Ergaa Phaawuloos Gara Worra Filiphisiyuusii Erge 3 - WAADAA LAMMATAA

Qajeellummaa Dhuga'aa

1Obboleeyyan tiyya! Waan hafeen, Goofta'aan gammadaa'a waan tokko deebisee isinii barreessuun na hin dhibu. Isiniif ammoo nagaya.

2Mudh. Yoh. 22:15; Gal. 5:12; 6:12 Worra akka sare'ee foon namaa nyaatanii fi hojjattoota hammeeyii irraa uf eegaa'a. Worra seera fooniitiin waan hin taaneen dhugamaan gadoomneerra jedhaa'a soban irraa uf eegaa'a.

3Rom. 2:29; Gal. 6:14-16; Qol. 2:11 Nu worri Ayyaanaan Rabbiin kaddaamnu, ka Kiristoos Yesuusiin dhaadannu nu worra waan foonii hin hedanne worra gadoomne waan taaneef.

4Qor. 2ffaa 11:18, 21-23 Ani ammoo fooniin waan hedadhu qaba. Namni biraa eennunillee yoo ta'e, ka fooniin amanatuu waan qabu yoo itti fakkaate natu taraan.

5Hu. Er. 23:6; 26:5; Rom. 11:1; Xim. 2ffaa 1:3 Ani ka guyyaa saddeetaffa'aatitti gadoome dhaloota Israa'elii keessaa gosa Biiniyaamii ka ta'e, Ibiroota keessaallee Ibiricha. Waan seeraa yoo na gaafattan ani nama gosa Faarisii ture.

6Hu. Er. 8:3; 22:3-5; 26:9-11; Gal. 1:13 Waan hinaaffa'aa yoo gaafattan, woldaa Kiristaanaa balleessu'uuf ari'a'aa ture. Waan qajeellummaa seeraan argamu yoo na gaafattan mudaa malee ture.

7 Mat. 10:39; 13:44-46; 16:25 Haata'uu ammoo waan bu'aa naaf qabaa maraa Kiristoosiif jedhee, akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayeera.

8Rom. 3:22, 25; Gal. 2:16, 21 Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee isaaf jedhee, waa maraan miidhame.

9Akka kannaan ani ka Kiristoosii ta'ee argame. Maarre qajeellummaan tiyya ta seera eegu'uun argame uduu hin taane, Kiristoositti amanu'uun ta argamte, qajeellummaan tun Rabbiin irraa dhufti; amantii irratti hundoofti.

10Rom. 6:3-5; 8:17; Qor. 2ffaa 4:10; Gal. 6:17 Isaa fi hunna du'aa ka'iinsa isaa akka beeku, rakkoo isaallee akka qoodamuuf.

11Gara worra du'aa ka'anii gayu'uuf uduu naa ta'ee, du'aanillee isa fakkaachuu hawwa.

Gara Waan Yaadatamee Gayu'uuf Fiiguu

12 Qol. 1:29; Xim. 1ffaa 6:12; Hu. Er. 9:3-6 Kana maraa argeera yookiin guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haata'uu ammoo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasiifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga.

13Luq. 9:62 Obboleeyyan tiyya! Haga ammaallee akka waan harkaan gayadheetitti hin laakkayu. Haata'uu ammoo waan tokko hin godha. Waan na duubatti hafe irraanfata'aa ka afoo kiyya jiru qabachu'uuf hiixaadha.

14Qor. 1ffaa 9:24-25; Xim. 2ffaa 4:7-8 Gatii Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin ol na waame san argatu'uuf, gara galma sanii ariifadha.

15Eegasuu nu worri guutuu taane martinuu, kana haa yaannuu; waan tokko keessatti yaada addaa yoo qabaattan; Rabbi akkasuma waan akkasii isinii ibsa.

161:27; Gal. 6:16 Ta'ullee woma duraan baranne callaa jabeessinee haa qabannuu.

17 4:9; Qor. 1ffaa 4:16; 11:1 Obboleeyyan tiyya! Worra na fakkaattan ta'aa'a. Akkuma nullee fakkeenna isinii taanu, akkasumma worra fakkeenna keennaan deddeebi'u laalaa'a.

18Qor. 1ffaa 1:23; Gal. 6:12 Hedduun isaanii fannoo Kiristoosiitiif diina ta'anii waan jiraataniif, waan isaanii akkana isiniin jedhee, ammumaa booya'aa isinitti hima.

19Qor. 2ffaa 11:15; Rom. 16:18 Dhumti isaanii badi'i. Waandhi isaanii garaa isaaniiti, ulfinni isaanii shiingaa isaaniiti; yaanni isaanillee woma lafaatti.

20Efe. 2:6; Ibr. 11:13-16; 12:22; 13:14; Tit. 2:13 Nu biyyi teenna samii waan ta'eef, achiillee ammoo qorichi deebi'ee dhufa jennee eeggannu Gooftaa Yesuus Kiristoos.

21Qor. 1ffaa 15:43, 49, 52-53; Qor. 2ffaa 5:1; Yoh. 1ffaa 3:2 Innillee nafa keenna salphataa nafa isaa ka ulfinna qabu san akka fakkaatuuf hin jijjiira.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help