Ergaa Phaawuloos Gara Ximootewoosii Erge ka 2ffaa 3 - WAADAA LAMMATAA

Hammeenna Guyyaa Dhumaa

1 Xim. 1ffaa 4:1-2 Haata'uu ammoo bara dhumaa guyyaan nama dhiphisu akka dhufu beeki.

2Rom. 1:29-32 Namoonni worra uf jaalatu, worra horii jaalatu, worra uf saadu, worra uf jajan, worra nama arrabsan, worra maatii ufiitiif hin ajajamne,

3Worra hin galateeffanne, worra woyyummaa hin qabne, worra jaalala hin qabne, worra araaramuu hin jaalanne, hamattoota, gar-jabeeyyii, worra uf hin qabne,

4Filph. 3:19 Worra waan mishaa hin jaalanne, gantoota, jarjartoota worra uf jaju'uun bokokan, Worra Rabbiin gammachiisuu irra, uf gammachiisuu jaalatan ta'an.

5Tit. 1:16; Mat. 7:15 Bifa Waaqa kaddaamu'uu hin qaban, hunna isaa ammoo gananiiran. Worra akkasii irraa fagaadhu.

6-7Phex. 2ffaa 2:14 Worri akkanaa kunniin dhokata'aa gara mana namootaa seena'aa, hinaaffaa, worra cubbuun isaan irratti tuulame, worra dharraa adda addaatiin fudhataman sirima dubartoota gowwaa dhugaa beekuu bira gayuu hin dandenne, worri boojii'an worra akkanaa kanniin.

8Seera Bawu'uu 7:11, 22; Hu. Er. 13:8-10; Xim. 1ffaa 6:5 Akkuma Iyyaanse'ee fi Iyyaaberes Muusee morman, akkasuma kunniinillee worra sammu'uuf qalbiin isaanii jalaa bade, worra amantaa irraa badan ta'anii dhugaa morman.

9Seera Bawu'uu 7:12; 8:18 Haata'uu ammoo gowwummaan isaanii akkasuma ifa ta'ee, marattuu waan mudhatuuf ka duraa caalaa isaanii hin qajeelu.

Gorsa Phaawuloos Ximootiwoosii Kenne

10Ati ammoo barumsa kiyya, jireenna kiyya,

11Hu. Er. 13:14-52; 14:1-20 Yaada, amantaa, obsa, jaalala, jabaachuu, baqachuu, rakkinna kiyya faanaallee deemteerta. Antsookiyaa, Iqiniyoonii fi Lisxiira'atti waan narra gayee obseef waan baqa kiyyallee hin beetta. Gooftaan waa mara jalaa na hambise.

12Mat. 5:11; 10:17-25; 16:24; Hu. Er. 14:22 Dhuga'aan worri Yesuus Kiristoosiin keessatti Rabbiin fakkaata'aa jiraatuu jaalatan martinuu hin reebaman.

13Xim. 1ffaa 4:1 Haata'uu ammoo namoonni hammeeyyiinii fi sobduun worri dogoggoranii dogoggorsan, waan hammeennaatitti jabaata'aa deeman.

14Ati ammoo dubbii barattee fi hubatteen jabaadhuu jiraadhu. Eennuun irraa akka baratte waan beettuuf.

151:5; Yoh. 5:39 Daa'imummaa kee irraa jalqabdee kitaabbillee woyyuu Yesuus Kiristoositti amanu'uun ogumma'aa fi fayyinna sii kennuu danda'an beetteerta.

16Phex. 2ffaa 1:19-21 Namni Rabbii qajeela'aa fi hujii mishaa maraaf ka qophaaye akka ta'u,

172:21; Xim. 1ffaa 6:11 Kitaabni Ayyaanni Rabbii keessa jiru martinuu, barumsaaf, gorsa, onnee namaa qajeelchu'uuf gorsa karaa qajeellumma'aa maraafuu hin fayyada.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help