1Gowwummaa tiyya diqqo'otti uduu naa obsitanii mishaa ta'a; ta'ullee dhugamaan naa obsaa'a.
2Efe. 5:24-27 Hinaaffaa Rabbiitiin isinii hinaafa'aa akka durba qulqullittii duuda'aatitti Kiristoosiif isin dhiyeessu'uuf dhiira tokkoof isin qaadhimeera.
3Seera Uumamaa 3:1-13 Haata'u ammoo akkuma bofin dharaan Hawwaa dogoggorse, yaanni keessan badee maal laataa qajeellumma'aa fi qulqullinni Kiristoosiif ta'u akka hin jijjiiramne sodaadha.
4Gal. 1:6-9 Ka dhufullee ka nu isinitti hin himne Yesuusii biraa yoo isinitti hime yookiin Ayyaana hin arganne ka addaa yookiin Oduu Nagayaa hin fudhanne ka addaa yoo argitan akka misha'atti obsitan.
512:11; 10:12; Qor. 1ffaa 15:9-10; Gal. 2:6, 9 Ergamoota ijoo sanniin keessaa waan tokkoonillee akka waan isaan hanqadheetitti uf hin laakkawu.
6Dubbii kiyyaan nama baratellee yoo hin fakkaanne, beekkomsan ammoo akkanaa miti. Haata'uu ammoo nama maraa wodhakka'aatti waan maraanu isinitti mudhanneerra.
7Mo'o Oduu Nagayaa Rabbii mindaa malee waan isinitti himneef; akka isin ulfaattaniif mataa kiyya waan gadi qabeef cubbuu hojjadhee laata?
8Isin tajaajilu'uuf mindaa fudhata'aa tokkummaa Woldaa Kiristaanaa saamee!
9Isin woliin uduu jiru hennaa na jalaa hanqate eennuttillee hin ulfaanne; obboleewwan Maqedooniyaa irraa dhufan waan na jalaa hanqate maraa na kennaniiran. Woma maraanuu akka isinitti hin ulfaanne uf eege, uf eegalle'e.
10Dhugaan Kiristoosii akka na keessa jiraatu boonuun kun ana biratti biyya Akkayiya'aatitti hin dhooggamu.
11Ani waan isin hin jaalanneef kana jedhaa? kana Rabbi hin beeka.
12Haata'uu ammoo waan uf jajan saniin akka keenna ta'anii argamu'uuf worra sababa soqan, sababaa isaan irraa hambisu'uuf waan amma godha'aaru ammaa achillee akkasuma godha.
13Namoonni akkanaa kunniin ergamtoota Kiristoosii fakkaatu'uuf uf jijjira'aa worra kijibdootaa fi ergamtoota dhara hojjatan.
14Kunillee waan nama maalalchiisuu miti. Seexanni mataan isaa Maleekkaa ifaa fakkaatu'uuf waan uf jijjiiruuf
15Eeganaa tajajiltoonni isaallee tajaajiltoota qajeellota fakkaachu'uuf yoo uf jijjiiran waan gudda'aa miti. Dhumti isaanii akkuma hujii isaanii ta'a.
Rakkoo Phaawuloosiin Irra Gaye16Ammallee akkana jedha; nama kamiifillee gowwaa waan ta'e isatti hin fakkaatin. Yoo gowwaallee isinitti fakkaadhe, diqqoo akka boonu akka gowwa'aatitti na laakkayaa'a.
17Akkana amanamee yoo boonu ka dubbadhu gowwumma'aan malee akka Gooftaan na ajajetti hin dubbadhu.
18Hedduun waan biyya lafaatiin waan uf jajaniif anillee akkasuma uf jaja.
19Qor. 1ffaa 4:10 Isin qaroo waan taataniif gammachu'uun worra gowwootallee waan obsitaniif.
20Qor. 1ffaa 7:23 Eennullee yoo garbicha isin godhate, eennullee yoo isin nyaate, eennullee yoo isin saame, eennullee yoo isinitti uf jaje, eennullee boqoo keessan dhabanaasa'aan yoo isin dhaye hin obsitan.
21Akka nu waan akkasii irratti dadhaboota fakkaannee turre ani saalfata'aa dubbadha. Haata'uu ammoo ani gowwumma'aan akkana jedha. Ugga eennullee ugguun anillee akkasuma hin ugga.
22Hu. Er. 22:3; Filph. 3:5 Isaan Ibrootaa? Anillee akkasuma; Isaan gosa Isiraa'eliitii? Anillee akkasuma. Isaan fiixaa Abrahaamiitii? Anillee akkasuma.
236:4-5; Qor. 1ffaa 4:1; 15:10; Hu. Er. 16:23 Isaan tajaajiltoota Kiristoosiitii? Akka nama maraatee dubbadhaa, natu caala, dadhabbii gudda'aan, guddisee tumamu'uun; hidhamu'uun bu'aa argadhee hennaa hedduu du'uu gaye.
24Seera Keessa deebi'ii 25:3 Yihudonni afurtama ta'uu tokko hanqoo hennaa shanii shabbeenaan na tuman.
25Hu. Er. 16:22; 14:19; 27:41-44 Hennaa sadihii ule'een dhayame; hennaa tokko dhaga'aan na dhayan; dooniin kiyya harka sadihii cabee, guyya'aa fi halkan galaana irra oolee bule.
26Hu. Er. 9:23; 14:5 Hennaa hedduu karaa deeme, sodaa lagaa, sodaa saamtu'uutiin, sodaa gosa kiyyaa, sodaa worra Yihuudii hin taanee, sodaa qachaa keessaa, sodaa lafa gammoojji'ii, sodaa galaanaa, sodaa kijiba obbolootaa fa'aan sodaata'aa ture.
276:4-5; Qor. 1ffaa 4:11; Tas. 1ffaa 2:9 Dadhabbi'ii fi xaariin hennaa hedduu hirriba dhabu'uun, beelaa fi dheebu'uun hennaa hedduu soomu'uun qorra keessa qullaa ture.
28Hu. Er. 20:18-21 Waan hafe uduu hin laakkayin guyya guyya'aan wonti natti ulfaatu yaada tokkummaa woldaa Kiristaanaa ti.
29 Qor. 1ffaa 9:22 Ka hin dadhabne eennu? ani hin dadhabuu? Ka cubbuu keessa hin seenne eennu? yoo san ani hin aaruu?
30Boonuun yoo ka barbaachisu ta'e waan dadhabbii kiyya keessatti ta'uun boona.
31Ka baraa haga bara baraa eebbifamaa ta'e Waandhi Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii akka ani hin kijibne na beeka.
32Hennaa ani Damasqoo ture, namichi Mooticha Arixoyoos jedhamu jalatti ummata bulchu na qabu'uuf balbala qacha'aa eessisa'aa ture.
33Hu. Er. 9:23-25 Haata'uu ammo qaalawa dallawaatiin keeshee keessa na buusanii jalaa baye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.