Ergaa Phaawuloos Gara Worra Rooma'aa Erge 9 - WAADAA LAMMATAA

Rabbii Fi Namoota Isaa

1 Xim. 1ffaa 2:7 Gadda gudda'aa fi dhiphachuu addaan hin cinnetu garaa kiyya keessa jira yoo jedhu, Kiristoosiin keessa ta'ee dhugaa dubbadha.

2Hin sobu; sammuun kiyya ka Ayyaana Woyyu'uun masakkamullee, akka ani hin sobne naa raga.

3Seera Bawu'uu 32:32; Qor. 2ffaa 12:15 Waan worra fooniin gosa kiyya ta'anii, waan obbolewwan tiyyaatiif, Kiristoosiin irraa fooyamee ani ka abaarame akka ta'u Rabbiin kadhata'aa ture.

4Seera Bawu'uu 4:22; 9:4; Seera Keessa deebi'ii 7:6; 14:2; Rom. 3:2; Efe. 2:12; Ibr. 9:1 Isaan worra Israa'elii waan ta'aniif, ilmummaa, ulfinna, kaku'uunillee seeri kennamuun sirni mana woyyu'uu dubbiin abdi'iilee ka isaaniiti.

51:3; Mat. 1:1-16; Luq. 3:23-38; Yoh. 1:1; Ibr. 1:8-10; Xim. 1ffaa 3:16 Abboonnillee ka isaanii waan ta'eef isaan keessaa Kiristoos fooniin dhalate, Inni waa maraa ol ta'ee, bara baraan Waaqa eebbifama'a! Amiin.

6Seera Laakkobsaa 23:19; Rom. 2:28 Haata'uu ammoo dubbiin Rabbii ka diiggamee miti, kunniin worri Israa'eliin irraa dhalatan maruu Isiraa'eloota waan hin taaneef.

7Seera Uumamaa 21:12; Mat. 3:9; Yoh. 8:39 Fiixaa Abrahaamiillee waan ta'aniif, isaan maruu ijoollee isaatii miti. Haata'uu ammoo fiixaan kee Yisihaaqiin sii waamama jedhame.

8Gal. 3:7; 4:23, 28 Kunniinillee ijoollee fiixaa abdi'ii qabu keessatti laakkayaman malee, ijjoolleen foonii kunniin ijoollee dhalatan ijoollee Rabbiitii miti jechu'u.

9Seera Uumamaa 18:10, 14 Dubbiin abdi'ii kunillee, «Ani hennaa kana dhufa, Saaraanillee ilma deetti» ka jedhu.

10 Seera Uumamaa 25:21 Kana calla'aa miti; Ribqaan akkasuma abbaa keenna tokkocha Yisaaqiin irraa hennaa ulfoofte,

118:28-29; 11:5-6 ijoolleen isaa uduu hin dhalatin mishummaa yookiin waan hamaa uduu hin hojjatin ka waame irraa malee, huji'iinii miti; yaanni Rabbii ka filanno'oon ta'u akka jabaatu.

12Seera Uumamaa 25:23 «Hangafni maandha'aa ajajama» isi'iin jedhame.

13Milkiyaasii Raatticha 1:2-3 «Yaaqoobiin jaaladhe,

Eesawuu ammoo jibbe» jedhamee akkuma barreeffame.

14 Seera Uumamaa 18:25; Seera Keessa deebi'ii 32:4 Eegasuu maal jenna? Rabbiin bira haammenni hin jiraa ree? miti.

15Seera Bawu'uu 33:19 Rabbi Muuse'een, «Ka araaramu maraafuu hin araarama; ka garaa laafu maraafuu garaa laafa» waan jedhuuf.

16Efe. 2:8-9 Eegasuu araarri worra jaalateefii miti; yookiin ka fiigeefii miti. Rabbii araara namaa kennu irraa malee.

17Seera Bawu'uu 9:15-16 Kitaabni, Fari'ooniin ani hunna tiyya sitti mudhisu'uuf, «Maqaa kiyyallee biyya lafaa maraa irratti akka dubbatamu kanaaf si kaase» waan jedhuuf.

1811:30-32; Seera Bawu'uu 4:21; 7:3; 8:15; Phex. 1ffaa 2:8 Eegasuu Rabbi ka araara fedhuuf hin araarama; ka hin feene ammoo mataa jabeessa.

Lola Rabbiitii Fi Araara

19 Kitaaba Iyyoobii 9:12 «Eegasuu maali'iif haga ammaa Rabbi dogoggora nurraa barbaada ree? Ka fedha isaa mormu eennu?» naan jetta ta'a.

20Isaayyaasii Raatticha 29:16; 45:9 Haata'uu ammoo ati nama nana, ati ka deebii Rabbiif deebiftu eennu? Hujiin abbaa hujuun, «Maali'iif akkana gootee naa hujje?» jedhaanii?

21Ermiyaasii Raatticha 18:6; Xim. 2ffaa 2:20 Yookiin ka faara huju dhoqqee kutaa tokko irraa meeshaa tokko ulfinnaaf, tokko ammoo salphinnaaf dhoqqee huju irratti baallii hin qabuu?

22-232:4-5 Haata'uu ammoo Rabbi lola ufii mudhisu'uuf, hunna ufiillee mudhisuu fedhee mi'a dursee ulfinnaaf qopheese, mi'a araaraa irratti durummaa ulfinna ufii mudhisu'uuf, mi'a badi'iif qophaayan yoo obsa gudda'aan danda'e attam ree?

241:16; 3:29-30 Meeshaan dhiifamsaa Yihuudota calla'aafii miti; haata'uu ammoo worra Yihuudii hin taane keessaallee akkasuma worri waamamne nu'u.

25Hoosee Raatticha 2:23; Phex. 1ffaa 2:10 Akkasuma ammoo Hoosee keessatti

«Uummata kiyya ka hin taane

‹Uummata kiyya› jedhee

ta hin jaalatamnellee,

‹Ta jaalatamte› jedhee waama.

26 Hoosee Raatticha 1:9 Hulema,

‹Isin banii kiyyaa miti› jedhaman sanitti, ‹Ijoollee Rabbii jiraata'aa› jedhamanii waamaman» jedha.

27-28 Isaayyaasii Raatticha 10:22-23 Isaayyaasillee laakkofsii ijoollee Israa'ellii hagamillee akka xindhacha galaana keessaallee yoo ta'e, worri hafan hin fayyan; Gooftaan dubbii ufii lafa irratti daddafee waan raawwatuuf jedhee, waan Israa'eliitiif hin iyya.

29Isaayyaasii Raatticha 1:9 Isaayyaasillee akkasuma, «Gooftaan maraa danda'u uduu fiixaa nuu hanbisuu dhabaatee, silaa akkuma Soodomiitii fi Goomoora'aa banna» jedhee firrisee dubbate.

3010:20 Eegasuu maal jenna? worri Yihuudii hin taane ka qajeellummaa hin hordofne qajeellummaa argatan. Inni ammoo qajeellummaa amanta'aan ta'e.

Israa'elii Fi Oduu Gammachu'uu

31 10:2-3; 11:7-8 Israa'el ammoo qajeellummaa seeraatitti bula'aati seera bira hin geenne.

32-33Qor. 1ffaa 1:23; Phex. 1ffaa 2:8; Isaayyaasii Raatticha 58:2 Israa'el ammoo seera qajeellumma'aa worri hordofan gara seeraa hin geenne. Kun maali'iif? Huji'iin malee, qajeellumma'aan amantaa waan hin hordofneef.

«Kunoo, dhagaa gufachiisu,

sakaallaa dhagaa qarsa'aa Tsiyooniin keessa kaya,

ka isatti amanu hin saalfatu» jedhamee akkuma barreefame dhagaa gufachiisuun gufatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help