Ergaa Phaawuloos Gara Filimoona'aa Erge 1 - WAADAA LAMMATAA

1 Efe. 3:1; 4:1 Phaawuloosii waan Yesuus Kiristoosiitiif hidhameef obboleessa keenna Ximootewoosiin irraa obboleessa keenna jaalatamaa nu woliin hojjatu Filmoona'aa fi

2Qol. 4:17 Obboleetti teenna Afibiyaa, Arkipha nu woliin loltuu ta'eef, woldaa Kiristaanaa ta mana isaa keessa jirtuuf,

3Rom. 1:7; Qol. 1:2 Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haa ta'u.

Jaalalaa fi Amantaa Filmoona'aa

4 Filph. 1:3-4; Efe. 1:15-16; Rom. 1:8 Gooftaa Yesuusiin biratti, woyyoota maraa biratti waan jaalalaa fi amantaa keetii dhagayee,

5Qol. 1:4 Kadhaa kiyya keessatti si yaadata'aa hennaa maraa Rabbii kiyya hin galateeffadha.

6Gal. 5:6; Filph. 1:9 Tokkummaa amantaa keetii ka nu biraa qabdu waan mishaa maraa beeku'uun waan Yesuus Kiristoosiitiin akka daraaraa godhattu Rabbiin sii kadhadha.

7Qor. 2ffaa 7:4 Qalbiin woyyootaa hujii keetiin waan harabaafateef, Obboleessa kiyya jaalala keetiin gammachuu gudda'aa fi jabeenna argadheera.

Phaawuloos Onismoosiif Kadhate

8Kanaafuu waan godhuu si barbaachisu akka gootu si ajaju'uuf karaa Yesuus Kiristoosiitiin hagamillee yoo ugga qabaadhellee,

9Xim. 2ffaa 1:8 Ani jaarsi Phaawuloos ammallee akkasuma Yesuus Kiristoosiif jedhee hidhame, jaalalaa fi jedhee si kadhadha.

10-11 Qor. 1ffaa 4:15; Qol. 4:9; Gal. 4:19 Waan ilma kiyyaa Onismoosii ka ani hennaa mana hidha'aa jiru akka inni Kiristoositti amanuuf Oduu Nagayaa itti himee Kiristoositti amane saniif si kadhadha. Inni dura nama si hin fayyanne ture, amma ammoo anaa fi sillee hin fayyada.

12Ani isa erga, inni nama yaada garaa kiyyaa guutu waan ta'eef simadha'aan.

13Filph. 2:30 Hennaa ani mana hidha'aa jiru bikka kee akka na gargaaruuf uf biratti isa hambifachuu barbaade.

14Qor. 2ffaa 9:7; Phex. 1ffaa 5:2 Garuu uduu siin hin mari'anne waan tokkollee godhuu hin barbaanne.

15Kanaafuu maal laataa, Inni haga hennaa diqqo'oo sirraa fooyamee waan tureef amma ufitti fudhadhuu qabiin maal laataa ammaa achi akka garbichaa hin ta'u.

16Xim. 1ffaa 6:1-2; Efe. 6:5 Ati ammaa achi akka garbichaatti uduu hin taanee akka obboleessa jaalatamaa garbicha caaluutitti simadhu. Inni keessattu eega naaf jaalatama ta'e sii ammoo foonii fi karaa Goofta'aatiinillee san caalaa jaalatama'a.

17Eegasuu akka hiriyya'aatitti yoo na laakkofte akka na simattutti isallee simadhu.

18Waan tokkoonillee yoo si yakkee jiraate yoo liqaan isa irra jiraate,

19Gal. 6:11; Tas. 2ffaa 3:17 Liqaa isaa san ana irratti laakkayi! Ani Phaawuloos, «Liqaa san hin deebisa» jedhee, harka kiyyaan sii barreessa. Kanaa achi atuu Kiristoosiin keessaan liqaa kiyya akka taate sitti himuu na hin barbaachisu.

20Obboleessa kiyya! Maqaa Goofta'aatiin waan kana naa godhi; Kiristoosiin keessan garaa naa qabbaneessi.

21Anillee akka ati waan ani si kadhadhu caalaa naa gootu beekee ajajamuu keellee abadadhee kana sii barreessa. Kanaa achi Rabbi kadhaa keessan dhagayee,

22Filph. 1:25 ani gara keessan deebi'ee akka dhufu waan abdadhuuf, hulee itti harabaafadhu naa qopheessi. Achumaan waan kadhata keessaniitiif jedhee Rabbi isinii na kenna jedhee waan hedadhuuf.

Nagaya Dhumaa

23 Qol. 1:7; 4:12 Ephaafiraan maqaa Yesuus Kiristoosiitiif jedhee hidhameeru,

24Hu. Er. 19:29; 27:2; Qol. 4:10, 14; Xim. 2ffaa 4:10-11 Maarqoosiin na woliin hojjatu, Arisxirookoos, Deemaasii fi Luqaasillee nagaya sii dhaamaniiran.

25Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii hafuura keessan woliin haa ta'u.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help