1 6:13 Eegasuu Obboleeyyan tiyya! Nafti keessan ka Rabbiin gammachiisuu fi ciincaa jiraataa gootanii akka dhiyeessitan, gara laafummaa Rabbiitiin isin kadhadha. Innillee tajaajila keessan ka sammuu namaatiif tolu.
2Efe. 4:17, 22, 23; 5:10, 17 Fedhiin Rabbii misha'aa fi ka nama gammachiisu waan mudaa hin qabne maal akka ta'e qorattanii akka beettan haarawoomuu qalbii teessaniitiin jijjiramaa malee, adunyaa tana hin fakkaatinaa'a.
3 11:20; Qor. 1ffaa 12:11; Qor. 2ffaa 10:13; Gal. 6:3; Efe. 4:7 Akkasuma isin martinuu haga amantaa Rabbi isinii kenneetiin akka yaaddaniif malee, haga yaaduu barbaachisuu olitti uf jaju'uun waan keessaniif hin yaadinaa'a jedhee, badhaadha naa kennameen isinitti dubbadha.
4Qor. 1ffaa 12:12-13 Akkuma nafa tokko keessa qaamni hedduu jiru, hujiin qaama nafa maraatuu tokko akka hin taane,
5Akkasuma nu heddu taanee karaa Kiristoosiitiin nu nafa tokko. Nu marti keenna qaama woliitti.
6Qor. 1ffaa 12:4-11; 14:1 Akkuma badhaadha nuuf keennameetitti kennaa gara garaa qabna; raaga yoo ta'e, akkuma amantaa keennaatiin raaga haa dubbannuu.
7Phex. 1ffaa 4:10-11 Tajaajila yoo ta'e, tajaajila keennan haa jabaannuu; ka barsiisullee yoo ta'e, barsiisuu isaatiin haa jabaatuu;
8Qor. 1ffaa 12:4-11 ka gorsu yoo ta'e, gorsu'uun haa jabaatu; ka keennullee arjumma'aan haa keennu; ka bulchullee jabaatee haa bulchuu, ka araaramullee gamachu'uun haa araaramuu.
9 Xim. 1ffaa 1:5; Amoosii Raatticha 5:15 Jaalalitti teessan uf mudhisu'uun hin ta'in. Waan hamaa jibba'aa, waan misha'an wolii galaa'a.
10Filph. 2:3; Phex. 1ffaa 1:22; Ibr. 13:1 Jaalala obbolumma'aatiin isin wol jaaladhaa'a; Wol kabajjaa'a.
11Hu. Er. 18:25; Efe. 6:7; Qol. 3:23; Mudh. Yoh. 3:15 Huji'itti jabaadhaa malee, hin ceem'inaa'a; worra Ayyaanaan oo'itan ta'aa'a Goofta'aaf ajajamaa'a.
125:2-3; Tas. 1ffaa 5:16-17 Abdi'iin gammadaa'a; rakkinna keessatti obsaa'a; faateffachu'uun jabaadhaa'a.
13Ibr. 6:10; 13:2; Phex. 1ffaa 4:9; Yoh. 3ffaa 5-8 Woyyoota waan barbaachisuun gargaaraa'a; keessummoota simachu'uun jabaadhaa'a.
14Mat. 5:44; Luq. 6:28 Worra isin ari'an eebbisaa malee, hin abaarinaa'a.
15Kitaaba Faarfanna'aa 35:14; Qor. 2ffaa 11:29 Worra gammadan woliin gammadaa'a; ka boyu woliinillee booyaa'a.
1615:5; Filph. 2:2-3; Isaayyaasii Raatticha 5:21; Kitaaba Fakkeennaa 3:7Isin yaada tokkoon wolii galaa'a; waan uf jaju'uu hin yaadinaa'a; haata'uu ammoo kasoo ta'u'uun hujii mishaa hojjadhaa'a; waan waa beettan uf hin seeyinaa'a.
17Qor. 2ffaa 8:21; Tas. 1ffaa 5:15; Kitaaba Fakkeennaa 20:22 Eennullee hamaa dubbate'eef hamaa itti hin deebisinaa'a; nama maraa afo'otti waan mishaa yaadaa'a.
1814:19; Mat. 5:9; Mar. 9:50; Ibr. 12:14 Yoo isinii danda'ame karaa keessaniin nama maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a.
19Seera Leewwotaa 19:18; Seera Keessa deebi'ii 32:35; Mat. 5:39 Jaalaloota tiyya! Waan keessaniif haluu hin bayinaa'a; dheekkamsa Rabbiitiif hulee kennaa'a malee, ufii haluu hin bayinaa'a; «ka haluu baasu ana; gatii isaallee ka deebisuuf ana» jedha Gooftaan jedhamee waan barreeffameef.
20Mootota 2ffaa 6:22-23; Kitaaba Fakkeennaa 25:21-22; Mat. 5:44 «Diinni kee yoo beelaye nyaachisi; yoo dheebote obaasi; kana godhuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irratti waan tuultuuf»
21Hamaa mishumma'aan mooyadhu malee, haamtu'uun hin mooyatamin.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.