1 10:30-33; 27:1; Luq. 7:1-5; 3:1; 9:43; 11:13, 14 Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko biyya Qisaariya'aa keessa jiraata'aa ture. Inni kun kutaa woraanaa worra Rooma'aa ka Ixaalqaa jedhamee waamamuuf ajajaa loltuu dhibbaa ti.
2Inni maatii ufii maraa woliin nama Rabbiin kaddaamuu fi nama Rabbiin sodaatu bani'iillee keenna hedduu kenna'aa; hennaa maraa Rabbiin faateffata'aa ture.
3Guyyaa keessa gara sa'aatii sagaliititti «Qorneelewoos» jedha'aa maleekkaan Rabbii hennaa manaabaan gara isaa seenu addaata'aatti arge.
4Innillee hennaa guuttatee isa laalu nayee, «Goofta'a maali'i?» jedhe.
Maleekkaanillee akkana isaan jedhe, «Faateen keetii fi hiyyeeyyii gargaaruun kee Rabbiin afo'otti yaadatameera.
5Ammallee gara worra Iyyoophe'ee namoota ergiitii, nama Pheexroos jedhamu Simooniin fijisiisi.
6Innillee keessumumma mana namicha gogaa duuguu ka manni isaa qarqara galaanaa jiruu taa'eera. Inni waan ati gootu sitti hima.»
7Maleekkaan isatti dubbate sun haga biraa deeme garboota mana isaa keessaa nama lamaan worra loltuu isaaf amanaman keessaa nama Rabbiin kaddaamu tokko waamee,
8Waa maraa isaanitti himee gara Iyyoophe'ee isaan erge.
9Isaanillee bariisaa deemanii gara qacha'aa hennaa dhiyaatan, Pheexroos gara sa'aatii jahaatitti faateffachu'uuf gara gamo'oo ol baye.
10Hennaa san Pheexroos beelayee waan nyaatu barbaadee uduu waan nyaataa qopheessa'aafii jiran manaabaan,
1111:5-10 Samiin banamtee kallattii arfaniinuu waan woyaa fakkaatu ka wol qabateeru kallattii arfaniinuu gara lafaa yoo bu'u arge.
12Achitti bineensoonni luka afur qaban worri lafa irra sosocho'an maruu Simbirroonni sami'iillee keessa turan.
13«Pheexroos ka'iitii goorra'ii nyaadhu!» laagaan jedhu gara isaa dhufe.
14 Seera Leewwotaa 11:1-47; Hisqeelii Raatticha 4:14 «Gooftaa kiyya hin ta'u! waan battii tuffatame tokko sirimaa nyaadhee hin beeku» jedhe.
15 Mar. 7:15, 19; Rom. 14:14, 20 Deebi'eellee lammaffaa, «Waan Rabbi qulqulleesse ati hin batteessin» laagaa jedhu dhagaye.
16Wonti akkanaa Kun hennaa sadi ta'e, yomasan meeshaan gara sami'ii ol fudhatame.
17Pheexroosillee waan manaaba arge saniif maal inni jedhee onnee isaatiin uduu mamu kunoo namoonni Qorneelewoos erge waan mana Simoonii gaafatanii, gara balbalaa dhiyaatan.
1810:5, 32; 11:13 Isaan laagaa ufii ol qabatanii, «Keessummaan Simoon Pheexroos jedhamu as jiraa?» jedhanii gaafatan.
19 11:12; 13:2 Pheexroos waan manaabaa uduu yaada'aa jiru Ayyaanni, «Kunoo! Namoonni sadihii si soqa'aaran.
20Ka'iitii gad bu'i; ka isaan erge ana waan ta'eef uduu hin mamin isaan woliin deemi» jedheen.
21Pheexroosillee gara namootaa gad bu'ee, «Namni soqa'aartan ana; maali'iif dhuftan?» jedhe.
22Isaanillee deebisanii, «Nu ajajaa dhibbaa ka Qorneelewoos jedhamu biraa dhufne; inni qajeela'aa fi nama Rabbiinillee sodaatu ka Yihuudota maraa biratti kabajjama'aa fi ka maqaa mishaa qabu; inni gara mana ufii si waamsisee, waan ati jettu akka dhagayu, maleekkaan woyyuun isatti dubbate» jedhanii deebisaniif.
23Innillee mana seensisee, isaan keessummeesse.
Bariisaa ka'ee isaan woliin deeme; amantoota Iyyoophee jiran keessaallee gariin isa woliin deeman.
24Guyyaa itti aanullee qachaa qisaariya'aatitti galan Qorneelewoosillee firoota isaaniitii fi goshoota ufii wolitti waamee, isaan eega'aa ture.
2514:13-15; Mudh. Yoh. 19:10 Pheexroosillee hennaa seene Qorneelewoosiin argeeti luka isaa jalatti kufee sagadeef.
26Pheexroosillee, «Ka'i! Anillee namuma akka keetii ti» jedhee isa kaase.
27Isa woliin qaaqa'aa mana seene; namoonni hedduu ka wol gayaniiran argee,
28«Namni Yihuudi'ii gosa biraa woliin taa'uu yookiin itti dhiyaachuun akka seera hin taane isinuu hin beettan; anatti ammoo Rabbi nama kamiinuu battaaya'aa fi ka tuffatame akka hin jenne natti mudhise.
29Kanaafuu isin na waamnaan uduu hin mamin dhufe; ammallee maali'iif na fiddan? jedhee isin gaafadha» isaaniin jedhe.
30 1:10; 3:1 Qorneelewoosillee akkana jedhe, «Guyyaa afuriin dura gara sa'aatii sagaliititti ani mana kiyyatti uduu faateffata'aa jiru; namni uffata calanqisu uffate tokko na afoo dhaabatee,
31‹Qorneelewoos! faateen kee Rabbiin afo'otti sii dhagayameera, kennaan ati hiyyeeyyi'ii kennitullee sii yaadatameera.
32Eeganaa gara Iyyoophe'ee ergiitii Simoonii Pheexroos jedhamu waamsisi, inni mana Simoonii gogaa duuguu ka manni isaa qarqara galaanaa bira keessummummaa achi taa'eera› naan jedhe.
Lallaba Pheexroosii33Kanaafuu hennaa san gara kee erge; atillee dhufuu keetiif mishaa goote, eeganaa waan Rabbiin biraa dhageette maraa sirraa dhagayu'uuf nu martinuu amma asi afoo Rabbii jirra.»
34Seera Keessa deebi'ii 10:17; Saamu'eelii 1ffaa 16:7 Pheexroos akkana jedhee dubbate «Dhugamaan Rabbi nama akka nama wol hin caalchifne hubadheera.
35Yoh. 9:31 Nama biyya kamiillee yoo ta'e nama Rabbiin sodaatuu fi nama waan qajeelaa hojjatu Inni hin simataani.
36Isaayyaasii Raatticha 52:7 Yesuus Kiristoos Gooftaa maraa ta'een nagaya isaa lallaba'aa dubbii kana gara ijoollee Israa'elii erge.
37Cuuphaa Yohaannis lallabeen maayii waan biyya Galiila'aatii haga Yihuudaa maraa keessatti ta'e isinuu hin beettan.
38Isaayyaasii Raatticha 61:1; Luq. 4:18; Yoh. 3:2 Rabbi Yesuusii nama Naazireetii Ayyaana Woyyu'uu fi hunnaan isa muude. Yesuus waan mishaa godha'aa worra daabiloosii bitaman maraa fayyisa'aa olii gad deeme. Waan Rabbi isa woliin jiruuf.
39Nullee waan inni biyya Yihuudotaatii fi Yerusaalemitti godhe maraaf raga'a, isa muka irratti fannisanii ajjeesan.
40Yoh. 14:19, 22; Luq. 24:30, 42 Isa Rabbi guyyaa sadaffa'aatitti du'aa kaasee, akka inni mudhatu godhe.
41Kunillee banii maraafii miti. Haata'uu ammoo, nu worra firrisa Rabbiif filatamnee ragaa isaa taaneef malee, haga inni worra du'an keessa ka'een maayii isa woliin worri nyaatee dhugee nu'u.
4217:31; Xim. 2ffaa 4:1 Bani'ii akka lallaabnuu fi worra jiranii fi worra du'an irrattillee akka inni murtii kennu Rabbiin ka murtaaye ta'uu kana akka ragaa baanu nu ajaje.
43Isaayyaasii Raatticha 33:24; 53:5-6; Ermiyaasii Raatticha 31:34; Daani'eelii Raatticha 9:24 Isatti ka amanu maruu maqaa isaatiin dhiifamsa cubbu'uu akka argatuuf raattonni martuu hin raganiif.»
Worri Yihuudota Hin Taane Ayyaana Woyyuu Argatan44 11:15; 15:8 Pheexroos waan kana akkuma dubbateen worra dubbii isa dhagayan maraa irratti Ayyaanni Woyyuun bu'e.
45Worri Pheexroosiin woliin dhufan maruu amantoonni gara worra gadoomanii ta'anii worra Yihuudota hin taane irratti kennaan Ayyaana Woyyu'uu waan bu'eef maalalan.
462:4; 19:6; Mar. 16:17 Wonti amantoonni Yihuudotaa maalalaniif, waan Ayyaanni Woyyuun worra Yihuudota hin taane irratti bu'ee laagaa haarawaan dubbata'aa hennaa Rabbiin kabajjan waan dhagayaniif.
478:36; 11:17; 2:38 Hennaa san Pheexroos deebisee, «Kunniin ammoo akkuma keenna Ayyaana Woyyuu worri fudhatan akka isaan hin cuuphamnee ka bisaan isaan dhooggu eennu?» jedhe.
48Yoh. 4:40 Akka maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphaman isaan ajaje. Kanaan maayii akka inni guyyaa hagoo taa'u kadhataniin.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.