Ergaa Phaawuloos Gara Worra Qorontoosii Erge Ka 2ffaa 8 - WAADAA LAMMATAA

Arjoomuu Kiristaanaa

1 9:1-2; Rom. 15:26 Obboleeyyan tiyya, badhaadha Rabbi woldoota Kiristaana Maqedooniya'aatiif kenne isin beessifna.

2Rakkinna gudda'aan qoramanii uduu jiran, guddinni gammachuu isaaniitiif hiyyummaa isaanii guddisee baayi'atullee, kennaa isaaniitiin duroomaniiran.

3Haga hunna isaaniitiin waan hunna isaanii caalu fedhaan akka kennan waan isaanii isinii raga.

4Rom. 15:26 Tajaajila woyyootaa ta'uun akka hirmaattan, arjummaa kana kadhaa gudda'aan nu kadhata'aa turan.

5Dura dursanii fedha Rabbiitiif, nuufillee uf kennan malee akka nu yaannee miti.

6Kanaaf Tiitoon akkuma firrisa jalqabeen akkasuma hujii arjumma'aa kana isin birratti akka raawwatuuf isa kadhanne.

7Qor. 1ffaa 1:5; 16:1-2 Haata'uu ammoo waa maraanuu amanta'aaf dubbi'iin, beekkomsaan, ciminna maraan nuufillee jaalala keessaniin bu'aa akkuma qabdan hujii arjumma'aa kanaanillee akkasuma bu'aa qabaadhaa'a.

8 Yoh. 1ffaa 3:17-18 Akka nama ajaja kennuu kana hin jedhu, haata'uu ammoo karaa ciminna worra biraatiin dhugaa jaalala keessanillee akkasuma qoru'uuf kana jedha.

9Mat. 8:20; Luq. 9:58; Filph. 2:6-7 Kennaa arjummaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii waan beetaniirtaniif, dureessa uduu ta'u, isin hiyyummaa isaatiin akka dureeyyii taatan waan keessaniif hiyyeessa ta'e.

10Waan kana irratti gorsa isinii kenna: Bara dheengaddaatii jalqabdanii hujuu callaa uduu hin taane, akkasuma yaadu'uufillee ka firriftanii jalqabdan kun waan isin fayyaduuf.

11Kanaaf, yaanni fedhi'iin kennuu keessanii hujii irra oolee akka raawwatamu haguma dandeettaniin waan yaaddan san ammuma raawwadhaa'a.

129:7; Mar. 12:43; Kitaaba Fakkeennaa 3:27-28 Fedhiin mishaan yoo jiraate haguma qabuun ka jaalatame ta'a malee, haga hin qabineenii miti.

13Kaawwaniif harabaafannaa, isiniif rakkinna akka ta'uufii miti. Sirrii akka ta'uuf malee.

14Bu'aan isaanii akkasuma hanqinna keessan akka guutu, hennaa tana bu'aan keessan dhidhinna isaanii haa guutuu; sirri'itti akka ta'u akkuma akkana jedhamee barreeffame.

15Seera Bawu'uu 16:18 «Ka guddaa kuufate, bu'aa hin buufanne. Ka diqqoo kuufatellee womaa jalaa hin dhidhanne.»

Tiitoo Fi Goshoota Isaa

16Waandhi onnee Tiito'oo keessa waan keessaniif jabeenna kaaye haa galatoomu.

17Inni gorsa keenna waan fudhateeruuf ciminni ammoo waan itti baay'ateef fedhii ufiitiin ka'ee gara keessan dhufa.

18Waan Oduu Nagayaa lallabu'uutiif obboleessa keenna jaalatamaa woliin gara woldaa Kiristaanaa maraa hin ergina.

19Kana calla'aa miti. Haata'uu ammoo ulfinnuma Goofta'aatiif kama jaalala fedha keenna mudhisu'uuf hujii arjumma'aa ka tajaajilu'uu kana nu woliin akka qoodamu woldaa tokkumma Kiristanaatittillee filameera.

20Kennaa akkanumaan tajaajillu kanaaf eennullee akka nu hin tuffanne uf eegganna.

21Rom. 12:17 Afoo Gooftaa calla'atti uduu hin ta'in; akkasuma afoo namaatittillee waan mishaa waan yaannuuf.

22Hennaa heddu waan hedduun qoree, akka inni cimaa ta'e waan argineef; ammallee guddisee waan isin hedatuuf; obboleessa keenna Tiitoo fa'a woliin hin ergina; inni ta duraa caalaa guddisee jaba'a.

237:13; 12:18; Rom. 16:7 Waan Tiito'oo ka isin gaafatu yoo jiraate, inni goshoo kiyya ka na woliin hojjatu; waan obboleeyyan teennaallee ka gaafatu yoo jiraate, isaan ergamtoota woldaa Kiristaanaatiif ulfinna Kiristoosiiti.

24Eeganaa waan jaalala keessaniitiif waan boona nu isiniin boonnuu, tokkummaa woldaa Kiristaanaa afo'otti isaaniitti ibsaa'a.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help