1Waan keessaniif worra Lodoqiyaa jiran fuula kiyyallee worri hin argine martinuu dadhabbii guddaa attamii akka qabu akka beettan fedha.
21:26-27; Efe. 3:18 Onneen isaanii akka jajjabaatu jaalalaanillee wol ta'anii gara qalbifannaa hubanna'aan argamuutitti, gara durummaa mara akka gayan, dhossaa Rabbii isallee Kiristoosiin akka beekaniif wondhanssa isaaniif baya.
3Qor. 1ffaa 1:24, 30 Galmee dhokate ka ogumma'aatii fi ka beekkomsaa maruu isaan waan ta'eef.
4 Rom. 16:18; Efe. 5:6 Eennullee dubbii sossobu'uutiin akka isin hin dogoggorsine kana jedha.
5Qor. 1ffaa 14:40 Fooniin hagamillee yoo fagaadhe, ayyaanaan isin woliin waan jiruuf, seera keessaniif jabeenna amantii keessanii ka Kiristoosiin qabdan arga'aa gammada.
6Eeganaa akkuma Gooftaa Yesuusiin amantanitti isaan jiraadhaa'a.
71:23; Efe. 2:20, 22 Hidda gad fageeffadha'aa isa irratti ijaarama'aa, akkuma barattanitti, amanta'aan dhaabadha'aa, worra guddisee galateeffatu ta'aa'a.
8 2:20; Rom. 16:18 Akka barumsa Kiristoosiititti uduu hin taane, akka aadaa namaatiif akka nama adunyaa tanaa akka barumsa duraa waa uumu'uun soba'aa eennullee akka isin hin boojine uf eegaa'a.
91:19; Yoh. 1:14, 16 Guutummaan Rabbummaa isaa maruu nafa Kiristoosii irratti mudhatee waan jiruuf,
101:16; Efe. 1:21-23 Isinillee ka bulchiinsaa fi baallii maraa irratti mataa ta'e keessa taatanii guttamtaniirtan.
11 Rom. 2:29; Filph. 3:3; Phex. 1ffaa 3:21 Namummaa foonii mulqatu'uun Kiristoosiin keessatti gadoomu'uun gadooma harkaatiin uduu hin taane isa keessa taatanii gadoomtaniirtan.
12Rom. 6:4 Cuupha'aanillee isa woliin awwaalamtan, ka cuupha'aan akkasuma worra du'an keessaa, hujii Rabbiitiin du'oota keessaa isa kaaseetitti waan amantaniif isa woliin kaataniirtan.
13Efe. 2:1-5 Isinillee yakka keessaniif foon keessan waan hin gadoomneef, hennaa duutan isa woliin jireenna isinii kenne, cubbuu keessan maraa isinii dhiise.
14Efe. 2:15 Ka nu irra ture ka nu mormu, ka ajajaan barreeffame barreeffama gati'ii jissee, fannoo irratti dhayee, kara'aa isa kaaseera.
151:13; Efe. 4:8 Baalli'iif hunnoota maraa fannoo irratti injifatee hidhata isaanii hiissisee, booji'amtoota ta'anii akka mudhatan isaan taasise.
16Rom. 14:1-6 Eeganaa nyaataan, dhuddo'oon, waan ayyaanaatiin, waan jalqaba ji'aatiif waan Sambata kabajju'uutiin eennullee akka isinitti hin murteessine.
17Ibr. 8:5; 10:1 Isaan kunniin waan dhufu'uuf ta'u sanniiniif gaaddisa waan ta'aniif, nafti ammoo Kiristoos.
18Xim. 1ffaa 6:3-4 Namni kasoo ta'ee gad uf qabu'uu fi Maleekkaa kaddaamuu jaalata'aa; waan hin argine fedha malee keessa seena'aa sammuu fooniitiin waan duwwa'aan uf jaja'aa eennullee isin irratti hin murteessin.
19Efe. 4:16 Namni akkanaa kun gara Kiristoosii mataa ta'etti hin dhiyaatu, isaan nafti maruu ribu'uu fi hiddaan nyaata fudhata'aa wolitti ijaarama'aa guddinna Rabbi isaa kennuun guddata.
20-21Gal. 4:3, 9-10 Barumsa duraa ka adunya'aa irraa fagaattanii Kiristoosiin woliin yoo duutan.
22Isaayyaasii Raatticha 29:13; Mat. 15:9 Akka seeraa fi barumsa namaatiin ajaja worra «Hin qabin, hin dhandhamin, hin tuqin, jedha'aa Adunya'aaf jiraataniititti maaf bitamtan? Kunniin maruu uduma hojjataman badu'uuf murteeffameera.
23Rom. 13:14; Xim. 1ffaa 4:3, 8 Kun akka fedha keetii kaddaamuu, kasoomu'uu fi foon cunqursu'uun waan ogummaa qabu fakkaata. Haata'uu ammo, garaan hagaa olitti akka hin quufne dhoogguun womaa hin fayyadu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.