Ergaa Phaawuloos Gara Worra Qolaasiyaasii Erge 1 - WAADAA LAMMATAA

1 Efe. 1:1; Filph. 1:1 Phaawuloosii fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'ee fi obboleessa isaa Ximootiwoosiin irraa,

2Rom. 1:7; Efe. 1:1-2 Woyyoota Qolaasiyaasiin keessa jiranii fi obboleeyyan Kiristoosiin hedatan, Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaaninii fi nageenni isinii haata'u.

Phaawuloos Worra Qolaasiyaasii Galateeffate

3-5 Tas. 1ffaa 1:2-3 Waan keessaniif Rabbiin yoo kadhannu sababaa abdii sami'itti isinii qophaayee, amantaa isin Yesuus Kiristoositti qabdan, jaalala woyyoota maraaf qabdan dhageenneeti, Rabbii Abbaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii hennaa maraa hin galateeffanna. Waan abdii kanaa dhugaa dubbii Oduu Nagayaatiin firriftanii dhageettaniirtan.

6Kunillee akkuma adunyaa maraa gaye, gara keessanillee gayeera. Ayyaana Rabbiillee dhuga'aan guyyaa dhageettanii fi beettan irraa jalqabee, akkasuma akkuma isin keessallee jiru, akkasuma adunyaa irratti daraaraa daraara'aa hin guddata.

7Qol. 4:12; Film. 23 Ephafiraa jaalatama'aa fi garbicha Rabbii ka nu woliin hojjatu irraa akkanatti barattan; innillee waan keessaniif tajaajilaa amanamaa Kiristoositti.

8Akkasuma waan jaalala keessanii ka Ayyaana Rabbiitiin ta'u nutti himeera.

9Efe. 1:15-17; Filph. 1:9 Kanaaf nullee akkasuma guyyaa kana dhagenne irraa jalqabnee, fedha beekkomsa isaa ogummaa Ayyaanaa hubbannaa sammuu keessan maraa akka isinitti guutuuf waan keessaniif Rabbiin kadhachuu hin dhiifne.

10-11Efe. 2:10; 4:1; Filph. 1:27; Ibr. 13:21 Hujii mishaa maraan daraaraa daraara'aa, beekkomsa Rabbiitiinillee guddata'aa,

12Efe. 1:18 gammachuu woliin waan maraanuu dhaabattanii obsu'uuf akka haga hunna ulfinna isaatitti jabeenna maraan jabaata'aa ristii woyyoota woliin akka qoodamnuun nu gaye, Aabbaan galateeffata'aa, waa maraanuu isa gammachiisu'uun akka Goofta'aa ta'utti akka jiraattan isin kadhanna.

13-14Efe. 6:12; Hu. Er. 26:18 Inni baallii dukkanaa jalaa nu fayyise nu biteeti, isallee gara jeennata jaalala Ilma isaa ka dhiifamsa cubbu'uu ittiin arganneetitti nu geesse.

Ol Aantummaa Kiristoosii

15-16 Qor. 2ffaa 4:4; Ibr. 1:3 Innillee fakkeenna Waaqa hin mudhanneti. Teessoon mudhatanii fi hin mudhanne, gooftummaan, bulchuun, baalliin, ardi'ii fi samii irra worra jiranillee yoo ta'an, martinuu waan isaan uumamaaniif, uumama maraayyuu hangafa, martinuu isaan isaaf uumameera.

17Yoh. 1:1; 8:58; 17:5; Mudh. Yoh. 22:13 Innillee maraa dura, martuu isaan wol qabateera.

18Qor. 1ffaa 15:20; Efe. 1:22-23; Mudh. Yoh. 1:5; Hu. Er. 26:23 Innillee qaama isaa jechuun, mataa Woldaa Kiristaanaati. Innillee maraa afoo ta'u'uuf, worra du'an keessaa du'aa ka'u'uun hangafa.

19-202:9; Yoh. 1:16; Efe. 1:23 Rabbi guutumaan guutu'utti isa keessa akka jiraatuuf, karaa isaatiin dhiiga fannoo irratti jigeen nagaya buuseeti waan ardi'ii fi samii irra jiru maraa ufiin wolitti araarsu'uuf waan fedheef.

21-22 Rom. 5:6, 10; 2:1, 12, 15-16 Isinillee worra shinga'aa fi mudaa hin qabne woyyoota isin taasisee, isa afoo isin dhiyeessu'uuf, hujii dharaa ka dura irraa fooyamtanii raawwatu'uun yaada keessaniin diintota turtan, amma fannifamu'uu fi du'uu ufiitiin isin araarse.

232:7; Qor. 1ffaa 15:58 Kunillee hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Oduu Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanta'aan dhaabattanii, yoo jiraattan isinii ta'a. Oduun Nagayaa sunillee uumama sami'ii gadi jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e.

Phaawuloos Hujii Woldaa Kiristaanaatiif Dadhabe

24 Efe. 3:1, 13; Xim. 2ffaa 2:10 Ani Amma waan keessaniif jedhee rakkachuu kiyyaan hin gammada. Waan nafa isaa jechuun waan woldaa Kiristaanaatiif foon kiyyaan rakkachuu Kiristoosiitiin waan hanqate anillee hin guuta.

25Waan keessaniif akkuma naaf kenname akka bulchaa mana Rabbiititti dubbii Rabbii raawwadhee akka himu, ani tajaajilaa woldaa Kiristaanaa ta'e.

26Rom. 16:25-26; Efe. 3:3-6, 9 Dubbiin kunillee jalqaba dhalootaatii jalqabee dhossaa dhokatee ture amma ammoo woyyootatti mudhateera.

27Efe. 1:18; 3:17; Xim. 1ffaa 1:1 Rabbi dhossaa ufii ka ulfinna guutuu qabu kana, worra Yihuudota hin taane jiddu'utti namoota ufiititti mudhisuu barbaade. Dhossaan kunillee Kiristoosii isin keessa jiru. Kiristoos abdii ulfinnaa ti.

28Efe. 4:13 Nullee karaa Kiristoosiitiin nama guutuu ta'u maraa dhiyeessu'uuf, nama maraa gorsa'aa, namoota maraa ogummaa maraan barsiisa'aa ka lallabnu kana.

29Efe. 3:7, 20 Waan kanaafillee akkasuma na irratti hunnaan akkuma ka hojjatu hujii isaatitti wondhassa bayu'uun dadhaba.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help