1 7:3-4; 3:12; Hisqeelii Raatticha 9:4 Kunoo hoolaa gaara Tsiyoonii irra dhaabate arge. Isa woliin worra maqaan isaaniitii fi maqaan Abbaa isaa ka kallacha isaanititti barreeffame, kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afuri.
21:15 Laagaa akka bisaan gudda'aa akka gigissaa gudda'aa sami'ii dhagaye. Laagaa akka worra dibbee dhayuu dhagaye.
35:9 Teessoo afo'otti busaayota arfanii fi afoo manguddootaatitti faaruu haarawa faarfatan. Worra lafa irratti fayyan keessaa kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afurii malee faaruu san baratuun eennufillee hin danda'amne.
4Qor. 1ffaa 7:1, 8; Qor. 2ffaa 11:2 Worri kun qulqullumma'aan uf eeganiiran. Worra dubartii bira dhaqanii uf batteessanii miti; isaan kunniin qeerro'o. Worri gara hoolaan Rabbii deemu faanaa deeman kanniin fa'a. Rabbii fi hoolaa Rabbiitii akka hangafa isaanii ta'an namoota keessaa worri fayyan kanniin fa'a.
5Isaayyaasii Raatticha 53:9; Sofoniyaasii Raatticha 3:13 Afaan isaanii keessa sobninii fi mudaan hin jiru.
Maleekkota Sadiin6Maleekkaan Oduu Nagayaa bara baraa banii, fiixaa, worra afaan gara garaa ka gosa maraaf lallabu samii wodhakka'aa uduu bararu arge.
715:4; Kitaaba Faarfanna'aa 146:6 Laagaa gudda'aan sa'aatiin murtii isaa waan gayeeruuf, Rabbiin sodaadhaa'a! Ulfinnallee isaa kennaa'a. Rabbii ardii, samii, galaanaa fi burqaa bisaanii uumeef sagada'aa jedhe.
8 18:2; Isaayyaasii Raatticha 21:9; Ermiyaasii Raatticha 51:7-8 Ergamaan lammaffa'aa ka duraatitti aanee, «Baabilooniin guddooni jidde jidde, isin gofti adda addaa maruu daadhii woyini'ii ta seebarchiiftuuf ta macheessitu akka dhugan gooteerti» jedhe.
9 13:12-17 Maleekkaan sadaffa'allee laagaa gudda'aan akkana jedha'aa isaan faanaa deeme, «Ka bineensaa fi fakii isaatii sagadu yookiin kallacha ufii yookiin harka ufii irratti ka malkata isaa godhatu eennullee yoo jiraate,
1016:19; 19:20; Kitaaba Faarfanna'aa 75:8; Isaayyaasii Raatticha 51:17; Ermiyaasii Raatticha 25:15; Seera Uumamaa 19:24; Hisqeelii Raatticha 38:22 Inni daadhii woyini'ii ta lola Rabbii hin dhuga. Daadhiin woyini'ii sun uduu hin makamin mijuu lola Rabbiititti makamteerti. Woyyootaa fi afoo hoolaa Rabbiititti ibiddaa fi ibiddaa dhaga'aatiin gatii argata.
1119:3; Isaayyaasii Raatticha 34:9-10 Aarri rakkinna isaaniillee baraa haga bara baraatitti baya. Worri bineensaa fi fakii isaatii sagadan, worri malkata maqaa isaallee fudhatan maruu, halkanii guyyaa hara hin baafatan» jedhe.
1213:10; 12:17 Worri ajaja Rabbii eeganii fi woyyoonni Yesuusiin amanu'uun jabaatan.
13 Filph. 1:23; Isaayyaasii Raatticha 57:2; Ibr. 4:10 Anillee samii irraa laagaa, «Ammaa achi worri Goofta'atti amananii du'an eebbifamtoota» Ayyaanni, «Ee, akka isaan dadhabbii irraa harabaafatan, hujiin isaaniillee isaan duukaa deema jedha jedhii barreessi» laagaa jedhu dhagaye.
14 1:13; Daani'eelii Raatticha 7:13; Mat. 24:30; Mar. 13:26 Achiin maayii midhadhee duumeessa adii arge, dumeessa san irra ka ilma namaa fakkaatutu taa'eera, mataa isaa irra gulloo worqi'ii, harka isaa irraa haamtuu qaramtuu qaba.
15 Iyyu'eelii Raatticha 3:13; Mat. 13:39 Maleekkaan biraallee mana woyyu'uu keessaa bayee, ka duumeessa irra taa'e saniin, «Hennaan haama'aa waan gayeef, haamtuu tee gadi ergii haami. Sanyiin lafa irraa gayeera» jedhee laagaa gudda'aan iyye.
16Ka duumeessa irra taa'e, haamtuu ufii gara biyya lafaa erge, biyyi lafaallee hin haamamte.
17Maleekkaan biraallee mana woyyuu ka samii jiru keessaa baye; innillee akkasuma haamtuu qaramtuu qaba.
18Maleekkaan biraallee ka ibidda irratti baallii qabu hulee ciinca'aatii bayee, ka haamtuu qaramaa qabuun, «Sanyiin gayeera, haamtuu kee qaramaa gadi ergiitii muka woyini'ii ka lafa jiru maraa hurbuu isaa kuti» jedhee laagaa gudda'aan waame.
1919:15 Maleekkaan sun haamtuu ufii gara lafaa gadi darbee muka woyini'ii ka lafa jiru muree hulee cuunfaa woyini'ii ka lola Rabbii gudda'aatitti gate.
20Cuunfaan woyinii sanii qacha'aan alatti dhiitame. Dhiinni lafarraa haga dhaabicha fardaa ol fagaate ka fageenni isaa haga harabaafata yookiin meetira kuma tokkoo fi dhibba jahaatitu hulee woyiniin itti cuunfamu keessaa baye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.