1-2Eeganaa Rabbiin kaddaamuu, suutuma, cadhisu'uuf, gad uf qabuu maraan akka jiraannu, Rabbiin kadhachuu, faateffachuu, waan namoota biraatiif Rabbiin kadhachu'uu fi waan namootaa, waan moototaatii fi bulchoota maraaf waa maraa dura kunniin akka ta'u gorsa.
3-4Rabbi qorichi keenna namoonni maruu akka fayyaniif dhugaa maraa akka beekan jaalatu afo'otti wonti mishaanii fi ka nama gammachiisu kana.
5Yoh. 17:3; Rom. 3:30; Ibr. 9:15 Rabbi tokkicha, ka jidduu ta'ee Rabbii fi nama wolitti araarsullee tokkicha; Innillee Yesuus Kiristoosii nama ta'e.
6Mat. 20:28; Gal. 1:4; 2:20; Tit. 2:14 Ka namoota maraa cubbuu jalaa baasu'uuf dabarsee uf kenne.
7Xim. 2ffaa 1:11; Rom. 1:5; Gal. 2:7-9 Anillee waan kanaaf amanta'aa fi dhugaa lallabu'uuf, worra Yihuudii hin taane barsiisu'uuf akka muudame, dhugaa dubbadha malee hin sobu.
8 Yaq. 1:6 Eeganaa dhiirti hulee marattuu dheekkamsaa fi yaada hamaa malee, harka isaanii ka woyyoome ol kaasa'aa akka Rabbiin kadhatan barbaada.
9Phex. 1ffaa 3:3-5 Akkasuma ammoo intalti uffata ta'u uffachu'uun lash jedhanii qaama ufii haa qandhafanii.
105:10; Tit. 2:3-5 Dubartoonni Rabbiin hin kaddaamna jedhan akka ta'utti, waan mishaa godhuu malee, shurubbaa dhayachu'uuf, worqi'iin yookiin faaya kabajjama'aa fi uffata gatii gudda'aatiin hin qandhafin.
11Qor. 1ffaa 14:34-35 Dubartiin ammoo waa maraanuu ajajama'aa suutaan haa barattuu.
12Efe. 5:22; Seera Uumamaa 3:16 Dubartiin lash jettee haa jiraattuu malee, barsiisuu yookiin dhiira irratti baallii akka qabaattu ani isaanitti hin dhiisu.
13Seera Uumamaa 1:27; 2:7, 21-22; Qor. 1ffaa 11:8-9 Sababnillee dura Aadamtu uumame, maayessa ammoo Heewwanitu uumame.
14Seera Uumamaa 3:1-6; Qor. 2ffaa 11:3 Ka sobamellee Aadamii miti, dubartitiin ammoo sobamtee Rabbiin yakku'uun kufte.
155:14; Tit. 2:4-5 Haata'uu ammoo jaalalaa fi amanta'aan, woyyumma'aan mataa ufii gad qabatanii yoo jiraatan, dayaan hin fayyan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.