1
ataabe'etti nu hin galchin,
[jeennanni, hunni, ulfinnillee
baruma baraan tanteeti Amiin!]
14 Mar. 11:25-26; Efe. 4:32; Qol. 3:13 «Yoo isin yakka namootaaf dhiiftan, Abbaan keessan ka sami'ii cubbuu keessan isinii dhiisa.
1518:35 Yoo isin yakka namootaaf dhiisuu diddan, Abbaan keessan cubbuu keessan isinii hin dhiisu» jedhe.
Waan Soomaa16 Isaayyaasii Raatticha 58:5 Yesuus, «Hennaa soomtan akka worra fakkeessuu uf hin daalacheessinaa'a; namootaatti akka soomaniiran uf mudhisu'uuf fuula ufii guuran. Dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii ufii fudhataniiran.
17-18Ati ammoo hennaa soomtu, fuula kee dhiqadhu! mataa keellee dibadhu. Soomuun kee abbaa kee ka waan dhossa'aan hojjatamu maraa argutti malee, ka biraa eennullee akka hin argine godhi! ka waan ati dhossa'aan hujju maraa argu, gatii kee sii kenna» jedhe.
Qabeenna samii Irraa(Luq. 12:33-34)19 Yaq. 5:2-3 Yesuus ammallee, «Qabeenna keessan lafa irratti hulee rimminii fi dammeessaan balleessutti, hulee hattoonni cabsitee hattutti, hin kuufatinaa'a.
2019:21; Qol. 3:1-2 Isin ammoo qabeenna keessan samii irratti hulee rimminii fi dammeessaan hin balleessinetti, hulee hattuunillee cabsitee hin hanneetti kuufadhaa'a.
21Hulee qabeenni keessan jiru garaan keessanillee jira.»
Ifa Nafaa(Luq. 11:34-36)22Yesuus, «Ijji ifa nafaa ti; ijji tee yoo fayyaa taate, nafti kee maruu ifaa ta'a.
2320:15; Mar. 7:22 Ijji tee yoo dhukkubsattuu taate ammoo, nafti kee hoomaanuu dukkanaayaa ta'a; Eegasuu ifni si keessa jiru dukkanaayaa yoo ta'e, dukkanni sun attam attam gudda'aa!» jedhe.
Rabbii Fi Qabeenna Namaa(Luq. 16:13; 12:22-31)24Ammallee Yesuus, «Eennullee gooftaa lamaa bitamuu ka danda'u hin jiru. Tokkicha hin jibba, kaan ammoo hin jaalata; yookiin tokkochaaf uf kennee kaan ammoo hin tuffata. Akkasuma Rabbii fi duniya'aa qixa bitamuu hin dandeettan» jedhe.
25 Filph. 4:6; Phex. 1ffaa 4:7 «Kanaaf akkana isiniin jedha, jiruu teessaniif maal nyaanna yookiin maal dhunna, yookiin nafa keessaniif, maal uffanna jettanii hin yaaddayinaa'a! Jiruun nyaata, nafti uffata hin caaluu?
2610:29-31 Simbirroota sami'ii laalaa'a; isaan hin facaafatan, hin haamatan, gootara'attillee hin galfatan, Abbaan keessan ka samii jiru isaan nyaachisa. Isin guddiftanii sinbirroota hin caaltanii?
27Isin keessaa namni yaaddayee hojjaa ufii irratti ciqilee takkattii eda'uu danda'u eennu?
28Waan uffataatiif maaf yaaddoftan? Abaaboon raasaa keessaa attamitti akka guddatan qalbi'iin laalaa'a, isaan hin hojjatan, hin dadhaban, jirbiillee hin fooyan.
29Mootota 1ffaa 10:4-7; Seenaa 2ffaa 9:3-6 Haata'uu ammoo, Solomoon mootiinuu ulfinna guddaa uduu qabuu, Abaaboo sanniin keessaa akka tokkichaatittillee hin uffanne.
30Rabbi abaaboo raasa'aa ka adha jiru, ka boru ibiddatti gatamu yoo akkanatti ka uwwisu ta'e, isin bada worra amantii diqqo'oo; isin attamitti caalchisee uwwisuu dadhaba ree?
31 Rom. 14:17 «Maarre, ‹Maal nyaanna?› yookiin ‹Maal dhunna?› yookiin ‹Maal uffanna?› jedha'aa hin yaaddayinaa'a;
32Kana maraa worri Yihuudota hin taanee waan barbaadaniif. Kun martinuu akka isin barbaachisu, Abbaan keessan ka sami'ii hin beeka.
33Mootota 1ffaa 3:13; Kitaaba Faarfanna'aa 37:4; Luq. 10:42 Isin ammoo duraan dursa'aatii jeennata Rabbiitii fi qajeellummaa soqaa'a; wonti kun martinuu isiniif eda'ama.
34Kanaafuu waan boruutiif hin yaaddayinaa'a; guyyaan boruu ufiifuu yaada isa gawu qabaa; rakkinni adhaa adhaaf hin gaya.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.