Mudhata Yohaannisii 2 - WAADAA LAMMATAA

Ergaa Woldaa Efesooniitii Ergame

1 1:13, 16, 20; Hu. Er. 18:19; 19:1-40 Gara Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Efesooniin keessa jirtuutiif akkana jedhii barreessi. Ka urjoota torbaa harka mirgaatitti qabate ka baattuu worqi'ii torbaa jidduu deddeebi'u akkana jedha.

2Tas. 1ffaa 1:3; Yoh. 1ffaa 4:1 Hujii kee, dadhabbii keetii fi obsa kee hin beeka. Akka ati worra hamaa cadhiftee hin dhiifne worra uduu ergamaa hin taane, «Ergamoota» ufiin jedhan qorattee laaltee akka isaan sobduu ta'an akka beette ani hin beeka.

3Ati maqaa kiyyaaf jettee obsitee uduu hin dadhabin dhaabatteerta.

4 Xim. 1ffaa 5:12 Haata'uu ammoo waan sirratti ceem'u qaba. Jaalala tee ta duraa san waan dhiifteef.

5Eeganaa maal irraa akka kufte yaadadhu. Aagiillee gali hujii kee ka duraa san hojjadhu. Yoo cubbuu irraa deebi'uu baatte sitti dhufee baattuu ibsa'aa kee hule'ee fuudha.

62:15; Kitaaba Faarfanna'aa 139:21-22 Haata'uu ammoo waan kana qabda: atillee akkasuma hujii Niqalaawoota ka ani jibbu jibbiteerta.

7 22:2; Seera Uumamaa 2:9; Hisqeelii Raatticha 28:13; 31:8 «Waan ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.›

Eergaa Woldaa Sarmineesiitii Ergame

8 1:17-18; 22:13; Isaayyaasii Raatticha 44:6; 48:12 «Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Sarminees keessa jirtuu, akkana jedhii barreessi. Ka du'ee ture, ka jiraataa ta'e, ka duraatii fi ka dhumaa akkana jedha.

93:9; Qor. 2ffaa 6:10; Yaq. 2:5 Rakkinna keetiif hiyyummaa kee hin beeka. Haata'uu ammoo ati dureessa, arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka isaan woldaa seexanaati.

10Daani'eelii Raatticha 1:12, 14; Mat. 10:28; Yaq. 1:12 Rakkinna sirra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan ati ammoo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.

11 20:6, 14; 21:8 Waan Ayyaanni tokkumma Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayuu ka mooyate du'a lammaffa'aatitti hin miidhamu.

12 1:16; Isaayyaasii Raatticha 49:2; Ibr. 4:12 «Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa ta Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, «Ka billawa gama lamaan qara qabu harkaa qabu akkana jedha.

13«Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyaallee hin eedda bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantaa narraa qabdu hin waakkanne.

14 Seera Laakkobsaa 22:5, 7; 31:16; Seera Keessa deebi'ii 23:4; Seera Laakkobsaa 25:1-3; Yihu. 11; Hu. Er. 15:29 Haata'uu ammoo waan diqqoo sirratti ceem'u qaba. Innillee ijoollee Isiraa'eliitiif gufuu ta'u'uuf nyaata waaqa tolfama'aaf dhiyaate nyaata'aa, seebara'aati worri barumsa Bala'aamii ka Balaaqiin barsiise duukaa bu'aan si woliin achi waan jiraniif.

15Akkasuma akka isaan namoonni barumsa Niqolaawotaa hordofullee si woliin jira.

161:16; 19:15 Eeganaa aagii gali yoo aagii galuu baatte ani daafee sitti dhufa. Guraadee afaan kiyya keessaa bayuun isaaniin lola.

17 Seera Bawu'uu 16:14-15; 16:33-34; Yoh. 6:48-50; Kitaaba Faarfanna'aa 78:24; Isaayyaasii Raatticha 62:2; 65:15 «Waan ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu haa dhagayuu; nama mooyatee nyaata sami'ii ka dhokate keessaa kennaaf; dhagaa adii ka maqaan haarofni irratti barreeffame nama fudhatu san malee ka eennullee hin beenne kennaaf.

Ergaa Woldaa Tiyaatira'aati Ergame

18 1:14-15; Hu. Er. 16:14; Daani'eelii Raatticha 10:6 «Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa ta Tiyaaxiroon keessa jirttu akkana jedhii barreessi. Ilmi Rabbii ka ija akka arraba ibiddaa ka lutti isaa akka sibiila boola ibiddaa keessatti oo'ee diimate fakkaatu qabu akkana jedha.

19Ibr. 6:10 «Hujii, jaalala, Amantaa, tajaajilaa keetiif ciniinnattee obsuu kee hujii kee ka duraa caalaa ka maayessaa akka caalu hin beeka.

20 Mootota 1ffaa 16:31; Mootota 2ffaa 9:22, 30; Seera Bawu'uu 34:15 Haata'uu ammoo ta ani raaga ufiin jettee garboota kiyya akka seebaran, waan waaqa tolfama'aaf qalame nyaatan ta barsiiftuuf ta dogoggorsitu dubartii san Elzaabeliin waan itti cadhifteef waan sirratti ceem'u qaba.

21Akka aagii galtuuf hennaa isi'ii kennee ture, isiin ammoo seebara irraa deebi'uu didde.

22Kanaaf dhukkubaan siree irratti isii hambisa, worra isii woliin seebaranillee hujii badaa isi'ii irraa aagii galuu yoo dhabaatan rakkinna guddaa irratti isaan gata.

23Kitaaba Faarfanna'aa 7:9; 62:12; Ermiyaasii Raatticha 17:10; Mat. 16:27 Ijoollee isi'iillee hin ajjeesa. Woldoonni Kiristaanaa maruu akka ani gara'aa fi qalbii qoruu hin beekan. Anillee isin maraafuu akkuma hujii keessaniititti isinii kenna.

24«Isin worra Tiyaaxiroon keessatti barumsa isi'ii hin hordofneef worra, ‹Dhossaa guddaa seexanaa› jedhamuu uduu hin baranne haftaniin ammoo akkana jedha, ba'aa biraa isinitti hin fe'u;

253:11 haga ani dhufuuf woma qabdan san jabeessa'aa qabadhaa'a.

26-27Kitaaba Faarfanna'aa 2:8-9 Ka mooyateef ka haga dhumaa hujii kiyyaa eegeef annillee akkasuma ani abbaa kiyyaa irraa baallii fuudhee worra Yihuudii hin taane maraa irratti baallii kennaaf. Bokkuu sibiilaatiin bulcha. Akka meeshaa faayaatitti isaan caccabsan.

283:6, 13, 22; 22:16 Bakkalcha bari'ii kennaaf.

29Waan ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu haa dhagayuu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help