1 uduu midhaaffatan argee, isaan waame;
22Isaannillee yoosuu yabalaa fi abbaa ufiillee dhiisanii isa faanaa deeman.
Yesuus Dhukkubsatoota Fayyise(Luq. 6:17-19)23 9:35; Mar. 1:39; Luq. 4:15; Hu. Er. 10:38 Yesuusillee manniin sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa maraa irraa banii fayyisa'aa Galiilaa maraa keessa deddeeme.
24Mar. 6:55 Gurri isaallee biyya Sooriya'aa maratti dhagayame. Kanaafuu worra dhibamanii, dhukkuba adda addaatiin rakkatan, worra jinniin qabeeru, worra dhukkuba gaggabdo'oo qabanii fi ka qaamni isaanii laamshaye maraa gara isaa fidan. Yesuusillee isaan fayyise.
25Mar. 3:7-8; Luq. 6:17-19 Achiin maayessa gumiin hedduun Galiila'aa, qachaa qachoota kudhanii jedhamuu keessaa, Yeruusaalemii, Yihuuda'aa fi Yoordaanosiin gamaallee baniin hedduu isa faanaa deeman.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.