1 15:1-2, 7 Nama amanta'aan dadhabellee ufitti qabaa'a; yaada isa irratti hin murteessinaa'a.
2Seera Uumamaa 1:29; 9:3; Qor. 1ffaa 10:25 Waan maraa nyaachuun akka eeyyamameef ka amanu hin jira.
3Qor. 1ffaa 8:8-9; 10:23; Qol. 2:16 Dadhabaan ammoo ashaakiltii nyaata; Ka nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka hin nyaannellee ka nyaatu irratti hin murteessin; Rabbi waan isa ufitti qabeeruuf.
4Yaq. 4:11-12 Ati garbicha biraa irratti ka murteessitu eennu? Inni yoo dhaabate yookiin yoo kufeellee ka itti murteessu Gooftaa isaa ti. Haata'uu ammoo Rabbi waan isa dhaabuu danda'uuf hin dhaabata.
5 Gal. 4:10 Namni Kun guyyaan tokko guyyaa biraa irra woyyaa akka ta'e hin yaada. Kuun ammoo guyyaan maruu tokko akka ta'e yaada; maruu qalbii ufiitiin jabeessee haa hubatuu.
6Qol. 2:16 Ka Guyyaa kabajju Goofta'aaf jedhee kabajja; ka nyaatullee waan Rabbiin galatoonfatuuf, Goofta'aaf jedhee nyaata; ka hin nyaannellee, Goofta'aaf jedhee hin nyaatu. Rabbiinillee hin galatoonfata.
7Qor. 2ffaa 5:15; Gal. 2:20 Nu keessaa tokkollee ufiif jedhee ka jiraatu waan hin jirreef ka ufiif du'ullee hin jiru.
86:10-11; Tas. 1ffaa 5:10; Luq. 20:38 Yoo jiraanne Goofta'aaf jiraanna. Yoo duunnellee Goofta'aaf duuna. Eegasuu yoo jiraanne yookiin yoo duune nu ka Goofta'aa ti.
9Hu. Er. 10:42 Sababa kanaaf Kiristoos Gooftaa worra du'aniitii fi worra jiraatanii ta'u'uuf du'ee deebi'ee ka'e.
102:16; Mat. 7:1; 25:31-32; Hu. Er. 17:31; Qor. 2ffaa 5:10 Atillee obboleessa kee irratti maali'iif murteessitaa? Yookiin akkasuma obboleessa kee maaf tuffatta? Nu maruu teessoo murtii Kiristoosii afoo waan dhaabannuuf.
11Isaayyaasii Raatticha 45:23; Filph. 2:10-11 «Ani jiraata'a! jedha Gooftaan; Jilbi maruu anaaf jilbiinfata;
arrabni maruu Rabbiin galateeffata» jedhamee waan barreeffameeruuf.
12 Gal. 6:5 Eeganaa nu maruu waan keennaaf Rabbii deebii kennina.
Nama Biraa Hin Gufachiisin13 Mat. 18:7; Qor. 1ffaa 8:9; 10:32-33 Eeganaa adha irraa jalaqabee nu maruu akka wol irratti hin murteessine caala'aatti ammoo eennullee obboleessa ufiititti guufuu yookiin sakaallaa akka hin taane kana murteeffadhaa'a.
14Wonti battii ta'e akka hin jirre, ani Gooftaa Yesuusiin keessa ta'ee beekeera, hubadheeralle'e. Haata'uu ammoo wonti kamuu battii akka ta'e ka laakkayuuf isaa battima. Mat. 15:11; Hu. Er. 10:15; Tit. 1:15
1513:10; Qor. 1ffaa 8:11-13 Sababaa nyaataatiif jettee Obbolleessaa kee yoo ka gaddisiiftu taate, eegasuu jaalalaan hin jiraanne. Nama Kiristoos du'eef nyaataaf jettee hin balleessiiniin.
16Eegasuu wonti mishaan isin keessa jiru hin arrabamin.
17Mat. 6:33; Qor. 1ffaa 4:20; 8:8; Ibr. 13:9 Jeennanni Rabbii qajeellumma'aa fi nagaya gammachuu Ayyaana Woyyu'uuti malee, nyaataa fi dhuddoo waan hin taaneef.
18Akka kanaan ka Kiristoositti bulu Rabbiin waan gammachiisuuf; nama birattillee inni ka galataati.
1912:18; 15:2 Eegasuu karaa nagaya nuu argamsiisuuf waan nu jajjabeessu maraa haa goonuu.
20Qor. 1ffaa 3:21-23; 8:7; Tit. 1:15 Sababaa nyaataatiif, hujii Rabbii hin diigin; maruu qulqullu'u, mama'aa yoo nyaatan ammoo, nama saniif bada'a.
21Qor. 1ffaa 8:13 Waan obboleessa kee gufachiisu foon nyaatuu yookaan daadhii woyini'ii dhuguu dhiisuu, waan biraallee yoo ta'e dhiisuun misha'a.
22Qor. 1ffaa 10:25-27; Yoh. 1ffaa 3:21 Eeganaa amantiin kee kun siif Rabbii kee wadhakka'atti haata'uu. Namni waan itti amane hennaa godhu sammuun isaa isa hin qorre ka galataati.
2314:14 Namni mama'aa nyaate ammoo waan godhe san amanee waan hin gooneef itti murteeffama. Wonti amanta'aan hin goone maruu cubbu'u.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.