Ergaa Gara Worra Ibrootaa Ergame 7 - WAADAA LAMMATAA

Gadicha Malkasaadiqi

1Mootiin Saaleemiitii fi gadichi Rabbii gudda'aa maraa olii Malkatsaadiqiin kun hennaa Abrahaam mootota ajjeesee deebi'u isaan wol argeeti eebbiseen.

2Isaafillee akkasuma Abrahaam waa maraa keessaa kurnaffaa kenneef hiikkaan maqaa isaa ka duraa, «Mootii qajeellumma'aa ti», akkasuma ka lammaffa'aa ammoo, «Mootii Saaleemiiti» jechuun «Mootii nagayaa» jechu'u.

3Abbaa fi haadha laakkoofsa hidda dhalootaallee hin qabu. Barrinii fi jireenni isaa jalqabaa fi dhuma hin qabu. Haata'uu ammoo akka Ilma Rabbii, baraa haga bara baraa gadaa ta'ee jiraata.

4Hangafni abbootaa, Abrahaam waan booji'e keessaa mishaa, kudhan keessaa tokko yoo kenne, namni kun attam akka guddaa ture mee laalaa'a!

5Ijoollee Lewwi'ii keessaa hujii gadicha ta'u'uu worri argatan, banii keessaa jechuun obboleeyyan ufii keessaa isaan hagamillee yoo gudeeda Abrahaamii keessaa bayan, isaan kudhan keessaa tokko seeraan akka baasan ajaja qaban.

6Namichi hiddi dhaloota isaa Leewwii hin taane kun Abrahaamiin harkaa kudhan keessaa tokko fudhateera. Isa dubbii abdi'ii qabu eebbise.

7Maandhichi hangafitichaan akka eebbifamu waan mormii hin qabne.

8Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko Leewwoota worra du'uu danda'aniin wolitti qabama. Karaa kaaniin ammoo Malkasaadiqii jiraataa ragameef saniin wolitti qabama.

9Leewwiin kudhan keessaa tokko fudhatu karaa Abrahaamiitiin, «Kudhan keessa tokko baaseera»

10Hennaa Malkasaadiqiin wol gayan, inni hennaa san hin dhalanne gudeeda Abrahaamii keessa jira.

11Eeganaa bani'ii ka kenname akkaataa gadummaa seera Leewwi'iitiin. Uduu gadummaa Leewwootaatiin guutuu ta'uun ka argamu ta'ee, muudamuu gadummaa Aarooniitiin uduu hin taane, silaa gadicha Malkasaadiqii ka muudama qabu ka biraatitu barbaachisaa?

12Gadummaan sun yoo jijjiirame, seerrillee akkasuma hin jijjiirama.

13Inni waan isaatiif dubbatame kun, gosa biraatii gosa kana keessaa hulee ciinca'aatitti dhiyaatee ka tajaajile eennullee hin jiru.

14Gooftaan keenna gosa Yihuuda'aa keessaa akka dhalate beekkama'a. Muuseen waan gadumma'aa hennaa dubbatu, waan gosa kanaa womaa hin dubbanne.

Kiristoos Gadicha Akka Malkasaadiqii ti

15-16Hunna jireenna dhuma hin qabneetiin malee seera ajaja fooniitiinii miti. Gadichi biraa fakkeenna malkasaadiqiitiin uduu ka'ee kun guddisee waan mudhatu.

17Waan isaatiif barreeffama Woyyuu keessatti,

«Ati akka muudama

Malkasaadiqii,

ati baraa haga bara baraatitti gadicha»

jedhamee ragaa bayameeraaf.

18-19Seerri womaa guutuu waan hin gooneef, kanaafuu dadhabdu'uu fi ta hin fayyanne waan taateef, seerri duraa diggamteerti. Abdiin caalu ka gara Rabbii ittiin dhiyaannu tokko dhufeera.

20-22Isaanillee waadaa malee gadoota waan ta'aniiraniif, inni ammoo, «Goofta'a,

‹Ati akka muudama Malkasaadiqii baraa haga bara baraatitti gadicha› jedhee kakate,

hin gaabbulle'e» jedhamee hennaa himameef, kaku'uun gadicha waan ta'eeruuf; akkuma kakuu malee gadicha hin taane akkasuma Yesuusii waadaa caaluuf wobii ta'eera.

23Gadoonni hujii gadummaa ufii akka lufanii hin hojjanne ka duuti isaan dhooggite laakkofsaan heddu.

24Inni ammoo baraa haga bara baraa waan jiraataa ta'eef, gadummaan isaa hin jijjiiramu.

25Waan isaaniitiif Rabbiin kadhachu'uuf, hennaa maraa lubbu'uun jiraata. Kanaaf, worra karaa isaatiin gara Rabbii dhufan sirima isaan fayyisuu danda'a.

26Woyyu'uuf ka dhara hin qabne, ka mudaa hin qabne ka cubbamtoota irraa fooyamee fi ka samii irratti kabajjame hayyichi gadichi akkanaa kun nu barbaachisa.

27Inni akka bulchoota gadootaa kaawwanii dura waan cubbuu ufiitiif, maayi waan cubbuu bani'iitiif guyya guyya'aan ciincaa dhiyeessuun isa hin barbaachisu. Hennaa uf kenne waan maraa hennaa tokkoon raawwateera.

28Seerri Muuse'ee namoota dadhabbii qaban, gadicha hayyicha godhee waan muuduuf, dubbiin kaku'uu ka seeraan maayii dhufe ammoo Ilma guutuu baraa haga bara baraa ta'e muuda.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help