Ergaa Phaawuloos Gara Ximootewoosii Erge ka 1ffaa 1 - WAADAA LAMMATAA

1 Xim. 1ffaa 2:3; 4:10; Tit. 1:3; 2:10; 3:4; Qol. 1:27 Akkuma ajaja Rabbiin qorichi keennaa fi abdiin keenna Yesuus Kiristoos ajajeen, ka ergamaa Rabbii ta'e ana Phaawuloosiin irraa:

2 Hu. Er. 16:1; Qor. 1ffaa 4:17; Filph. 2:19-22; Xim. 2ffaa 1:2; Tit. 1:4 Ka amanta'aan dhuga'aan ilma kiyya ta'e Ximootiwosiif:

Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, dhiifamsaa fi nagaya sii haa kennu.

Barsiisota Sobaa Irraa Uf Eegaa'a

3 Hu. Er. 20:1, 4 Hennaa gara Meqidooniya'aa deeme gari gariin barumsa addaa akka hin barsifneef, gara mammaaka dhuma hin qabinee, gara seenaa dhalootaa akka hin caqafne, akka isaan ajaju Efesooniin keessa akka teettu sii kadhadhe. Wontoonni akkanaa kunniin wol mormii waan fidaniif.

44:7; Tit. 1:14 Kunniin hujii Rabbii ka dhuga'aan hojjanuuf womaa hin fayyadu.

5Mat. 22:37-40; Rom. 13:10; Gal. 5:6; Qol. 3:14 Raawwiin ajajaa ammoo, jaalala garaa qulqulluu keessaa, sammuu misha'aa fi amantaa uftuuluu hin qabne keessaa ka ol bayu.

6-7Kanniin keessallee gari gariin dogoggoranii waan jedhan yookiin sirri'itti uduu hin hubatin, barsiisoota seeraa ta'u'uuf barbaada'aa gara dubbii duwwa'aa siiqaniiran.

8 Rom. 7:12 Haata'uu ammoo namni akka ta'utti uduu ittiin hojjatee, seerri mishaa akka ta'e hin beenna.

9-11Gal. 5:22-23 Kunillee worra yakkamtoota, worra hin ajajamne, worra hamaa hojjatan, cubbamtoota, worra woyyummaa hin qabne, battoota, worra abba'aa fi haadha ufii ajjeesan, worra nama ajjeesan, seebartoota, worra dhiira woliin ciisan, worra namoota bitee gurguru, worra kijibdootaa fi dharaan kakatuu fi worra faallaa barumsa dhuga'aa godhan maraaf, barumsi dhuga'aa ammo ka argamu, Oduu Nagayaa kabajjamaa ka waan Rabbii eebbaa ibsuuti. Oduu Nagayaa kanatu yaboo natti kenname.

Phaawuloos Rabbiin Galateeffate

12 Hu. Er. 9:15; Qor. 1ffaa 15:9-10; Gal. 1:15-16 Tajaajila ufiitiif na mudee amanamaa godhee waan na laakkayeef, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii hunna naa kenne hin galateeffadha.

13Hu. Er. 8:3; 9:4-5; Gal. 1:13-14 Ani duraan ka ari'u ka abaaruuf rakkisaa yoo ta'ellee inni kana naa godhe. Haata'uu ammoo uduu hin beekin waan uduu hin benne godheef araara argadhe.

14Qor. 1ffaa 15:10 Badhaani worra Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessa jiraniin amanta'aa fi jaalalli guddisee isaanii guddate.

15Mat. 1:21; 9:13; Luq. 19:10 «Cubbamtoota fayyisu'uuf Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufe» dubbiin jedhu amanama'aa fi ka martinuu fudhatuu barbaachisu. Cubbamtoota keessaa ijoon ana.

16Waan kanaaf ammoo jireenna bara baraa argachu'uf worra isatti amanuuf jireennaaf fakkeenna akka ta'u Yesuus Kiristoos ana ijoo ta'e irratti obsa ufii mara mudhisu'uuf ani araara argadhe.

17Rom. 16:27; Yihu. 25 Ka ufumatti Waaqa ta'e, ka hin bannee fi hin mudhanne, mootii bara baraatiif galanninii fi ulfinni baraa haga baraa haata'u! Amiin.

18 6:12; Yihu. 3 Mucaa kiyya Ximotowos! Duraan dursee waan kee akkuma raagaan himame Kiristoosiin keessaan lola mishaa akka loltuuf ajaja kana yaboo sitti kenna.

19Hu. Er. 24:16 Amanta'aa fi sammuu mishaa qabaadhu. Namoonni gari gariin qalbii ufii gatanii akka markabni ka oofu malee baduu, waan amanta'aatiin waan badaniiraniif.

20Xim. 2ffaa 2:17-18; 4:14; Qor. 1ffaa 5:5 Isaan keessaallee akka Rabbiin hin arabsine akka barattan, seexanatti dabarsee ka isaan kenne, Hemenewoosii fi Iskindiroos fa'a.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help