleekkaan Goofta'aa dhufee, mana keessatti ifti ife. Pheexroosiin kalee isaa tuqee dammassee, «Daddafii ka'i!» jedheen. Sansalaannillee harka Pheexroosii irraa bu'e.

8Maleekkaan sunillee, «Woccuu tee marxifadhu kophee kee godhadhu» jedheen. Innillee akkasuma godhe.

9«Uffata uffadhuu na faana koottu» jedheen. Innillee bayee isa faana deeme; waan manaaba argu itti fakkaata'aa ture malee, wonti Maleekkaan godha'aaru dhugaa ta'uu isaa hin beenne.

105:19 Worra karra eegu ka tokkoffa'aatii fi ka lammaffa'aa bira lufanii karra sibiilaa gara qacha'aa baasu gayan. Karrillee ufumaan isaan jalaa baname. Bayaniillee haga tokko lufanii yomasan Maleekkaan isa biraa fooyame. Pheexroosillee uf beekee,

11«Gooftaan Maleekkaa ergee harka Heroodisiitii fi banii Yihuudotaa worra isa eega'aa turan maraa jalaa akka na baase amma dhugamaan beekeera» jedhe.

1212:25; 15:37 Pheexroos haga kana beeke hulee namoonni hedduu itti wolgayanii faateffata'aa turan gara mana Maariyaamii haadha Yohaannisii ka Maarqoos jedhamuu dhaqe.

13Pheexroos hennaa balbala dhadhayu hojjattuun Roodee jedhamtu takka caqasu'uuf dhuftee,

14Akka laagaa Pheexroosii ta'e haga beette, guddiftee waan gammaddeef, balbala uduu hin banne, mana keessa ol fiiddee, «Akka Pheexroos balbala afoo dhaabate!» himte.

15Luq. 24:37; Mat. 18:10 Isaan ammoo, «Hin maraatteerta!» isi'iin jedhan. Isiin ammoo ittuma deebitee, «Lakkaa isumaa» jette. Isaan ammoo «Maleekka'a» jedhan.

16Pheexroos ammoo ittuma deddeebi'ee balbala dhadhaye. Isaan ammoo balbala bananii hennaa laalan isa ta'uu haga argan maalalfatan.

17Inni ammoo akka cadhisaniif afaan isaanitti dhadhayatee, attamitti akka Gooftaan mana hidha'aatii isa baase isaanitti himee, waan kana Yaaqoobii fi obboleewwan kaawwanittillee himaa'a isaaniin jedhe. Achii bayeeti gara hulee biraa dhaqe.

185:21-24 Hennaa bari'e, «Pheexroosiin maaltu itti gale?» jedhanii loltoonni guddisanii wocan.

19Heroodisillee soccisiisee haga dhabe worra eeddootaa qoratee akka isaan ajjeefaman ajaje. Pheexroos Yihuuda'aa gara Qisaariya'aa dhaqee achi taa'e.

Du'a Heeroodisii

20 Mootota 1ffaa 5:11; Hisqeelii Raatticha 27:17 Heroodisi namoota Xiirosiitii fi Sidoona'aa woliin wol dhabee ture. Isaan ammoo garaa tokko ta'anii gara isaa dhufan. Ka mootichi amanu Bilaasxoosiin maarre jechisiisanii araara kadhatan. Biyyii isaanii biyya mooticha saniitii waan nyaataa argata'aa turaniif.

21Haaganaa qabatanii Heroodis uffata mootumma'aa uffatee teessoo isaa irra taa'ee isaanitti dubbate.

22Hisqeelii Raatticha 28:2, 6-10 Baniinillee, «Laagaa Rabbiiti malee, laagaa namaatii miti» jedha'aa woca'aa iyyan.

23Daani'eelii Raatticha 5:20 Innillee waan ulfinna Rabbiif hin kennineef hennama san Maleekkaan Goofta'aa isa dhayee raammo'oon nyaattamee du'e.

246:7; 19:20 Dubbiin Rabbii ammoo babadhata'aa guddata'aa deeme.

2511:29-30; 12:12; 15:37 Barnaabaasii fi Saa'oolillee tajaajila isaanii raawwatanii Yerusaalemii deebi'an. Yohaannisii Maarqos jedhamullee qabatanii dhufaniin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help