1 Qol. 3:20 Ijoolle! Goofta'aaf jedha'aatii haadhaa fi abbaa keessanii ajajamaa'a. Kun qajeelaa waan ta'eef.
2-3Seera Uumamaa 20:12; Seera Keessa deebi'ii 5:16 Akka wonti mishaan sii ta'u, «Lafa irratillee akka umuriin kee sii dheeratu», «Abba'aa fi haadha kee kabajji; isiinillee ajaja duraa ta dubbii abdi'ii qabdu.
4 Qol. 3:21 Isinillee abbootiin! Ijoollee teessan gorsa Goofta'aatiin isaan guddisaa malee, hin rifachiisinaa'a.
Garbootaa Fi Gooftota5 Qol. 3:22-25; Tit. 2:9-10; Phex. 1ffaa 2:18 Isin Garboonni akkuma Kiristoosii ajajamtan, kabajja'aa fi soda'aan yaada qajeela'aan worra fooniin gooftaa isinii ta'anii ajajamaa'a.
6Akka worra fedhii Rabbii raawwatuu akka garboota Kiristoosiititti malee, akka waan nama gammachiiftaniititti mudhachu'uuf hin ajajaminaa'a.
7Namaaf uduu hin taane, Goofta'aaf akka ajajamtan jabaachu'uun fedhii misha'aan ajajamaa'a.
8Qor. 2ffaa 5:10 Garbichaa ta'ee yookiin wolabaan martinuu waan godhu waan mishaa maraa Gooftaa irraa gatii akka argatu waan beettaniif.
9Qol. 4:1; Rom. 2:11; Hu. Er. 10:34; Seera Keessa deebi'ii 10:17; Qol. 3:25 Isinillee gooftonni dhaaduu dhiisa'aatii akkanuma isaanii godhaa'a; isaanii fi isin irrattillee Gooftaan samii bulchu akka jiru fuula namaallee laalee, ka nama wol hin caalchifne akka jiru waan beettaniif.
Mi'a Woraanaa Ka Rabbii10 3:16; Qor. 1ffaa 16:13 Waan hafeen worra dandeetti'iif jabeenna Goofta'aatiin jabaadhaa'a.
11Phex. 1ffaa 5:8-9; Qor. 2ffaa 10:4 Akka soba daabiloosii mormuu dandeettan mi'a woraanaa ka Rabbii maraa uffadhaa'a.
12 2:2; Luq. 22:31; Kitaaba Iyyoobii 1:6 Wondhaansi keenna dhiigaa fi foon woliin waan hin taaneef, bulchoota, worra baallii qaban, bulchoota abbaa dukkanaa ka adunyaa tanaa, worra samii keessa jiran loltoota ayyaana hammeeyyi'ii woliin.
13Kanaaf gaafa hamaa dhaabachuu akka dandeettan, mi'a Rabbii ka lolaa maraa hidhadhaa'a.
14-15 Luq. 12:35; Phex. 1ffaa 1:13; Tas. 1ffaa 5:8; Isaayyaasii Raatticha 11:5; 59:17 Eeganaa mudhii keessan dhuga'aan hidhadha'atii, qajeellummaa akka qomoo sibiilaatitti uffadha'aa dhaabadhaa'a; Oduu nagayaallee akka kophe'ee lukatti godhadha'aatii qophaaya'aa dhaabadhaa'a.
16Kitaaba Fakkeennaa 30:5; Kitaaba Faarfanna'aa 91:4; Yoh. 1ffaa 5:4 Maraa irratti edaatanii darbata bobaya hammeennaa mara akka dhaamsuu dandeettan woontee amanta'aa ol fuudha'aa qabadhaa'a.
17Tas. 1ffaa 5:8; Ibr. 4:12; Isaayyaasii Raatticha 59:17 Fayyinna akka gulloo sibiilaatitti mata'atti godhaa'a; guraadee Ayyaanaa qabadhaa'a; innillee dubbii Rabbiiti.
18Luq. 18:1; Rom. 12:12; Qol. 4:2-3 Faatee fi kadhanna'aan hennaa maraa Ayyaana keessa ta'a'aa faateffadhaa'a. Yaaduma kanaan waan woyyoota maraa kadhata'aa, jabaadha'aa dhaabadhaa'a.
19Tas. 2ffaa 3:1 Anillee akkasuma dhossaa Oduu Nagayaa addaata'atti akka beessisuuf akka afaan kiyya banadhu dubbii akka naa kennu waan kiyyaafillee Rabbiin naa kadhadhaa'a.
203:1; Qol. 4:4; Qor. 2ffaa 5:20 Oduun Nagayaa kunillee isuma ani haada sibiilaatiin hidhamee ergamaa ta'eef, akka dubbachuun na irraa eeggamutti waan isaa addaataa akka dubbadhu Rabbiin naa kadhadhaa'a.
Dhaamsa Dhumaa21 Hu. Er. 20:4; Qol. 4:7-8; Xim. 2ffaa 4:12 Isinnillee akkasuma attamitti akka jirru, jireenna kiyya akka beettaniif obboleessi jaalatamaaniif Goofta'aan hojjataan amanamaan Tikiqoos waa maraa isinitti hima.
22Wonti gara keessan erguuf, waan nu keessa jiru akka isinitti himuuf akka isin jajjabeessuuf.
23 Phex. 1ffaa 5:14 Nageenni Rabbii ka Gooftaa Yesuus Kiristoosii jaalallinii fi amantaan obboleeyyaniif haa ta'u.
24Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa jaalalli hin banne worra isa jaalatan maraa woliin baadhani haa ta'u. Amiin!
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.