Ergaa Gara Worra Ibrootaa Ergame 10 - WAADAA LAMMATAA

1 8:5; 9:9; Qol. 2:16-17 Seerri waan mishaa dhufu saniif gaaddiddu'u malee, bifa dhugaa isaatii miti. Kanaafuu wogga wogga'aan hennaa maraa ciincaa dhiyaatu sirimaa guutuu taasisuu hin danda'u.

2Akkana uduu ta'u dhabaatee worri kaddaaman hennaa tokko qulqullaayanii achiin maayii sammuu isaaniitiin cubbuu waan hin beenneef silaa ciincaa dhiyyeessuu hin dhiisanii?

3Seera Leewwotaa 16:21, 34 Haata'uu ammoo ciincaan kun maruu, ka isaan wogga wogga'aan cubbuu ittiin yaadan.

4Isaayyaasii Raatticha 1:11 Dhiinni kormaatii fi dhiinni re'iinii cubbuu balleessuu hin dandeenne.

5 Kitaaba Faarfanna'aa 40:6-8; 51:16; Mikkiyaasii Raatticha 6:7; Yoh. 4:34 Kanaafuu hennaa gara adunya'aa dhufe,

«Ati kenna'aa fi ciincaa hin jaalanne,

nafa naa qopheessite.

6Ati kennaa ciinca'aatii fi,

kennaa sababa cubbu'uutiif ciincawu marattuu hin gammanne.

7Hennaa san kunoo anillee,

akkuma wonti kiyya Kitaaba maramu keessatti barreeffame,

Waaqa kiyya,

ani fedha kee raawwatu'uuf dhufeera› jedheen» jedha.

8Kana irratti kenna'aa fi ciincaa gubatu maraa ciincaa sababaa cubbu'uutiif dhiyaatullee hin jaalanne. Isattillee hin gammanne jedhe. Kunniin waan akka seeraatitti dhiyaatan.

9Itti aansee Waaqa kiyya! «Ani fedhii kee guutu'uuf dhufeera» jedhe. Ka lammaffa'aa ijaaru'uuf jedhee, ka duraa diiga.

109:12, 28; Yoh. 17:19 Akka fedha Rabbiitiin nu foon Yesuus Kiristoosii ka hennaa tokko ciincaa ta'ee kennameen woyyuu taaneerra.

11 Seera Bawu'uu 29:38 Hayyoonni gadootaa maruu guyya guyya'aan tajaajila ciincaa sirima cubbuu balleessuu hin dandeenne saniin hennaa maraa dhaabatee dhiyeessa.

12Kiristoos ammoo hennaa tokko ciincaa bara baraaf ta'u haga dhiyeesseen maayessa mirga Rabbii taa'e.

13Kitaaba Faarfanna'aa 110:1; Qor. 1ffaa 15:25 Hennaa san irraa jalqabee haga diintoonni luka isaa jala ta'aniif hin eeggata.

14Inni hennaa tokko uf kennee worra woyyooman baraa haga bara baraa guutuu isaan taasiseera.

15-16Ayyaanni Woyyuun akkasuma waan kana nu raga; «Hennaa jiini sun gaye,

waadaan isaan woliin galu kana jedha Gooftaan. Seera kiyya isaan keessa kaaya; laphee isaanii keessattillee hin barreessa» jedhee haga dubbateen maayii,

17 8:12; Ermiyaasii Raatticha 31:34 Itti eda'ee,

«Cubbuu isaaniitii fi hammeenna isaanii deebi'ee hin qaabadhu» jedha.

18Eega araarri maraaf kenname ammaa achi ciincaan cubbu'uuf dhiyeeffamu hin jiru.

Koottaa Gara Rabbii Dhiyaannaa

19-20 9:8; Mat. 27:51; Rom. 5:2 Eeganaa obboleeyyan tiyya, dhiiga Yesuusiitiin hulee woyyittii woyyootaatitti galu'uuf ugga waan qabnuuf, nu karaa golga jechuun karaa haarawaa fi jiraataa inni foon ufiitiin nuu baneen seenna.

21Hayyicha gadicha guddaa mana Rabbii irratti baallii qabu waan qabnuuf,

224:16; Efe. 5:26; Seera Leewwotaa 8:30; Hisqeelii Raatticha 36:25 sodaa sammu'uu ka dharaa irraa qulqullaayu'uun garaa keenna qulqulleeffannee, nafa keenna bisaan qulqullu'uun dhiqannee, amantaa hubanneen garaa qajeelaa'an Rabbitti haa dhiyaannuu.

234:14; Qor. 1ffaa 1:9 Ka dubbii abdi'ii kenne amanamaa waan ta'eef, akka hin sochoone, ragaa abdii keennaa haa eennuu.

24Jaalalaa fi hujii misha'aaf haa dadammandhuu; wol haa tooyannuu.

253:13; Rom. 13:11-12; Qol. 3:16; Yaq. 5:8 Akkuma kaawwan biratti baratame, wolgeettii keennallee akka hin dhiifne, woliin haa mari'annuu malee, guyyaa dhufa Goofta'aa qaabata'aa ta qaraa caalaa kana godhaa'a.

26Beekkomsa dhuga'aa haga arganneen maayii, beeka'aa cubbuu yoo hojjanne, ammaa achi, ciincaan waan cubbu'uutiif dhiyaatu hin jiru.

27Isaayyaasii Raatticha 26:11; Sofoniyaasii Raatticha 1:18 Ammaa achi murti'ii fi ibidda sodaachisaa diintoota Rabbii balleessu callaa eeggatu'utu hafe.

28Seera Laakkobsaa 15:30; 35:30; Seera Keessa deebi'ii 17:6; 19:15 Namni seera Muuse'ee tuffate, Namni lamaa yookiin sadihii yoo itti rage, gara laafinna malee ajjeefama.

292:3; 12:25; Qor. 1ffaa 11:25, 29; Seera Bawu'uu 24:8 Namni Ilma Rabbii tuffate, waadaa dhiiga ittiin qulqullaaye san ka akka batti'iititti laakkaye, ka Ayyaana badhaadhaa arrabse adabbiin maraa caalu isa irratti waan hin taane seetanii?

30Seera Keessa deebi'ii 32:35-36; Kitaaba Faarfanna'aa 135:14; Rom. 12:19 «Haluun tiyya, ani haluu sii baasa» ka jedhe waan beennuuf, akkasuma «Gooftaan banii ufiititti hin murteessa»

31Harka Rabbii jiraata'aatitti kufuun nama sodaachisa.

32-33Haga ifni isinii ifeen maayessa hennaa duri rakkinna isin irra gaye san qaabadhaa'a. Isin hennaa tokko tokko nama afo'otti arrabamtaniirtan, dhiphattanii hennaa biraallee worra akkana rakkatan woliin rakkattaniirtan.

3413:3; Mat. 6:20; 19:21, 29 Qabeenna caalu sami'itti isinuu akka qabdan beettaniirtan. Hidhama kiyyaaf garaa naa laaftan, qabeenni keessan hennaa fudhatamu obsitanii gammachu'uun laaltan.

35Eeganaa abdii uggiitii keessanii ka gatii guddaa qabu hin gatatinaa'a!

36Luq. 21:19 Fedhii Rabbii raawwattanii, dubbii abdi'ii ka isinii kenname akka argitan obsuu isin barbaachisa.

37Isaayyaasii Raatticha 26:20; Imbaaqoomii Raatticha 2:3; Luq. 21:28; Yaq. 5:8; Mudh. Yoh. 22:12 «Hennaa diqqo'oon maayii,

ka dhufu'uuf ta'u,

uduu hin turre dhufa.

38 Imbaaqoomii Raatticha 2:4; Rom. 1:17; Gal. 3:11 qajeelaan,

amanta'aan jiraata;

yoo inni gara duubaa deebi'e, lubbuun tiyya isatti hin gammaddu»

39 Phex. 1ffaa 1:9 Nu ammoo worra lubbuu ufii hanbisu'uuf amane malee, worra gara duubaatitti deebi'ee baduu miti.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help